Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 17

FAARFANNAA 111 Sababa Itti Gammannu

Jannata Hafuuraa Keessaa hin Baʼin

Jannata Hafuuraa Keessaa hin Baʼin

“Wantan uumaa jirutti bara baraaf gammadaa, ililchaas.”ISA. 65:18.

YAADA IJOO

Jannanni hafuuraa kan nu fayyaduu fi warri kaan gara jannata kanaatti akka dhufan gargaaruu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe baradhu.

1. Jannanni hafuuraa maalidha? Maal gochuuf kutachuu qabna?

 YEROO harʼaatti jannanni namootaa fi sochiidhaan guutame tokko lafarra jira. Namoonni miliyoonaan lakkaaʼamanii fi nagaa dhugaa qaban jannata kana keessa jiru. Namoonni jannata kana keessa jiran akka keessaa hin baane of eeggachuuf kutataniiru. Hamma isaaniif dandaʼame namoonni baayʼeen gara jannata kanaa akka dhufan gargaaruu barbaadu. Jannanni kun maalidha? Jannata hafuuraati! a

2. Jannata hafuuraa ilaalchisee wanti nama dinqisiisu maalidha?

2 Yihowaan addunyaa Seexanaa jibba, hamminaa fi wantoota balaa geessisaniin guutame keessatti karaa baayʼee ajaaʼibsiisaa taʼeen iddoon tasgabbii qabu akka jiraatu godheera. (1 Yoh. 5:19; Mul. 12:12) Waaqni keenya inni jaalala qabeessa taʼe balaa sirni kun geessisu waan beekuuf, tasgabbii karaa hafuuraa dagaaguuf nu barbaachisu nuuf kenneera. Dubbiinsaa jannanni hafuuraa iddoo balaarraa walaba taʼe, “bakka . . . itti baqatanii” fi “iddoo biqiltuu akka gaariitti bishaan argate” akka taʼetti ibsa. (Isa. 4:6; 58:11) Namoonni jannata kana keessa jiraatan guyyoota dhumaa ulfaataa taʼe kana keessatti gargaarsa Yihowaatiin gammachuu fi tasgabbiidhaan jiraachuu dandaʼaniiru.—Isa. 54:14; 2 Xim. 3:1.

3. Raajiin Isaayyaas boqonnaa 65 irratti argamu bara duriitti raawwiisaa kan argate akkamitti?

3 Yihowaan Isaayyaas raajichatti fayyadamee jireenyi namoota jannata hafuuraa keessa jiraatanii maal akka fakkaatu ibseera. Yaada kana Isaayyaas boqonnaa 65 irraa dubbisuu dandeessa; raajiin kun raawwiisaa isa jalqabaa Dh.K.D. bara 537​tti argateera. Yeroo sanatti Yihudoonni yaada geeddaratan boojuu Baabilon jalaa bilisa baʼanii biyyasaaniitti deebiʼanii turan. Yihowaan sabasaa waan eebbiseef, magaalaa Yerusaalem ishii barbadooftee turte deebisanii bareechuu fi manni qulqullummaa achi keessa jiru deebiʼee wiirtuu waaqeffannaa dhugaa akka taʼu gochuu dandaʼanii turan.—Isa. 51:11; Zak. 8:3.

4. Isaayyaas boqonnaan 65 yeroo ammaatti raawwiisaa argachaa kan jiru akkamitti?

4 Raajiin Isaayyaas raawwiisaa isa lammaffaa argachuu kan jalqabe Dh.K.B. bara 1919​ttidha; yeroo sanatti tajaajiltoonni Yihowaa boojuu Baabilon Guddittii jalaa bilisa baʼaniiru. Sana booda jannanni hafuuraa guutummaa lafaarratti babalʼachuu jalqabe. Labsitoonni Mootummichaa gumiiwwan hedduu hundeessuu fi firii hafuuraa godhachuu dandaʼaniiru. Dhiironnii fi dubartoonni amala bineensaa argisiisaa turan “namummaa haaraa isa akka fedhii Waaqayyootti . . . uumame” uffachuu dandaʼaniiru. (Efe. 4:24) Eebbawwan Isaayyaas ibse hedduun kallattiidhaan raawwiisaanii kan argatan addunyaa haaraa keessatti akka taʼe beekamaadha. Taʼus, yeroo ammaattis karaa garaagaraatiin jannata hafuuraa keessatti eebba argachaa jirra. Jannanni hafuuraa faayidaa akkamii akka nuuf argamsiisuu fi keessaa baʼuu kan hin qabne maaliif akka taʼe haa ilaallu.

