Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Waaqayyoo Wajjin Hojjechuun Gammachuu Argamsiisa

Waaqayyoo Wajjin Hojjechuun Gammachuu Argamsiisa

“Egaa nuyi warri Waaqayyoo wajjin hojjennu, ayyaana Waaqayyoo akka waan waaʼee hin baafneetti akka hin fudhanne cimsinee isin in gorsina.”—2 QOR. 6:1.

FAARFANNAA: 28, 14

1. Yihowaan Hundaa Ol taʼus, warri kaan maal akka godhan afeereera?

YIHOWAAN Isa Hundaa Olii ti; Uumaa wantoota hundumaa, akkasumas Qaama ogummaa fi humna hammana hin jedhamne qabu dha. Iyoob kana hubatee ture. Yihowaan waaʼee uumamawwan isaa Iyoobiin gaaffii erga gaafatee booda Iyoob, “Ati waan hundumaa gochuu akka dandeessu nan beeka, akeeka kees karaatti kan hambisu hin jiru” jedhee deebiseera. (Iyo. 42:2) Yihowaan wanta hojjechuu barbaadu hunda gargaarsa warra kaanii malee hojjechuu kan dandaʼu taʼus, jalqabumaa kaasee warri kaan kaayyoo isaa galmaan gaʼuu irratti isaa wajjin akka hojjetan jaalalaan kakaʼee isaan afeereera.

2. Yihowaan Yesus hojii guddaa akkamii akka hojjetu afeeree ture?

2 Waaqayyo jalqaba kan uume Ilma isaa isa tokkicha qaama hafuuraa taʼe dha. Yihowaan, Ilmi isaa hojii qaamota hafuuraas taʼe wantoota kaan hunda uumuuf hojjetamu irratti akka hirmaatu isaaf heyyameera. (Yoh. 1:1-3, 18) Yesusiin ilaalchisee Phaawulos ergamaan, “Wanti waaqa keessa jiruu fi wanti lafa irra jiru hundinuu, wanti ijaan argamuu fi wanti ijaan hin argamne, warri teessota irra taaʼanii fi warri mootummaa qaban, warri bantii waaqaa keessaa gooftummaa fi aboo qabu jedhamanii sodaataman isaan uumaman; wanti hundinuu karaa isaa uumame, isaafis uumame” jechuudhaan barreesseera. (Qol. 1:15-17) Kanaafuu, Yihowaan hojii uumamaa irratti akka hirmaatu gochuudhaan, akkasumas gaʼee guddaa Ilmi isaa qabu warra kaanitti himuudhaan Ilma isaatiif ulfina kenneera.

3. Yihowaan Addaam maal akka godhu isa afeeree ture? Maaliif?

3 Yihowaan ilmaan namootaas isaa wajjin akka hojjetan afeereera. Fakkeenyaaf, Addaam bineeldotaaf maqaa akka moggaasu isaaf heyyameera. (Uma. 2:19, 20) Addaam uumamawwan kana hubatee ilaaluun isaa, amala isaanii qoʼachuun isaa fi tokkoon tokkoon isaaniitiif maqaan akkamii kennamuu akka qabu murteessuun isaa gammachuu guddaa isaaf argamsiisee taʼuu qaba! Yihowaan bineeldota kana waan uumeef ofuma isaatii maqaa isaaniif moggaasuu ni dandaʼa ture. Haa taʼu malee, jaalalaan kakaʼee Addaam maqaa akka isaaniif moggaasu isaaf heyyameera. Kana malees Addaam daangaa Eeden irra darbee Jannataa akka babalʼisu carraa isaaf kenneera. (Uma. 1:27, 28) Kan nama gaddisiisu garuu, Addaam dhuma irratti Waaqayyoo wajjin hojjechuu filachuu diduudhaan, ofii isaa irrattis taʼe sanyii isaa hunda irratti balaa guddaa fideera.—Uma. 3:17-19, 23.

