Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 27

“Yihowaa Abdadhu”

“Yihowaa Abdadhu”

“Yihowaa abdadhu; onnadhu, garaan kees cimaa haa taʼu.”—FAR. 27:14.

FAARFANNAA 128 Hamma Dhumaatti Jabaachuu

QABIYYEE *

1. (a) Yihowaan abdii akkamii nuuf kenneera? (b) ‘Yihowaa abdachuuʼ jechuun maal jechuudha? (“Ibsa Jechaa” ilaali.)

 YIHOWAAN namoota isa jaallataniif abdii dinqisiisaa kenneera. Yeroo dhihootti dhukkuba, gaddaa fi duʼa ni balleessa. (Mul. 21:3, 4) “Garraamonni” isa abdatan lafa gara jannataatti akka jijjiiran isaan gargaara. (Far. 37:9-11) Akkasumas, tokkoon tokkoon keenya isa ammaa caalaa isa wajjin walitti dhufeenya cimaa adda taʼe akka qabaannu godha. Kun abdii dinqisiisaadha mitii? Haa taʼa malee, abdiiwwan Waaqayyo kenne akka raawwataman amanuuf sababii akkamii qabna? Yihowaan yeroo hundumaa waadaa gale ni raawwata. Kanaafuu, ‘Yihowaa abdachuufʼ * sababii gaʼaa qabna. (Far. 27:14) Waaqni keenya kaayyoo isaa hamma raawwatutti obsaa fi gammachuudhaan eeguudhaan isa akka abdannu argisiisuu dandeenya.—Isa. 55:10, 11.

2. Yihowaan bara keenyatti maal raawwateera?

2 Yihowaan waadaa gale akka raawwatu argisiiseera. Mee fakkeenya adda taʼe tokko haa ilaallu. Kitaaba Mulʼataa keessatti, Yihowaan bara keenyatti namoota saba hundumaa keessaa, gosa hundumaa keessaa, akkasumas afaan dubbatamu hundumaa keessaa walitti qabee tokkummaadhaan waaqeffannaa qulqulluu akka isaaf dhiheessan akka godhu waadaa galeera. Yeroo harʼaatti gareen namootaa adda taʼe kun ‘tuuta uummataa guddaaʼ jedhamee beekama. (Mul. 7:9, 10) Gareen kun dhiirota, dubartootaa fi ijoollee sanyii, afaanii fi akkaataa guddinaa garaa garaa qaban kan of keessatti qabate taʼus, waldaa obbolummaa addunyaa maraa nagaa fi tokkummaa qabudha. (Far. 133:1; Yoh. 10:16) Namoonni tuuta uummataa guddaa keessatti hammataman labsitoota Mootummichaa hinaaffaa qabanidha. Yeroo hundumaa addunyaa haaraan akka dhufu namoota dhagaʼuuf fedhii qaban hundatti himuuf qophaaʼoodha. (Mat. 28:19, 20; Mul. 14:6, 7; 22:17) Miseensa tuuta uummataa guddaa yoo taate, abdii kee kanaaf iddoo guddaa akka kennitu homaa hin shakkisiisu.

3. Kaayyoon Seexanaa maalidha?

3 Diyaabilos abdii kana si dhabsiisuu barbaada. Kaayyoon isaa Yihowaan akka siif hin yaannee fi waadaa gale akka hin raawwanne si amansiisuudha. Seexanni abdii keenya nu dhabsiisuu yoo dandaʼe, ija jabina dhabuu, darbees Yihowaa tajaajiluullee dhaabuu dandeenya. Kanatti aansinee akkuma ilaallu, Diyaabilos Iyyoob abdii isaa akka dhabuu fi Yihowaa tajaajiluu isaa akka dhiisu gochuuf yaaleera.

