Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Namoonni guyyoota dhumaa irraa oolan lafa jannata taate irra jiraatu

Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?

Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?

“Guyyoota dhumaa” keessa jiraachaa jirraa?

Ati maal jetta?

  • Eeyyee

  • Lakki

  • Taʼuu dandaʼa

Kitaabni Qulqulluun maal jedha?

“Guyyoota dhumaatti yeroon addaa baayʼee rakkisaa taʼe [ni dhufa].” (2 Ximotewos 3:1) Raajiin Kitaaba Qulqulluu fi wantoonni yeroo ammaatti raawwatamaa jiran, “guyyoota dhumaa” keessa akka jirru argisiisu.

Wanta dabalataa Kitaaba Qulqulluu irraa barannu

  • Guyyoonni dhumaa waraana, beela, kirkira lafaa fi dhukkuboota namoota galaafataniin adda baafamee beekama.—Maatewos 24:3, 7; Luqaas 21:11.

  • Guyyoota dhumaatti, gama naamusaa fi jireenya hafuuraatiin ilmaan namootaa irra kufaatii guddaatu gaʼaa jira.—2 Ximotewos 3:2-5.

Ilmaan namootaa gara fuulduraatti abdii akkamii qabu?

Namoonni tokko tokko, guyyoonni dhumaa badiisa lafaa fi badiisa wantoota irra jiran hundumaatiin xumuramu jedhanii amanu; kaan immoo haalli amma jiru ni fooyyaʼa jedhanii abdatu. Ati hoo maal jetta?

Kitaabni Qulqulluun maal jedha?

“Warri qajeelonni biyya in qabaatu [“lafa indhaalu,” hiika bara 1899], yeroo hundumaafis keessa in taaʼu.”Faarfannaa 37:29.

Wanta dabalataa Kitaaba Qulqulluu irraa barannu