4. Warri kaan fedhii isaa raawwachuuf Waaqayyoo wajjin kan hojjetan akkamitti?

4 Yeroo boodas Waaqayyo kaayyoo isaa raawwachuu irratti akka hirmaatan namoota kaan afeereera. Nohi markaba isaa fi maatii isaa Bishaan Badiisaa jalaa oolche ijaareera. Museen saba Israaʼel Gibxii keessaa baaseera. Iyaasuun immoo saba sana gara Biyyattii Abdachiifamtetti galcheera. Solomoon Yerusaalem keessatti mana qulqullummaa ijaareera. Maariyaam haadha Yesus taateetti. Namoonni amanamoon kunii fi kan biraa hedduun fedhii isaa raawwachuuf Yihowaa wajjin hojjetaniiru.

5. Hojii akkamii irratti hirmaachuu dandeenya? Yihowaan dirqama hojii kana irratti akka hirmaannu gochuun isa barbaachisa turee? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.)

5 Yeroo ammaatti Yihowaan Mootummaa Masiihichaatiif deggersa guutuu akka kenninu nu afeeraa jira. Karaan tajaajila qulqulluu itti dhiheessinu hedduun jira. Isaan keessaa tokko tokko Kiristiyaanonni hundi kan irratti hirmaata taʼuu dhiisuu dandaʼu; taʼus, hundi keenya hojii misiraachoo Mootummichaa lallabuu irratti hirmaachuu ni dandeenya. Yihowaan hojii kana irratti akka hirmaannu gochuun dirqama isa hin barbaachisu ture. Kallattiidhaan samii irraa namoota lafa irratti argamanitti dubbachuuf filachuu ni dandaʼa ture. Yesus, Yihowaan dhagoonni illee Masiihii isa Mootii taʼe ilaalchisee akka iyyan gochuu akka dandaʼu dubbateera. (Luq. 19:37-40) Haa taʼu malee, Yihowaan ‘warra isaa wajjin hojjennu’ akka taanu nuuf heyyameera. (1 Qor. 3:9, NW) Phaawulos ergamaan, “Egaa nuyi warri Waaqayyoo wajjin hojjennu, ayyaana Waaqayyoo akka waan waaʼee hin baafneetti akka hin fudhanne cimsinee isin in gorsina” jechuudhaan barreesseera. (2 Qor. 6:1) Waaqayyoo wajjin hojjechuun ulfina nuuf hin malle siʼa taʼu, gammachuu guddaas nuuf argamsiisa. Mee sababii kun itti taʼe tokko tokko haa ilaallu.

WAAQAYYOO WAJJIN HOJJECHUUN GAMMACHUU NUUF ARGAMSIISA

6. Ilmi Waaqayyoo inni angafni Abbaa isaa wajjin hojjechuu ilaalchisee wanta itti dhagaʼamu akkamitti ibse?

6 Bara duriitii jalqabee tajaajiltoonni Yihowaa isaa wajjin hojjechuudhaan gammachuu argachaa turaniiru. Ilmi Waaqayyoo inni jalqabaa inni ogummaatti fakkeeffame, “Waaqayyo jalqaba hojii isaatiitti . . . na uume; [yeroo sana hojjetaa isa hunda caalu taʼee isa biran ture, NW], yeroo hundumaa fuula isaa duratti gammadaa, harʼaa bor isa nan gammachiisan ture” akka jedhetti ibsameera. (Fak. 8:22, 30) Yesus yommuu Abbaa isaa wajjin hojjechaa turetti, wanta hedduu waan raawwatee fi Yihowaan akka isa jaallatu waan beekeef ni gammada ture. Nuti hoo?