4. Mata duree kana keessatti maal ilaalla. (Iyyoob 1:9-12)

4 Mata duree kana keessatti tooftaalee Seexanni Iyyoob Yihowaadhaaf amanamaa akka hin taane dirqisiisuuf itti fayyadame qorra. (Iyyoob 1:9-12 dubbisi.) Fakkeenya Iyyoob irraa maal barachuu akka dandeenyu, akkasumas Yihowaan akka nu jaallatuu fi waadaa gale akka raawwatu yaadachuu kan qabnu maaliif akka taʼes ni ilaalla.

SEEXANNI IYYOOB ABDII AKKA DHABU GOCHUUF YAALEERA

5-6. Iyyoob irra takkaatti rakkoowwan akkamiitu gaʼe?

5 Iyyoob jireenya gaarii jiraachaa ture. Yihowaa wajjin michummaa cimaa qaba ture. Maatii balʼaa gammachuu qabuu fi qabeenya hedduu qaba ture. (Iyo. 1:1-5) Haa taʼu malee, Iyyoob guyyuma tokkotti wanta qabu hunda dhabe. Jalqaba qabeenya isaa dhabe. (Iyo. 1:13-17) Achiimmoo ijoolleen isaanii hundi jalaa duʼan. Mee takka dhaabbadhuutii waaʼee haala gaddisiisaa kanaa yaadi. Warri ijoollee isaanii keessaa tokko yeroo duʼu gaddaan kan kaʼe baayʼee miidhamu. Kanaafuu, Iyyoobii fi haati manaasaa ijoolleen isaanii kurnan takkaatti duʼuu isaanii yeroo dhagaʼan hammam naʼanii, gaddanii, akkasumas abdii kutatanii akka turan tilmaamuu dandeessa. Iyyoob gaddaan uffata isaa tarsaasee lafaan of dhaʼuun isaa nama hin dinqisiisu.—Iyo. 1:18-20.

6 Seexanni itti aansuudhaan Iyyoob dhukkuba cimaa nama salphisuun akka qabamu godhe. (Iyo. 2:6-8; 7:5) Iyyoob sana dura hawaasa keessa jiraatu gidduutti nama baayʼee kabajamaa ture. Namoonni gorsa argachuuf gara isaa dhufu turan. (Iyo. 31:18) Amma garuu isarraa fagaataniiru. Obboloonni isaa, michoonni isaa fi tajaajiltoonni mana isaallee isa tuffataniiru.—Iyo. 19:13, 14, 16.

Obboloonni yeroo harʼaa jiran hedduun Iyyoob yeroo rakkinni isarra gaʼetti miirri akkamii akka isatti dhagaʼame ni hubatu (Keeyyata 7 ilaali) *

7. (a) Iyyoob rakkina kan isatti fide eenyu akka taʼe isatti dhagaʼamee ture? Garuu maal gochuu dideera? (b) Akkuma fakkicha irratti mulʼatu Kiristiyaanni tokko qorumsi akkamii isarra gaʼuu dandaʼa?

7 Seexanni Iyyoob rakkinni isarra gaʼaa kan ture Yihowaa biratti fudhatama waan dhabeef akka taʼe isa amansiisuu barbaadee ture. Fakkeenyaaf, Seexanni bubbee cimaan mana ijoolleen Iyyoob kurnan keessatti waliin nyaachaa turan akka rukutu godheera. (Iyo. 1:18, 19) Kana malees, ibiddi samii irraa buʼee beeladoota Iyyoob qofa utuu hin taʼin, tajaajiltoota isaa warra isaan eegaa turanis akka balleessu godheera. (Iyo. 1:16) Bubbee fi ibiddi sun qaama humna namaatii ol taʼerraa akka dhufan ifadha; kanaafuu, Iyyoob bubbee fi ibiddi sun Yihowaa biraa akka dhufan yaadee ture. Kanaan kan kaʼes, Iyyoob karaa taʼe tokkoon Yihowaa akka gaddisiise isatti dhagaʼame. Taʼus, Abbaa isaa isa samii arrabsuu dideera. Iyyoob waggoota hedduudhaaf wantoota gaggaarii baayʼee Yihowaa irraa argachaa akka ture dubbateera. Kanaafuu, wanta gaarii fudhachuun erga isa gammachiisee, wanta hamaas fudhachuuf fedhii qabaachuu akka qabu dubbateera. “Maqaan Yihowaa yeroo hundumaa haa jajamu” kan jedhe kanaafi. (Iyo. 1:20, 21; 2:10) Iyyoob qabeenya isaa, ijoollee isaa fi fayyaa isaa kan dhabe taʼus, Yihowaadhaaf amanamaa taʼee itti fufeera. Taʼus, Seexanni isa hin dhiisne.