MIIRA NAMOONNI JANNATA HAFUURAA KEESSA JIRAN QABAN

5. Isaayyaas 65:13 irratti waadaa akka nuuf galametti, jannata hafuuraa keessatti eebba akkamii arganna?

5 Fayya buleeyyii taʼuu fi haaromuu. Raajiin Isaayyaas jireenya namoota jannata hafuuraa keessa jiranii fi jireenya namoota jannata kanaa ala jiranii wal bira qabee ibsa. (Isaayyaas 65:13 dubbisi.) Yihowaan fedhii hafuuraa waaqeffattootasaa guutaa jira. Hafuura qulqulluu qabna; akkasumas Dubbii isaa fi nyaata hafuuraa ‘nyaachuu, dhuguu fi ittiin gammaduu’ dandeenyu hedduu qabna. (Mulʼata 22:17 wajjin wal bira qabii ilaali.) Faallaa kanaatiin, namoonni jannata hafuuraatii ala jiran ‘beelaʼaa, dheebochaa fi qaanaʼaa’ jiru. Namoonni kun fedhii hafuuraasaanii guuttachaa hin jiran.—Amo. 8:11.

6. Yooʼel 2:21-24 qophiiwwan hafuuraa nuuf godhaman kan ibsu akkamitti? Qophiiwwan kun nu fayyaduu kan dandaʼanoo akkamitti?

6 Yooʼel Yihowaan gaarummaadhaan kakaʼee sabasaatiif nyaata hafuuraa dabalatee wantoota isaan barbaachisan isaaniif guutaa akka jiru argisiisuuf jechoota midhaan, wayinii fi zayitii ejersaa jedhanitti fayyadameera. (Yoe. 2:21-24) Kanas kan godhu Kitaaba Qulqulluu, barreeffamoota Kitaaba Qulqulluurratti hundaaʼan, weebsaayitii keenya, akkasumas walgaʼiiwwan gumii, walgaʼiiwwan aanaa fi walgaʼiiwwan naannootti fayyadameeti. Qophiiwwan hafuuraa kanarraa guyyaa guyyaadhaan fayyadamuu waan dandeenyuuf karaa hafuuraa fayya buleeyyii taanee fi gammannee jiraachuu dandeenya.

7. “Gammachuu garaa” kan nuuf argamsiisu maalidha? (Isaayyaas 65:14)

7 Gammaduu. Sabni Waaqayyoo garaansaanii dinqisiifannaadhaan waan guutamuuf “ni ililchu.” (Isaayyaas 65:14 dubbisi.) Dhugaawwan nama ijaaran, waadaawwan nama jajjabeessanii fi Dubbii Waaqayyoo keessatti ibsaman, akkasumas abdiin keenya inni aarsaa Kiristoosirratti hundaaʼe “gammachuu garaa” nuuf argamsiisu. Obboloota keenya faana waaʼee wantoota kanaa haasaʼuun gammachuu dhugaa nuuf argamsiisa.—Far. 34:8; 133:1-3.

8. Wantoonni guguddaan jannata hafuuraa keessatti argaman lamaan maalfaʼi?

8 Wantoonni guguddaan jannata hafuuraa keessatti argaman lamaan jaalalaa fi tokkummaa saba Yihowaa gidduu jirudha. ‘Tokkummaan’ amma qabnu addunyaa haaraa keessatti jireenyi maal akka fakkaatu hubachuuf nu gargaara; yeroo sanatti sabni Yihowaa jaalalaa fi tokkummaa isa ammaarra baayʼee caalu qabaatu. (Qol. 3:14) Obboleettiin takka wanta akkuma saba Yihowaa wajjin wal barteen hubatte ilaalchisee akkana jetteetti: “Maatii koo gidduuttillee gammaduu kanan dandaʼu akkamitti akka taʼe hin beekun ture. Namoota jaalala dhugaa argisiisan yeroo jalqabaatiif kanan arge saba Yihowaa gidduuttidha.” Namni gammachuu dhugaa qabaachuu barbaadu kamiyyuu jannata hafuuraa keenyatti makamuu qaba. Sabni Yihowaa, ilaalchi addunyaan kun isaaniif qabu kan akkamiiyyuu yoo taʼe, Waaqasaanii fi tajaajiltootasaa hundumaa biratti maqaa ulfina qabeessaa fi gaarii taʼe qabu.—Isa. 65:15.