Nama tokko dhugaa barsiisuu caalaa hojiin nama gammachiisu hin jiru (Keeyyata 7 ilaali)

7. Hojiin lallabaa gammachuu kan nuuf argamsiisu maaliifi?

7 Yesus kennuunis taʼe fudhachuun akka nama gammachiisu dubbateera. (HoE. 20:35) Dhugaa fudhachuun nu gammachiiseera; dhugaa kana warra kaanitti himuunis nu gammachiisa. Dhugaa Kitaaba Qulqulluu warra kaanitti yommuu himnu, namoonni karaa hafuuraa beelaʼan Waaqa keenya, akkasumas dhugaa gatii guddaa qabuu fi Dubbii isaa keessa jiru hubachuu fi dinqisiifachuu yommuu jalqaban gammachuudhaan akka guutaman ni argina. Namoonni kun ilaalcha isaanii qofa utuu hin taʼin, akkaataa jireenyaa isaaniis yommuu jijjiiran arguun keenya garaa keenya ni tuqa. Hojiin misiraachicha warra kaanitti himuuf godhamu baayʼee barbaachisaa taʼuu isaa ni hubanna. Kunis warra Waaqayyotti araaramaniif karaa jireenya bara baraa itti argatan isaaniif bana. (2 Qor. 5:20) Namoonni kaartaa daandii jireenya bara baraa irra deemuuf isaan gargaaru akka argatan gargaaruu caalaa hojiin gammachuu guddaa nuuf argamsiisu jiraa?

8. Obboloonni tokko tokko gammachuu Yihowaa wajjin hojjechuun argamsiisu ilaalchisee maal jedhaniiru?

8 Namoonni ergaa nuti isaaniif lallabnu yommuu fudhatan kan gammadnu taʼus, Yihowaa gammachiisaa akka jirruu fi carraaqqii isa tajaajiluuf goonu akka inni dinqisiifatu beekuun keenyas nu gammachiisa. (1 Qorontos 15:58 dubbisi.) Maarkoon inni Xaaliyaanii keessa jiraatu, “Nama wanta ani godhe yeruma sana irraanfatu tokkoof utuu hin taʼin, Yihowaadhaaf wanta humni koo dandaʼe kennaa akkan jiruu beekuun koo gammachuu hangana hin jedhamne naaf argamsiisa” jechuudhaan wanta itti dhagaʼame dubbateera. Firaankoonis Xaaliyaanii keessatti kan tajaajilu siʼa taʼu akkana jedheera: “Carraaqqiin nuti goonu gatii kan hin qabne yoo nutti fakkaate illee, Yihowaan karaa Dubbii isaa fi qophii karaa hafuuraa nuuf godhuun akka nu jaallatuu fi wanti isaaf jennee hojjennu hundinuu barbaachisaa akka taʼe yeroo hunda nu yaadachiisa. Waaqayyoo wajjin hojjechuun kan na gammachiisuu fi jireenyi koo kaayyoo akka qabaatu kan godhu kanaafi.”

WAAQAYYOO WAJJIN HOJJECHUUN CAALAATTI ISATTIS TAʼE WARRA KAANITTI NU DHIHEESSA

9. Yihowaa fi Yesus gidduu walitti dhufeenya akkamiitu jira? Maaliif?

9 Namoota jaallannuu wajjin yommuu hojjennu isaanitti dhihaanna, akkasumas eenyummaa isaanii fi amala isaanii hubanna. Wanta hojjechuu barbaadan qofa utuu hin taʼin, wanta sana akkamitti hojjechuu akka barbaadanis ni hubanna. Yesus tarii waggoota biliyoona hedduutti lakkaaʼamaniif Yihowaa wajjin kan hojjete siʼa taʼu, gidduu isaanittis hidhaan jaalalaa cimaa taʼee fi cituu hin dandeenye uumameera. Yesus, “Abbaanii fi ani tokko” jechuudhaan walitti dhufeenyi isaanii cimaa taʼuu isaa ibseera. (Yoh. 10:30) Yeroo hunda guutummaatti walii galanii hojjechuudhaan tokkummaa adda taʼe qabaachuu dandaʼaniiru.