8. Seexanni itti aansuudhaan tooftaa akkamiitti fayyadame?

8 Seexanni tooftaa kan biraattis fayyadameera; Iyyoob gatii akka hin qabne akka isatti dhagaʼamu gochuuf namoota michoota isaa fakkaatanii isatti dhihaatan saditti fayyadameera. Namoonni sadan kun Iyyoob irra rakkinni gaʼaa kan jiru dogoggora hedduu waan raawwateef akka taʼe dubbatan. (Iyo. 22:5-9) Wanta hamaa raawwachuu yoo baatellee carraaqqiin inni Waaqa gammachiisuuf godhe gatii akka hin qabne isa amansiisuufis yaalaniiru. (Iyo. 4:18; 22:2, 3; 25:4) Karaa biraatiin Waaqayyo akka isa jaallatu, akka isa kunuunsu, akkasumas isa tajaajiluun gatii qabaachuu isaa akka shakku gochuuf yaalaa turan. Wanti isaan dubbatan Iyyoob haalli isaa abdii akka hin qabne akka isatti dhagaʼamu gochuu dandaʼa ture.

9. Iyyoob ija jabeessaa fi cimaa akka taʼu maaltu isa gargaare?

9 Mee haala isaa yaadi. Iyyoob daaraa keessa taaʼee dhukkubbii wal irraa hin cinneen dararamaa jira. (Iyo. 2:8) Michoonni isaa utuu wal irraa hin kutin nama gaarii akka inni hin taanee fi wanti inni raawwates gatii akka hin qabne isatti himaa jiru. Qorumsi isaa akkuma dhagaa guddaa isatti ulfaateera; duʼa ijoollee isaatiin kan kaʼes gadda guddaadhaan liqimfameera. Jalqabarratti Iyyoob homaa hin dubbanne. (Iyo. 2:13–3:1) Michoonni isaa Iyyoob callisuun isaa Uumaa isaa akka dhiise argisiisa jedhanii yaadaniiru yoo taʼe baayʼee dogoggoraniiru. Achiis Iyyoob mataa isaa ol qabee jara kana ilaalaa taʼuu dandaʼaa, “Hamman duʼutti amanamummaa koo hin dhiisu” jedhe. (Iyo. 27:5) Iyyoob rakkinni kun hundi isarra gaʼus hamma kana ija jabeessaa fi cimaa taʼuuf maaltu isa gargaare? Yeroo baayʼee dhiphatee ture kanattillee Waaqni isaa inni jaalala qabeessa taʼe boqonnaa akka isaaf kennu ni abdata ture. Yoo duʼellee Yihowaan duʼaa akka isa kaasu beeka ture.—Iyo. 14:13-15.

FAKKEENYA IYYOOB HORDOFUU KAN DANDEENYU AKKAMITTI?

10. Seenaa Iyyoob irraa maal baranna?

10 Seenaan Iyyoob Seexanni Yihowaa akka dhiisnu nu dirqisiisuu akka hin dandeenyee fi Yihowaan waaʼee keenya wanta hunda akka beeku nu barsiisa. Muuxannoon Iyyoob gaaffii Seexanni kaase caalaatti hubachuufis nu gargaara. Mee wantoota Iyyoob irraa barachuu dandeenyu tokko tokko haa ilaallu.

