Uumama 2:1-25

  • Waaqayyo guyyaa torbaffaatti ni boqote (1-3)

  • Yihowaa, Waaqa samii fi lafa uume (4)

  • Dhiiraa fi dubartii iddoo biqiltuu Eedan keessa turan (5-25)

    • Namni biyyoo irraa ni tolfame (7)

    • Muka beekumsaa isa dhowwame (15-17)

    • Dubartiin uumamuu ishii (18-25)

2  Samii fi lafti, wantoonni isaan keessa jiran hundis* uumamanii kan xumuraman akka kanaan ture.+  Waaqayyos guyyaa torbaffaatti hojii hojjechaa ture ni xumure; hojii isaa isa hojjechaa ture hundumaa irraas guyyaa torbaffaatti boqochuu jalqabe.+  Achiis Waaqayyo guyyaa torbaffaa ni eebbise, ni qulqulleesses; sababiin isaas, Waaqayyo hojii uumamaa raawwachaa ture hundumaa irraa, wanta hojjechuuf kaayyeffate hundumaa irraas boqochuu kan jalqabe guyyaa kanatti ture.  Yeroo samii fi lafti uumamanitti, jechuunis guyyaa Yihowaan* lafaa fi samii uumetti wanti raawwatame kana dha.+  Yihowaan lafa irratti bokkaan akka roobu waan hin gooneef, namni lafa misoomsus waan hin turreef, tusiin* lafa irratti hin argamu ture; biqiltuunis marguu hin jalqabne ture.  Haa taʼu malee, hurki* lafa irraa ol kaʼee guutummaa lafichaa ni obaasa ture.  Achiis Yihowaan biyyoo+ lafaa irraa nama tolchee hafuura jireenyaa funyaan isaatti baafate;+ innis nama* jiraataa taʼe.+  Kana malees, Yihowaan kallattii bahaatiin Eedan keessatti iddoo biqiltuu ni dhaabe;+ namicha tolche sanas achi keessa kaaʼe.+  Yihowaan muka ilaaluuf nama hawwatuu fi nyaachuuf gaarii taʼe hundumaa lafa irratti ni biqilche; kana malees iddoo biqiltuu sana gidduutti muka jireenyaa,+ akkasumas muka gaarii fi hamaa beeksisu+ ni biqilche. 10  Iddoo biqiltuu sana obaasuufis lagni tokko Eedan keessaa ni yaaʼa ture; innis sana booda hihiramee laga afur* taʼe. 11  Maqaan laga isa tokkoffaa Fiishoon jedhama; innis guutummaa biyya Hawiilaa isa warqiin keessatti argamutti marsa. 12  Warqiin biyya sanaa gaarii dha. Hapheen urgaaʼuu fi dhagaan oniiksiis* achitti ni argama. 13  Maqaan laga isa lammaffaa Giyoon jedhama; innis guutummaa biyya Kuushitti marsa. 14  Maqaan laga isa sadaffaa Hidikeel*+ jedhama; innis gara kallattii bahaa Asooritti+ kan yaaʼu dha. Lagni arfaffaan immoo Efraaxis+ jedhama. 15  Yihowaan akka inni iddoo biqiltuu Eedan misoomsuu fi kunuunsuuf namicha fuudhee achi keessa kaaʼe.+ 16  Kana malees, Yihowaan akkana jedhee namicha ajaje: “Muka iddoo biqiltuu sana keessa jiru hundumaa irraa hamma quuftutti ni nyaatta.+ 17  Haa taʼu malee, muka gaarii fi hamaa beeksisu irraa hin nyaatin; sababiin isaas, guyyaa isa irraa nyaattutti dhugumaan ni duuta.”+ 18  Achiis Yihowaan, “Namichi kophaa taʼuun isaa gaarii miti. Guutuu akka isa gootuuf ani kan isa gargaartu isaaf nan tolcha” jedhe.+ 19  Yihowaan bineensota bosonaa hundumaa fi uumamawwan samii irra barrisan hundumaa biyyoo lafaa irraa uumee ture; achiis namichi tokkoon tokkoon isaanii maal jedhee akka waamu ilaaluuf gara isaatti isaan fide; maqaan namichi tokkoon tokkoon uumamawwan jiraatoo sanaaf moggaases maqaa isaanii ni taʼe.+ 20  Kanaafuu, namichi beeladoota hundumaa, uumamawwan samii keessa barrisan hundumaa fi bineensota bosonaa hundumaatiif maqaa ni moggaase; haa taʼu malee, namni guutuu akka taʼu kan isa gargaartu hin qabu ture. 21  Kanaafuu, Yihowaan hirribni cimaan namicha akka fudhatu godhe; utuma inni rafaa jiruus lafee cinaachaa isaa keessaa tokko fudhatee iddoo isaa fooniin duuche. 22  Yihowaanis lafee cinaachaa isa namicha irraa fuudhe sana dubartii godhee tolche; achiis gara namichaatti ishii fide.+ 23  Yeroo kanatti namichi akkana jedhe: “Tun lafee lafeewwan kootii ti,Foon foon kootii tis. Ishiin dhiira irraa waan argamteef,Dubartii jedhamtee waamamti.”+ 24  Kanaafuu, namni abbaa isaa fi haadha isaa ni dhiisa, haadha manaa isaattis ni maxxana;* isaan foon tokko taʼu.+ 25  Namichii fi haati manaa isaa lamaan isaanii iyyuu qullaa isaanii turan;+ taʼus hin qaanaʼan turan.

Miiljaleewwan

Kal., “raayyaawwan isaanii hundi.”
Maqaan Waaqayyoo inni dhuunfaa יהוה (YHWH) jedhu yeroo jalqabaatiif kan argamu bakka kanatti dha. Kutaa Dabalataa A4 ilaali.
Jechuunis, muka gaggabaabaa gobbatee biqile.
Ykn., “hurriin.”
Ykn., “lubbuu.” Afaan Ibrootaatiin nefesh kan jedhu yeroo taʼu, kallattiidhaan, “uumama hafuura baafatu” jechuu dha. Ibsa Jechootaa ilaali.
Kal., “mataa afur.”
Ykn., “Xegros.”
Ykn., “haadha manaa isaa wajjin ni jiraata.”