9. Isaayyaas 65:16, 17 haala dhiphisaa yeroo ammaatti nu mudachaa jiru ilaalchisee waadaa akkamii qabateera?

9 Boqonnaa fi tasgabbii qabaachuu. Isaayyaas 65:14 namoonni jannata hafuuraatii ala jiran ‘garaan isaanii waan gaddeef akka iyyanii fi hafuurri isaanii waan cabeef akka gadoodan’ dubbata. Waaʼee wantoota saba Waaqayyoorratti dhiphina geessisaniihoo maal jechuu dandeenya? Yeroo booda, wanti akkasii “ni irraanfatama; fuula [Waaqayyoo] duraas ni dhokata.” (Isaayyaas 65:16, 17 dubbisi.) Yihowaan rakkina nurra gaʼu hundumaa ni balleessa; suutuma suuta miira rakkinni amma nurra gaʼaa jiru nutti uume hunda guutummaatti akka irraanfannu godha.

10. Obboloota kee wajjin taʼuun eebba akka taʼe kan sitti dhagaʼamu maaliifi? (Fakkichas ilaali.)

10 Yeroo ammaattillee, walgaʼiiwwan keenyarratti yeroo argamnu tasgabbiitu nutti dhagaʼama, dhiphina addunyaan hamaan kun nurraan geessise ni irraanfanna. Jaalala, gammachuu, nagaa, gaarummaa fi garraamummaa warra kutaa firii hafuura Waaqayyoo taʼan yeroo argisiisnu, tasgabbii jannata hafuuraa keessa jiruuf gumaacha goona. (Gal. 5:22, 23) Kutaa jaarmiyaa Waaqayyoo taʼuun eebba guddaadha! Namoonni jannata hafuuraa keessa jiraachuu isaanii itti fufan waadaan Waaqayyo “samiiwwan haaraa fi lafa haaraa” fiduuf gale yeroo guutummaatti raawwatamu ni argu.

Kutaa maatii Waaqayyoo taʼuudhaan jannata hafuuraa keessa jiraachuun eebba guddaadha (Keeyyata 10 ilaali) c


11. Isaayyaas 65:18, 19 irratti akka ibsametti jannanni hafuuraa Yihowaan qopheesse miira akkamii nutti uumuu qaba?

11 Galateeffachuu fi ililchuu. Isaayyaas itti fufuudhaan sababii jannata hafuuraa keessatti ‘gammaduu fi ililchuuf’ nu kakaasu ibseera. Jannata hafuuraa kan uume Yihowaadha. (Isaayyaas 65:18, 19 dubbisi.) Kanaafuu, namoota addunyaa karaa hafuuraa waxalame kana keessaa baasee gara jannata hafuuraa isa miidhagaa taʼetti fiduuf nutti fayyadamuunsaa nama hin ajaaʼibsiisu! Eebbawwan dhugaa keessa taʼuu keenyaan argannetti baayʼee waan gammanneef, waaʼee eebbawwan kanaa namoota hundatti himuu barbaanna.—Er. 31:12.

12. Waadaan Isaayyaas 65:20-24 irratti ibsame maaltu akka sitti dhagaʼamu godha? Maaliif?

12 Abdii jannata hafuuraa keessa jiraachuu keenyaan arganneefis baayʼee galateeffanna, abdii kanatti baayʼee gammanna. Mee addunyaa haaraa Waaqayyo fidu keessatti wantoota ilaalluu fi hojii hojjennu yaadi! Kitaabni Qulqulluun, “Kana booda daaʼimni guyyoota muraasa qofa jiraatus taʼe maanguddoon umurii utuu hin quufin duʼu achitti hin argamu” jedha. ‘Manneen ijaarree keessa ni jiraanna, mukeetii wayinii dhaabnee firii isaanii ni nyaanna.’ ‘Yihowaan waan nu eebbisuuf,’ ‘akkanumaan hin dhamaanu.’ Yihowaan jireenya tasgabbaaʼaa, gammachiisaa taʼee fi kaayyoo dhugaa qabu akka nuuf kennu waadaa nuuf galeera. “Utuu isaan [isa] hin waamin” wanta tokkoon tokkoon namaatiif barbaachisu beeka, ‘fedhii uumamawwan jiraatoo hundumaas ni quubsa.’—Isa. 65:20-24; Far. 145:16.