10. Hojiin lallabaa caalaatti Waaqayyoo fi warra kaanitti kan nu dhiheessu maaliifi?

10 Yesus, Yihowaan bartoota isaa akka eegu kadhannaadhaan gaafateera. Maaliif? “Akkuma nuyi tokko taane, warri ati anaaf kennites tokko akka taʼaniif” jechuudhaan kadhateera. (Yoh. 17:11) Ulaagaawwan Waaqayyoo eegnee yommuu jiraannuu fi hojii lallabaa irratti yommuu hirmaannu, amalawwan isaa warra gaggaarii taʼan hubachaa deemna. Akkasumas isatti amanamuu fi qajeelfama isaa hordofuun sirrii kan taʼe maaliif akka taʼe hubanna. Yommuu Waaqayyotti dhihaannu, innis nutti dhihaata. (Yaaqoob 4:8 dubbisi.) Rakkinni wal fakkaatu waan nu mudatuuf, gammachuu wal fakkaatu waan argannuu fi galma wal fakkaatu waan qabnuuf obbolootaa fi obboleettota keenyattis ni dhihaanna. Eeyyee, waliin hojjenna, waliin gammanna, waliin jabaannee dhaabanna. Oktaaviyaan ishiin Ingilizii keessa jiraattu, “Michummaanii fi hiriyyummaan koo galmaa fi qajeelfama wal fakkaatu irratti malee, walitti dhufeenya fakkeessaa taʼe irratti kan hundaaʼe waan hin taaneef, Yihowaa wajjin hojjechuun koo warra kaanitti na dhiheesseera” jetteetti. Ati hoo akkuma kana sitti hin dhagaʼamuu? Carraaqqii isaan Yihowaa gammachiisuuf godhan yommuu ilaaltu caalaatti warra kaanitti hin dhihaattuu?

11. Addunyaa haaraa keessatti caalaatti Yihowaa fi obboloota keenyatti kan dhihaannu maaliifi?

11 Hidhaan jaalalaa yeroo ammaatti Waaqayyoo fi namootaa wajjin qabnu cimaa taʼuu dandaʼa; addunyaa haaraa qajeelummaan keessa jiraatu keessatti garuu kana caalaa cimaa taʼa. Mee hojii gara fuulduraatti nu eegu yaadi! Namoota duʼaa kaʼan simachuu fi karaa Yihowaa isaan barsiisuu qabna. Lafti gara jannataatti jijjiiramuu qabdi. Wantoonni kun hojiiwwan salphaa taʼan miti; haa taʼu malee, Mootummaa Masiihichaa keessatti harka wal qabatanii hojjechuunii fi guutummaatti cubbuu irraa walaba taʼuun gammachuu guddaa argamsiisa! Ilmaan namootaa yeroo kam iyyuu caalaa walii isaanii fi Waaqa isaanii isa shakkii tokko malee, ‘fedha warra lubbuu qaban hundumaa quufsutti’ dhihaatu.—Far. 145:16.

WAAQAYYOO WAJJIN HOJJECHUUN EEGUMSA ARGAMSIISA

12. Hojiin lallabaa eegumsa kan nuu taʼu akkamitti?

12 Jireenya hafuuraa keenya eeggachuun nu barbaachisa. Addunyaa Seexanni toʼatu keessa waan jiraannuu fi cubbamoota waan taaneef, ilaalchaa fi amala dogoggoraa addunyaa kanaa salphaatti fudhachuu dandeenya. Hafuurri addunyaa kanaa, yaaʼaa lagaa cimaa taʼee fi kallattii nuti deemuu hin barbaannetti nu dhiibuu wajjin wal fakkaachuu dandaʼa. Laga sanaan fudhatamuu irraa ooluuf, humna keenya guutuudhaan kallattii faallaa taʼeen daakuu qabna. Haaluma wal fakkaatuun, hafuura addunyaa Seexanaatiin fudhatamuu irraa ooluuf carraaqqii gochuun barbaachisaa dha. Yommuu warra kaaniif lallabnu, yaadawwan amantii keenya balleessan irratti utuu hin taʼin, dhimmawwan hafuuraa barbaachisoo fi faayida qabeessa taʼan irratti xiyyeeffanna. (Filp. 4:8) Hojiin lallabaa abdiiwwan Waaqayyoo fi ulaagaawwan inni jaalalaan kakaʼee nuu kenne nu yaadachiisuudhaan murtoo goone nuu cimsa. Akkasumas, miʼi lolaa keenya guutuu taʼee akka itti fufu nu gargaara.—Efesoon 6:14-17 dubbisi.

