Yooʼel 2:1-32

  • Guyyaa Yihowaa fi raayyaa isaa isa guddaa (1-11)

  • Waamicha gara Yihowaatti akka deebiʼan dhihaate (12-17)

    • “Garaa keessan tarsaasaa” (13)

  • Deebii Yihowaan saba isaatiif kenne (18-32)

    • “Hafuura koo nan dhangalaasa” (28)

    • Dinqiiwwan samii fi lafa irratti raawwataman (30)

    • Namni maqaa Yihowaa waammatu ni fayya (32)

2  “Xiyoon keessatti xurumbaa* afuufaa!+ Gaara koo isa qulqulluu irratti iyya waraanaa dhageessisaa. Guyyaan Yihowaa dhufaa waan jiruuf,+ guyyichi waan dhihaateef,Jiraattonni biyyattii* hundi haa hollatan!   Guyyichi guyyaa dukkanaa fi dimimmisaa ti,+Guyyaa duumeessaa fi dukkana cimaa ti,+Akkuma ifa barraaqaa gaarota irratti babalʼatuu ti. Sabni guddaanii fi jabaa taʼe tokko jira;+Kanaan dura kan akka isaa tokko illee hin turre,Gara fuulduraattis dhaloota hundumaa keessatti Kan akka isaa matumaa hin jiraatu.   Fuuldura isaatii ibiddi ni guba,Duuba isaatiis laboobni ibiddaa ni nyaata.+ Lafti fuuldura isaa jiru iddoo biqiltuu Eedan fakkaata,+Duubni isaa garuu lafa onaa barbadaaʼe dha,Wanti isa jalaa ooluu dandaʼus hin jiru.   Bifti isaa bifa fardeenii fakkaata,Isaan akkuma fardeen waraanaatti gulufu.+   Fiixee gaarotaa irra yommuu utaalan sagaleen isaanii akkuma sagalee gaariiwwan fardaa,+Akkuma sagalee labooba ibiddaa yommuu galabaa gubu xaaxaʼuu ti. Inni akkuma saba jabaa waraanaaf tarree galee ti.+   Isaaniin kan kaʼe namoonni ni dhiphatu. Fuulli hundi ni daalachaaʼa.   Akkuma loltootaatti ni haleelu,Akkuma loltootaatti dallaa irra ni baʼu,Tokkoon tokkoon isaanii daandii isaanii qabatanii deemu,Karaa isaanii irraa hin jalʼatan.   Isaan wal hin dhiiban;Tokkoon tokkoon namaa daandii isaa irra fuulduratti adeema. Muraasni isaanii meeshaa waraanaatiin* yoo kufan,Warri kaan hiriira isaanii hin gadhiisan.   Gara magaalaatti fiiganii seenu, dallaa irras ni fiigu. Manneen irra ni baʼu, akkuma hattuus karaa foddaa ni seenu. 10  Isaan duratti lafti ni hollatti, samiiwwanis ni raafamu. Aduunii fi addeessi ni dukkanaaʼu,+Urjiileenis ifa isaanii ni dhabu. 11  Raayyaan isaa baayʼee waan taʼeef,+ Yihowaan raayyaa isaa duratti sagalee isaa ol ni kaasa.+ Inni dubbii isaa raawwatu jabaa dha;Guyyaan Yihowaa guddaa fi baayʼee sodaachisaa dha.+ Eenyutu isa dura dhaabbachuu dandaʼa?”+ 12  Yihowaan akkana jedha: “Amma iyyuu taanaan, soomaa,+ booʼaa fi gadoodaaGaraa keessan guutuudhaan gara kootti deebiʼaa.+ 13  Uffata keessan utuu hin taʼin,+ garaa keessan tarsaasaa,+Gara Waaqa keessan Yihowaatti deebiʼa,Inni gara laafessaa* fi araara qabeessa, aariidhaaf suuta kan jedhuu+ fi jaalalli isaa inni amanamaan baayʼee kan taʼe dha,+Inni badiisa fiduuf yaade ilaalchisee yaada isaa ni jijjiira.* 14  Akka isin aarsaa midhaanii fi aarsaa dhugaatii Waaqa keessan Yihowaadhaaf dhiheessitaniif,Inni duubatti deebiʼee yaada isaa jijjiiruudhaan* Eebba yoo isiniif kenne maaltu beeka?+ 15  Xiyoon keessatti xurumbaa afuufaa! Sooma labsaa;* walgaʼii qulqulluu waamaa.+ 16  Sabicha walitti qabaa; gumicha qulqulleessaa.+ Maanguddoota* walitti qabaa; ijoollee fi daaʼimman harma hodhan sassaabaa.+ Misirroo kutaa isaa isa keessaatii, misirrittiinis diinqa misirroo keessaa haa baʼan. 