13. Isaayyaas 65:25 jijjiirama namoonni yeroo Yihowaa tajaajiluu jalqabanitti godhan kan ibsu akkamitti?

13 Naga qabeeyyii. Namoonni kanaan dura amala bineensaa qaban gargaarsa hafuura Waaqayyootiin jireenyasaanii keessatti jijjiirama ajaaʼibsiisaa taʼe gochuu dandaʼaniiru. (Isaayyaas 65:25 dubbisi.) Amaloota gadhee kanaan dura qaban dhiisuuf carraaqqii guddaa godhaniiru. (Rom. 12:2; Efe. 4:22-24) Dhugaadha, sabni Waaqayyoo ammayyuu mudaa waan qabaniif dogoggora raawwachuunsaanii hin oolu. Haa taʼu malee, Yihowaan “akaakuu namootaa hundumaa” hidhaa jaalalaa cituu hin dandeenyee fi nagaadhaan tokko godheera. (Tit. 2:11) Kun dinqii Waaqni hundumaa dandaʼu qofti raawwatudha!

14. Isaayyaas 65:25 obboleessa tokkorratti kan raawwatame akkamitti?

14 Dhuguma namoonni eenyummaasaanii jijjiiruu ni dandaʼuu? Mee muuxannoo tokko haa ilaallu. Dargaggeessi waggaa 20 tokko nama jireenya naamusaan ala jiraatuu fi lola jaallatu ture; yeroo baayʼees mana hidhaa galeera. Dargaggeessi kun konkolaataa hatee, saamicha raawwatee fi yakkawwan ciccimoo taʼan kan biroo raawwachuusaatiin kan kaʼe hidhamee ture. Nama kamiyyuu wajjin wal loluuf qophaaʼaa ture. Akkuma Kitaaba Qulqulluurraa dhugaa dhagaʼee walgaʼii Dhugaa Baatota Yihowaarratti argamuu jalqabeen kaayyoo jireenyaa akka hubate, jechuunis jannata hafuuraa akka argate hubate. Cuuphamee Dhugaa Baatuu Yihowaa erga taʼee booda, yeroo baayʼee yaanni Isaayyaas 65:25 irratti argamu akkamitti akka isaaf hojjetu ni yaada ture. Akka bineensaa taʼuu dhiisee akka hoolaa taʼuu dandaʼeera; hammina jaallachuu dhiisee naga qabeessa taʼeera.

15. Namoota gara jannata hafuuraatti affeeruu kan barbaannu maaliifi? Kana gochuu kan dandeenyuhoo akkamitti?

15 Isaayyaas 65:13, “Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha” jechuudhaan jalqaba. Lakkoofsi 25 yaada, “jedha Yihowaan” jedhuun xumura. Waadaan inni galu yeroo hundumaa ni raawwatama. (Isa. 55:10, 11) Jannanni hafuuraa ammayyuu jira. Yihowaan maatii waaqeffattoota isaa of keessatti qabatee fi tokkummaa dhugaa qabu uumeera. Kutaa maatiisaa waan taaneef addunyaa jeeqamaa taʼe kana keessatti nagaa fi tasgabbii dhugaa qabna. (Far. 72:7) Kanaafuu, hamma nuuf dandaʼame namoonni hedduun maatii kanatti akka makaman gargaaruu barbaanna. Hojii barattoota gochuurratti xiyyeeffachuun keenya kana galmaan gaʼuuf nu gargaara.—Mat. 28:19, 20.

JANNANNI HAFUURAA NAMOOTA AKKA HAWWATU GOCHUU KAN DANDEENYU AKKAMITTI?

16. Namoonni jannata hafuuraatti galuuf maaltu isaan kakaasa?

16 Hundi keenyayyuu jannanni hafuuraa namoota akka hawwatu gochuurratti gaʼee guddaa qabna. Fakkeenya Yihowaa kan hordofnu yoo taʼe gaʼee kana raawwachuu ni dandeenya. Yihowaan namoota dirqamaan gara jaarmiyaasaatti hin fidu. Kanaa mannaa, suuta jedhee ofitti isaan ‘harkisa.’ (Yoh. 6:44; Er. 31:3) Namoonni garaansaanii gaarii taʼe, jaalala Yihowaa fi eenyummaasaa isa nama hawwatu yeroo hubatan isatti dhihaachuuf kakaʼu. Nutoo amaloota gaggaarii fi naamusa gaarii taʼe argisiisuudhaan jannanni hafuuraa namoota akka hawwatu gochuu kan dandeenyu akkamitti?