13. Dhugaa Baatuun Awustiraaliyaa jiraatu tokko waaʼee hojii lallabaa maaltu itti dhagaʼame?

13 Hojii lallabaa fi sochiiwwan hafuuraa kaanitti yoo qabamne, rakkoowwan keenya irratti garmalee xiyyeeffachuuf yeroo hin qabaannu; kun immoo eegumsa nuuf argamsiisa. Joʼel inni Awustiraaliyaa keessa jiraatu akkana jedheera: “Hojiin lallabaa dhugaa jiru akkan hin daganne na gargaareera. Hojiin kun rakkoowwan namoota irra gaʼaa jiranii fi faayidaawwan ani ulaagaa Kitaaba Qulqulluu hojii irra oolchuudhaan argadhe na yaadachiisa. Hojiin lallabaa gad of qabee jiraachuuf na gargaara; akkasumas, Yihowaa irrattii fi obboloota koo fi obboleettota koo irratti amanannaa akkan qabaadhu carraa naaf bana.”

14. Tajaajila keenya itti fufuun keenya, hafuurri Waaqayyoo akka nuu wajjin jiru kan argisiisu akkamitti?

14 Hojiin lallabaa hafuurri Waaqayyoo nuu wajjin akka jiru amanannaa qabnus nuu cimsa. Fakkeenyaaf, namoota naannoo keetti argamaniif daabboo wanta qaamaaf barbaachisaa taʼe of keessaa qabu akka raabsitu afeerriin siif dhihaate haa jennu. Hojii kana hojjechuu keetti wanti siif kaffalamu hin jiru, baasiin gama kanaan baastus siif hin deebifamu. Kana malees, utuma baayʼee hin turin, namoonni hedduun daabboo kana akka hin barbaannee fi namoonni tokko tokko immoo daabboo kana raabsuu keetti illee akka si jibbaan hubatta. Hojii akkanaa hojjechuu kee yeroo hangamiitiif itti fufta? Tarii deebii gadheen namoonni kennan abdii waan si kutachiisuuf, yeroo dheeraadhaaf itti fufuuf humna hin qabaattu taʼa. Haa taʼu malee, namoonni galateeffannaa hin qabne kan nu tuffatanii fi kan nu ceephaʼan yoo taʼe illee, baayʼeen keenya baasii mataa keenyaatiin waggaadhaa gara waggaatti tajaajiluu keenya itti fufneerra. Kun hafuurri Waaqayyoo nu keessatti hojjechaa akka jiru kan argisiisu mitii?