11. Yihowaatti amanamuu keenya yoo itti fufne buʼaa akkamii arganna? (Yaaqoob 4:7)

11 Iyyoob Yihowaatti amanamuu keenya yoo itti fufne qorumsa kamiyyuu dandamachuu fi Seexana mormuurratti milkaaʼina argachuu akka dandeenyu argisiiseera. Kun hoo buʼaa akkamii nuuf argamsiisa? Kitaabni Qulqulluun Diyaabilos nurraa akka fagaatu dubbata.—Yaaqoob 4:7 dubbisi.

12. Abdiin duʼaa kaʼuu Iyyoobiin kan cimse akkamitti?

12 Abdii duʼaa kaʼuurratti amantii cimaa qabaachuu qabna. Akkuma mata duree darberratti ilaalle Seexanni amantii keenya akka gannu gochuuf yeroo baayʼee sodaa duʼaatti fayyadama. Seexanni Iyyoob lubbuu isaa oolfachuuf jedhee wanta kamiyyuu akka godhu, ejjennoo isaallee akka laaffisu dubbateera. Garuu baayʼee dogoggoreera. Iyyoob yeroo duʼuu jala gaʼee turettillee ejjennoo isaa hin laaffisne. Wanti jabaatee akka dhaabbatu isa gargaare gaarummaa Yihowaarratti amanannaa cimaa qabaachuu isaa fi Yihowaan yeroo booda wanta hunda akka sirreessu abdachuu isaati. Iyyoob Yihowaan utuma inni lubbuudhaan jiruu wanta hunda sirreessuu yoo baatellee gara fuulduraatti duʼaa akka isa kaasu amantii qaba ture. Abdiin duʼaa kaʼuu isaaf dhugoomee ture. Abdiin kun nuufis dhugoomeera yoo taʼe duʼaaf yoo saaxilamnellee ejjennoo keenya hin laaffisnu.

13. Tooftaalee Seexanni Iyyoobiin qoruuf itti fayyadameef xiyyeeffannaa kennuu kan qabnu maaliifi?

13 Tooftaalee Seexanni Iyyoobiin qoruuf itti fayyadameef xiyyeeffannaa kennuun keenya barbaachisaadha; sababiin isaas, Seexanni yeroo harʼaattis tooftaalee kanatti ni fayyadama. Seexanni maal jedhee himata akka dhiheesse hubadhu: “Namni [Iyyoob qofa miti] lubbuu isaatiif jedhee wanta qabu hundumaa ni kenna.” (Iyo. 2:4, 5) Karaa kan biraatiin Seexanni akka nuti garaadhaa Yihowaa hin jaallannee fi lubbuu keenya oolfachuuf jennee isa akka dhiisnu dubbachaa jira. Kana malees, Seexanni Yihowaan akka nu hin jaallannee fi carraaqqii isa gammachiisuuf goonuuf xiyyeeffannaa akka hin kennine dubbateera. Tooftaalee Seexanaa dursinee waan beeknuuf nuti warri Yihowaa abdannu tooftaalee kanaan hin gowwoomfamnu.

14. Qorumsi waaʼee ofii keenyaa maal hubachuuf nu gargaara? Fakkeenyaan ibsi.

14 Qorumsawwan nurra gaʼan carraa waaʼee ofii keenyaa beekuuf nu gargaaran akka taʼanitti ilaaluu qabna. Qorumsawwan Iyyoob irra gaʼan dadhabina isaa tokko tokko beekuu fi sirreessuuf isa gargaaraniiru. Fakkeenyaaf, amala gad of qabuu caalaatti horachuun akka isa barbaachisu hubateera. (Iyo. 42:3) Nutis yeroo qorumsi nurra gaʼu waaʼee ofii keenyaa wanta baayʼee hubachuu dandeenya. Obboleessi Niikoolaay * jedhamuu fi dhibee fayyaa cimaa utuu qabuu hidhame akkana jedheera: “Manni hidhaa akkuma meeshaa raajii kaasuuti; Kiristiyaanni tokko keessa isaatti amaloota akkamii akka qabu argisiisa.” Dadhabinni keenya maal akka taʼe erga adda baafannee booda sirreessuuf carraaqqii gochuu dandeenya.

