Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Fedhiidhaan Of Dhiheessaniiru—Niiwu Yoorki

Fedhiidhaan Of Dhiheessaniiru—Niiwu Yoorki

WAGGOOTA muraasa dura, Seesaarii fi haati manaa isaa Roosiyoon, Kaalifoorniyaatti jireenya gaarii jiraatu turan; Seesaar hojii meeshaalee hoʼa kennan, qabbaneessanii fi qilleensi gaariin akka jiraatu godhan hojjechuu wajjin wal qabatu hojjechaa ture; isheen immoo yeroo boqonnaa isheetti doktoorota bira hojjetti turte. Mana dhuunfaa isaanii kan qaban siʼa taʼu ijoollee hin qaban turan. Haa taʼu malee, wanti akkaataa jireenyaa isaanii jijjiiru tokko isaan mudate. Wanti kun maal ture?

Onkoloolessa 2009tti, waajjirri damee Yuunaayitid Isteetis, xalayaa namoonni dandeettii hojichaaf barbaachisu qaban hojii ijaarsaa waajjira damee Woolkiil, Niiwu Yoorkitti raawwatamu irratti gargaarsa gochuuf yeroo murtaaʼeef Betʼel keessa akka tajaajilan afeeru gumiiwwan biyyattii keessa jiraniif ergee ture. Obboloonni umuriin isaanii waggaa 35 ol taʼe illee foormii akka guutan afeeramanii turan. Seesaarii fi Roosiyoon, “Umuriin keenya waan deemeef carraan kun Betʼel keessa tajaajiluuf carraa lammata deebiʼee hin argamne taʼuu isaa hubannee turre. Sababii kamiin iyyuu carraa kana dabarsuu hin barbaannu turre!” jedhaniiru. Hiriyoonni gaaʼelaa kun yeruma sana foormii guutanii ergan.

Obboloota Waarwiikitti hojjechuuf fedhiidhaan of dhiheessan keessaa muraasa

Foormicha erga guutanii waggaan tokko kan darbe taʼus, Seesaarii fi Roosiyoon Betʼelitti akka tajaajilan hin waamamne turan. Isaan garuu, galma isaanii kana irra gaʼuuf tarkaanfii dabalataa fudhachuudhaan jireenya isaanii salphisaniiru. Seesaar akkas jedheera: “Mana keenya nama kan biraatiif kireessuu akka dandeenyutti gaaraajii keenya mana kutaa tokko qabu goone. Mana keenya isa baayʼee jaallannuu fi waggoota muraasa dura lafa kaaree meetira 200 balʼatu irratti ijaarranne dhiisuudhaan, mana kaaree meetira 25 qofa balʼatu keessa jiraachuu jalqabne. Jijjiirama akkasii gochuun keenya, Betʼelitti akka tajaajilluuf afeerriin yoo nuu dhihaate, salphaatti afeerrii kana fudhachuuf nu dandeessisa.” Sana booda maaltu taʼe? Roosiyoon akkas jetteetti: “Mana keenya isa xinnootti gallee jiʼa tokkoo booda, yeroo murtaaʼeef Woolkiilitti akka tajaajillu afeeramne. Jireenya keenya salphisuudhaan, Yihowaan akka nu eebbisuuf karaa akka banne nutti dhagaʼama.”

Jeesan, Seesaarii fi Wiiliyaam

FEDHII OFII AARSAA GOCHUUN ISAANII EEBBA ARGAMSIISEERAAF

Akkuma Seesaarii fi Roosiyoo obboloonni dhibbaan lakkaaʼaman hojii ijaarsaa Niiwu Yoorkitti raawwatamaa jiru irratti hirmaachuuf aarsaa kaffalaniiru. Muraasni isaanii hojii babalʼisuu Woolkiilitti raawwatamu irratti kan hirmaatan siʼa taʼu, baayʼeen isaanii immoo ijaarsa waajjira muummee Waarwiikitti raawwatamaa  jiru irratti hirmaachuuf mirga argataniiru. * Hiriyoonni gaaʼelaa hedduun, Yihowaa guutummaatti tajaajiluuf jecha mana isaanii isa mijataa taʼee fi hojii isaanii isa gaarii taʼe dhiisaniiru; akkasumas maatii isaanii irraa fagaatanii deemaniiru. Yihowaan hafuura fedhii ofii aarsaa gochuu isaan argisiisan kana eebbiseeraa? Eeyyee, eebbiseera!