17. Jannanni hafuuraa namoota akka hawwatu gochuu kan dandeenyu akkamitti?

17 Karaan jannanni hafuuraa namoota akka hawwatu gochuu itti dandeenyu tokko obboloota keenyatti jaalalaa fi gaarummaa argisiisuudha. Namoonni haaraan yeroo walgaʼiiwwan keenyarratti argaman akkuma namoota bara duriitti Qorontos keessa jiraachaa turanii fi tarii walgaʼiirratti argamanii akka isaanitti dhagaʼamu barbaanna. Namoonni kun, “Dhuguma iyyuu Waaqayyo isin gidduu jira” jedhanii turan. (1 Qor. 14:24, 25; Zak. 8:23) Kanaafuu gorsa, “Walii keessanii wajjin nagaa qabaadhaa” jedhu hojiirra oolchuu keenya itti haa fufnu.—1 Tas. 5:13.

18. Jaarmiyaan keenya namoota akka hawwatu kan godhu maal taʼuu dandaʼa?

18 Obbolootaa fi obboleettota keenyaaf ilaalcha Yihowaan isaaniif qabu qabaachuuf yeroo hunda carraaqqii gochuu qabna. Dadhabina isaanii isa yeroo booda badurratti utuu hin taʼin, amaloota gaggaarii isaan qabanirratti xiyyeeffachuun keenya ilaalcha akkasii isaaniif qabaachuuf nu gargaara. Yeroo hunda ‘gaarummaa walitti argisiisuudhaan, garaa waliif laafuudhaan, akkasumas tola waliif dhiisuudhaan’ walitti buʼiinsa nu gidduutti uumamu kamiyyuu jaalalaan furuu dandeenya. (Efe. 4:32) Akkas kan goonu yoo taʼe jannanni hafuuraa namoota karaa kanaan qabamuu barbaadan kan hawwatu taʼa. b

JANNATA HAFUURAA KEESSAA HIN BAʼIN

19. (a) Saanduqa, “ Keessaa Baʼanii kan Turan Taʼus Deebiʼaniiru” jedhurratti akka ibsametti obboloonni tokko tokko gara jannata hafuuraatti erga deebiʼanii booda maal jedhaniiru? (b) Maal gochuuf kutachuu qabna? (Fakkichas ilaali.)

19 Jannata hafuuraa keenya baayʼee dinqisiifanna! Jannanni kun miidhaginnisaa yeroo kamiyyuu caalaa dabaleera; isa kanaan duraa caalaa namoota Yihowaa jajataniin guutameera. Jannata Yihowaan nuuf uume kanaaf barabaraaf galateeffachuu barbaanna. Namni haaromuu, gammaduu, akkasumas tasgabbii fi nagaadhaan jiraachuu barbaadu kamiyyuu gara jannata hafuuraa dhufuu qaba, matumaas keessaa baʼuu hin qabu! Seexanni nu gowwoomsee jannata kana keessaa akka baanu gochuuf carraaqqii guddaa waan godhuuf baayʼee of eeggachuu qabna. (1 Phe. 5:8; Mul. 12:9) Akka isaaf milkaaʼu heyyamuu hin qabnu. Miidhagina, qulqullinaa fi nagaa jannata hafuuraa eeguuf carraaqqii haa goonu.

Namoonni jannata hafuuraa keessa jiraachuu isaanii itti fufan gara fuulduraatti yeroo lafti jannata taatu barabaraaf jiraatu (Keeyyata 19 ilaali)


MAAL JETTEE DEEBISTA?

  • Jannanni hafuuraa maalidha?

  • Jannata hafuuraa keessatti eebbawwan akkamii arganna?

  • Jannanni hafuuraa namoota akka hawwatu gochuu kan dandeenyu akkamitti?

FAARFANNAA 144 Badhaasicha Irratti Xiyyeeffadhu!

a IBSA JECHAA: Jechi “jannata hafuuraa” jedhu haala Yihowaa itti waaqeffannu argisiisa. Jannata hafuuraa keessatti Yihowaa wajjinis taʼe walii wajjin hariiroo naga qabeessa taʼe qabaanna.

b Viidiyoo Amma Haala Akkamiirra Jiru? Alanaa Zyikinkoovaa: Akkaataa Abjuun Koo Itti Dhugoome jedhamu jw.org irraa ilaaluudhaan obboleettiin takka jannata hafuuraa keessa jiraachuun ishii eebbawwan akkamii akka ishiidhaaf argamsiise hubadhu.

c IBSA FAKKII: Walgaʼiirratti warri kaan obboloota isaanii wajjin yeroo gammachiisaa taʼe dabarsaa kan jiran taʼus, obboleessi tokko garuu warra kaanirraa adda of baaseera.