15. Dhaggeeffachuu kan qabnu eenyu? Maaliif?

15 Diinota keenya utuu hin taʼin Yihowaa dhaggeeffachuu qabna. Iyyoob yeroo Yihowaan isatti dubbatu xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffateera. Waaqayyo akkuma waan akkana jedhee Iyyoobiin gaafatetti yaaduu dandeenya: ‘Humnan uumuuf qabu argiteettaa? Wanta sirra gaʼe hunda beeka. Si kunuunsuu akkan hin dandeenye sitti dhagaʼamaa?ʼ Iyyoob gad of qabuudhaan karaa gaarummaa Yihowaatiif dinqisiifannaa guddaa akka qabu argisiisuun deebii kenneera. “Gurri koo waaʼee kee dhagaʼee ture, amma garuu ijuma kootiin si argeera” jedhe. (Iyo. 42:5) Iyyoob kana kan dubbate daaraa keessa taaʼee, qaamni isaas madaadhaan uwwifamee, akkasumas duʼa ijoollee isaatiin kan kaʼe gaddaa yeroo turetti taʼuu hin oolu. Taʼus, Yihowaan akka isa jaallatuu fi isa biratti fudhatama akka argate isaaf mirkaneesseera.—Iyo. 42:7, 8.

16. Akka Isaayyaas 49:15, 16 jedhutti yeroo qorumsi nurra gaʼu maal sammuutti qabachuu qabna?

16 Yeroo harʼaas namoonni nu arrabsuu fi akka waan gatii hin qabneetti nu ilaaluu dandaʼu. Maqaa keenyas taʼe kan jaarmiyaa keenyaa balleessuuf yaalu taʼa; akkasumas ‘sobaan wanta hamaa hundumaa nu irratti dubbachuuʼ dandaʼu. (Mat. 5:11) Seenaa Iyyoob irraa akka barannutti Yihowaan qorumsi yeroo nurra gaʼu amanamummaa keenya akka eeggannu nurratti amantii qaba. Yihowaan nu jaallata; inni warra isa abdatan matumaa hin dhiisu. (Isaayyaas 49:15, 16 dubbisi.) Wanta diinonni Waaqayyoo maqaa balleessuuf dubbatan kamiifiyyuu xiyyeeffannaa hin kennin. Obboleessi Jeemsi jedhamuu fi Turkii jiraatu maatii isaarra qorumsi cimaan gaʼee ture; akkana jedheera: “Soba waaʼee saba Waaqayyoo dubbatamu dhaggeeffachuun abdii akka nama kutachiisu hubanneerra. Kanaafuu, abdii keenyarratti xiyyeeffanne. Akkasumas tajaajila Yihowaadhaaf dhiheessinuun qabamuu keenya itti fufne. Kunis gammachuu keenya eeggachuuf nu gargaareera.” Nutis akkuma Iyyoob Yihowaa dhaggeeffanna. Sobni diinonni keenya dubbatan abdii keenya nu jalaa hin balleessu.