17  Luboonni warri tajaajiltoota Yihowaa taʼan,Barandaa fi iddoo aarsaa gidduutti+ booʼaa akkana haa jedhan: ‘Yaa Yihowaa, saba keetiif gaddi;Saboonni akka isaan bulchan gochuudhaan,Dhaalli kee kan itti qoosamu akka taʼu hin godhin. Saboonni, “Waaqni isaanii eessa jira?” maaliif jedhu?’+ 18  Yeroo sanatti, Yihowaan biyya isaatiif ni hinaafa,Saba isaattis gara laafina ni argisiisa.+ 19  Yihowaan saba isaatiif akkana jedhee deebisa: ‘Kunoo, ani midhaan, wayinii haaraa fi zayitii isiniif nan kenna,Isinis guutummaatti ni quuftu;+Ani kana booda saboota gidduutti akka arrabsamtan hin godhu.+ 20  Isa kaabaa sana isin irraa nan fageessa;Lafa gogaa fi ona taʼe keessatti isa nan bittinneessa,Loltoota isaa warra dura buʼan* gara galaana isa bahaatti,*Loltoota isaa warra duubaan jiran immoo gara galaana isa dhihaatti* nan erga. Xiraan isaa ol ni baʼa,Ajaan isaa ol baʼuu isaa ittuma fufa;+Sababiin isaas, Waaqayyo wantoota guguddaa ni raawwata.’ 21  Yaa lafaa, hin sodaatin. Yihowaan wantoota guguddaa waan raawwatuuf gammadi, ililchis. 22  Isin bineensonni bosonaa, hin sodaatinaa,Sababiin isaas, iddoowwan dheedichaa lafa onaa ni lalisu,+Mukeetiinis firii ni kennu;+Mukti harbuu fi mukti wayiniis akka gaariitti firii ni godhatu.+ 23  Yaa ilmaan Xiyoon, Waaqa keessan Yihowaatti gammadaa, ililchaas;+Sababiin isaas, inni bokkaa birraa hamma isin barbaachisu isiniif ni kenna,Rooba isiniif ni roobsa,Akkuma kanaan duraa bokkaa birraa fi bokkaa arfaasaa isiniif ni kenna.+ 24  Oobdiin midhaanii midhaan qulqulluudhaan ni guutama,Wayinii haaraa fi zayitiinis iddoo itti cuunfan keessa guutee ni dhangalaʼa.+ 25  Waggoota raayyaa koo isa guddaa,Jechuunis hoomaa awwaannisaa, ilmoo awwaannisaa, awwaannisa hin quufnee fi awwaannisa barbadeessuWarra midhaan keessan akka nyaatan ani isinitti erge sanaaf isin nan kiisa.+ 26  Isin dhugumaan hamma quuftanitti ni nyaattu,+Maqaa Waaqa keessan Yihowaas ni jajattu,+Inni isiniif jedhee wantoota dinqisiisoo raawwateera;Sabni koo matumaa lammata hin qaanaʼu.+ 27  Ani Israaʼel gidduu akkan jiru,+Waaqa keessan Yihowaa akkan taʼee+ fi ana malee kan biraan akka hin jirre dhugumaan ni hubattu! Sabni koo matumaa lammata hin qaanaʼu. 28  Sana booda ani foon hundumaa irratti hafuura koo nan dhangalaasa,+Ijoolleen dhiiraa fi ijoolleen durbaa keessan raajii ni dubbatu,Maanguddoonni keessan abjuu ni abjuʼatu,Dargaggoonni keessanis mulʼata ni argu.+ 29  Ani guyyoota sanatti garbootaa fi garbittiiwwan koo irratti illeeHafuura koo nan dhangalaasa. 30  Samiiwwan keessattii fi lafa irratti dinqiiwwan* nan raawwadha,Dhiigni, ibiddii fi utubaan aaraa ni mulʼata.+ 31  Guyyaan Yihowaa inni guddaanii fi sodaachisaan dhufuu isaa dura,+Aduun ni dukkanoofti, addeessis gara dhiigaatti ni jijjiiramti.+ 32  Namni maqaa Yihowaa waammatu hundi ni fayya;+Akkuma Yihowaan jedhe, Gaara Xiyoon irra, Yerusaalem keessas warri miliqan,+Jechuunis warri badiisa irraa oolanii fi Yihowaan waame ni jiraatu.”

Miiljaleewwan

Ykn., “fiinoo,” jechuunis, xurumbaa gaanfa irraa hojjetamu.
Ykn., “lafaa.”
Ykn., “meeshaa waraanaa furguggifamuun.”
Ykn., “arjaa.”
Ykn., “ni gaabba.”
Ykn., “gaabbuudhaan.”
Kal., “qulqulleessaa.”
Ykn., “Jaarsolii.”
Kal., “Fuula isaa.”
Jechuunis, Galaana Duʼaa.
Jechuunis, Galaana Meditiraaniyaa.
Ykn., “mallattoowwan.”