WAAQAYYOO WAJJIN HOJJECHUUN JAALALA ISAA FI OBBOLOOTA KEENYAAF QABNU ARGISIISA

15. Misiraachicha lallabuun kaayyoo Waaqayyo ilmaan namootaatiif qabuu wajjin kan wal qabatu akkamitti?

15 Mee hojiin misiraachicha lallabuu kaayyoo Yihowaan jaalalaan kakaʼee ilmaan namootaatiif qopheessee wajjin akkamitti akka wal simu yaadi. Ilmaan namootaa bara baraaf utuu hin duʼin lafa irra akka jiraatan kaayyoo isaa ture; yeroo booda garuu Addaam cubbuu kan hojjete taʼus, Yihowaan yaada isaa hin jijjiirre. (Isa. 55:11) Kanaa mannaa, ilmaan namootaa cubbuu fi duʼa jalaa akka baʼan qophii godheera. Yesus kaayyoo kana deggeruudhaan gara lafaa dhufeera; akkasumas ilmaan namootaa ajajamoo taʼaniif lubbuu isaa aarsaa godheera. Haa taʼu malee, ilmaan namootaa ajajamoo taʼuudhaaf wanta Waaqayyo isaan irraa barbaadu beekuu qabu. Kanaafuu, Yesus ulaagaawwan Waaqayyoo maal akka taʼan namoota barsiiseera, bartoonni isaas hojii kana akka hojjetan isaan ajajeera. Nutis warri kaan Waaqayyoo wajjin akka araaraman gargaaruudhaan, qophii inni jaalalaan kakaʼee ilmaan namootaa cubbuu fi duʼa jalaa oolchuuf godhe keessatti kallattiidhaan hirmaanna.

16. Hojiin lallabaa keenya ajaja Waaqayyoo isa hunda caaluu wajjin walitti dhufeenya kan qabu akkamitti?

16 Warri kaan daandii jireenya bara baraa irra akka deeman gargaaruun keenya, namootaafis taʼe Yihowaa isa, ‘namni hundinuu akka fayyu, dhugaa beekuu biras akka gaʼu fedhuuf’ jaalala akka qabnu argisiisa. (1 Xim. 2:4) Yesus, ajajni inni hunda irra caaluu fi saba Israaʼeliif kenname maal akka taʼe yeroo gaafatametti, “‘Waaqayyo kee goofticha garaa kee guutuudhaan, jireenya kee guutuudhaan, yaada kee guutuudhaanis jaallachuutu siif taʼa.’ Abboommiin hundumaa irra caalu inni duraa isa kana. Abboommiin inni lammaffaan akkuma isa duraa ti; ‘Nama akka mataa keetiitti jaallachuutu siif taʼa’” jedheera. (Mat. 22:37-39) Hojii lallabaa irratti hirmaachuudhaan, gorsa kanaaf akka ajajamnu argisiisna.—Hojii Ergamootaa 10:42 dubbisi.

17. Ulfina misiraachicha lallabuudhaaf argatteef maaltu sitti dhagaʼama?

17 Dhuguma iyyuu eebba guddaa arganneerra! Yihowaan hojii gammachuu nuuf argamsiisu, caalaatti isattis taʼe warra kaanitti nu dhiheessu, akkasumas karaa hafuuraa eegumsa nuuf argamsiisu nuu kenneera. Hojiin kun jaalala Waaqayyoo fi namootaaf qabnu argisiisuuf carraa nuu kenna. Haalli sabni Waaqayyoo lafa irratti argaman qaban garaa garummaa guddaa qaba; taʼus sabni Waaqayyoo miliyoonaan lakkaaʼaman dargaggeessa ykn maanguddoo, hiyyeessa ykn sooressa, cimaa ykn laafaa hundi isaanii amantii isaanii warra kaanitti himuuf carraa barbaadaa jiru. Atis wanta Chaantel ishiin Faransaay keessa jirtu dubbatte irratti walii galuu hin ooltu. Akkana jetteetti, “Qaamni uumama cufa keessatti humna guddaa qabu, Uumaan wantoota hundumaa fi Waaqni gammadaan akkana naan jedheera: ‘Dhaqi! Dubbadhu! Anaaf dubbadhu, garaa keetii dubbadhu. Anis humna koo, Dubbii koo Kitaaba Qulqulluu, gargaarsa ergamootaa, michoota lafa irraa, leenjii wal irraa hin cinnee fi qajeelfama yeroo isaatiif barbaachisu siifan kenna.’ Wanta Yihowaan nu irraa barbaadu raawwachuu fi Waaqa keenyaa wajjin hojjechuun mirga guddaa dha!”