ABDIIN KEE JABAATTEE DHAABBACHUUF SI GARGAARA

Iyyoob amanamummaa argisiiseef eebbifameera. Innii fi haati manaasaa yeroo dheeraadhaaf eebba Yihowaa argataniiru (Keeyyata 17 ilaali) *

17. Fakkeenya dhiirotaa fi dubartoota amanamoo Ibroota boqonnaa 11 irratti ibsamanii irraa maal baratte?

17 Tajaajilaan Yihowaa qorumsa cimaa ija jabinaa fi ciminaan dandamate Iyyoob qofa miti. Phaawulos ergamaan xalayaa Ibrootaaf barreesserratti tajaajiltoota Yihowaa kan biroo hedduu caqaseera; namoota kanas, “Dhugaa baatota akka duumessa guddaa [taʼan]” jedhee waameera. (Ibr. 12:1) Hundi isaanii qorumsa cimaa keessa darbaniiru; taʼus jireenya isaanii guutuu Yihowaadhaaf amanamoo taʼaniiru. (Ibr. 11:36-40) Maarree, jabaatanii dhaabbachuun isaanii fi carraaqqii guddaa gochuun isaanii homaa gatii hin qabuu? Matumaa. Yeroo lubbuudhaan jiranitti waadaawwan Waaqayyo gale hundi yeroo raawwataman arguu baatanis Yihowaa abdachuu isaanii itti fufaniiru. Yihowaa biratti fudhatama akka argatan mirkanaaʼoo waan turaniif, waadaawwan kun yommuu raawwataman akka argan amanannaa qabu turan. (Ibr. 11:4, 5) Fakkeenyi isaanii murtoo Yihowaa abdachuu keenya itti fufuuf goone nuuf cimsa.

18. Maal gochuuf murteessiteetta? (Ibroota 11:6)

18 Yeroo ammaatti jiraachaa kan jirru addunyaa isa gadheerraa gara isa caalaatti gadhee taʼetti deemu keessadha. (2 Xim. 3:13) Seexanni saba Waaqayyoo qoruu isaa itti fufeera. Gara fuulduraatti rakkinni akkamiiyyuu yoo nu mudate, ‘Waaqa isa jiraataa taʼe abdachuudhaanʼ Yihowaadhaaf jabaannee hojjechuuf haa murteessinu. (1 Xim. 4:10) Wanti Waaqayyo Iyyoobiif godhe, “Yihowaan jaalala guddaa kan qabuu fi gara laafessa” taʼuusaa akka mirkaneessu yaadadhu. (Yaq. 5:11) Yihowaan “warra cimsanii isa barbaaddatan” akka badhaasu amantii qabaachuudhaan nutis amanamummaa keenya eeggannee itti haa fufnu.—Ibroota 11:6 dubbisi.

FAARFANNAA 150 Fayyina Argachuuf Waaqayyoon Barbaaddadhaa

^ Waaʼee namoota qorumsa cimaa dandamatanii yeroo yaannu yeroo baayʼee Iyyoobiin yaadanna. Muuxannoo nama amanamaa kanaa irraa maal baranna? Seexanni Yihowaa akka dhiisnu nu dirqisiisuu akka hin dandeenye baranna. Kana malees, Yihowaan wanta nurra gaʼu hundumaa akka beeku nu hubachiisa. Yihowaan akkuma qorumsi Iyyoob irra gaʼaa ture akka dhaabbatu godhe, gaaf tokko rakkoowwan nurra gaʼan hundis akka dhaabbatan ni godha. Kana akka amannu gocha keenyaan kan argisiisnu yoo taʼe, namoota dhugumaan ‘Yihowaa abdatanʼ keessaa tokko taana.

^ IBSA JECHAA: Jechi Afaan Ibrootaa “abdachuu” jedhamee hiikame wanta tokko hawwii guddaadhaan eeggachuu jechuudha. Jechi kun qaama tokko amanuu yaada jedhus dabarsuu dandaʼa.—Far. 25:2, 3; 62:5.

^ Maqaawwan tokko tokko jijjiiramaniiru.

^ IBSA FAKKII: Iyyoobii fi haati manaasaa ijoollee isaanii duʼaan waan dhabaniif baayʼee gaddaniiru.

^ IBSA FAKKII: Iyyoob qorumsa isarra gaʼe hamma dhumaatti dandamateera. Innii fi haati manaasaa eebba Yihowaan isaaniifis taʼe maatii isaaniitiif kenne irratti xiinxalaa jiru.