Weey

Fakkeenyaaf, Weey inni hojii elektiriikii hojjetuu fi Debraan, dhuma umurii waggoota 50mmanii keessatti kan argaman siʼa taʼu, manaa fi qabeenya isaanii Kaansaas keessa jiru hedduu gurguruudhaan deddeebiʼanii Betʼelitti tajaajiluuf gara Woolkiil deemaniiru. * Akkas gochuun jireenya isaanii irratti jijjiirama gochuu kan isaan gaafate taʼus, aarsaan kaffalan buʼaa akka isaaniif argamsiise isaanitti dhagaʼama. Debraan hojii Betʼelitti hojjechaa jirtu ilaalchisee, “Yeroo tokko tokko akkuma fakkii ijaarsa Jannata keessatti raawwatamu argisiisuu fi barreeffamoota keenya irratti baʼuu, ijaarsa Jannata keessatti raawwatamu keessaa isa tokko irratti hirmaachaa akkan jiru natti dhagaʼama!” jetteetti.

Meelvanii fi Shaaran hojii Waarwiikitti raawwatamaa jiru deggeruuf jecha manaa fi qabeenya isaanii Kaarolaaynaa Kibbaa keessa jiru gurguraniiru. Aarsaa kana kaffalluun salphaa taʼuu baatus, hiriyoonni gaaʼelaa kun hojii seena qabeessa taʼe kana irratti hirmaachuu dandaʼuun isaanii mirga guddaa akka taʼe isaanitti dhagaʼama. Akkas jedhaniiru: “Hojii jaarmiyaa addunyaa mara irratti hojjechaa jiru fayyadu hojjechaa akka jirtu yeroo beektu gammachuu guddaatu sitti dhagaʼama.”

Keenat

Keenat, inni hojii ijaarsaa irraa soorama baʼee fi Mooriin, walakkeessa umurii waggoota 50mmanii keessatti kan argaman siʼa taʼu, hojii Waarwiikitti hojjetamaa jiru irratti hirmaachuuf Kaalifoorniyaadhaa gara iddoo sanaa deemaniiru. Achi dhaquu akka dandaʼaniif, obboleettiin gumii isaaniitti argamtu tokko mana isaanii akka isaaniif eegdu haala kan mijeessan siʼa taʼu, abbaa Keenat isa dulloome akka isaanii kunuunsaniif immoo maatii isaanii gaafatanii turan. Betʼelitti tajaajiluuf aarsaa kaffaluu isaaniitti ni gaabbuu? Matumaa! Keenat, “Faayidaa hedduu argachaa jirra. Garuu rakkinni nu hin mudanne jechuu dhaa? Akkas jechuu miti; taʼus jireenya eebba hedduu argamsiisu jiraachaa jirra; namoonni kaanis tajaajila kana irratti akka hirmaatan garaadhaa jajjabeessina” jedheera.

HAALAWWAN RAKKISAA TAʼAN MOʼUU

Obboloonni tajaajila kana irratti hirmaachuuf of dhiheessan hedduun, haalawwan rakkisaa taʼan tokko tokko moʼuun isaan barbaachiseera. Fakkeenyaaf, Wiiliyaamii fi Saandiran, jalqaba umurii waggoota 60mmanii keessatti kan argaman siʼa taʼu, Pensilvaaniyaa keessatti jireenya mijataa taʼe jiraatu turan. Dhaabbata meeshaalee maashinii oomishu kan qaban siʼa taʼu, hojjettoota 17 qacaranii hojjechiisu turan. Gumii ijoollummaa isaaniitii kaasee keessatti guddatan keessa tajaajilaa turan; firoonni isaanii hedduunis naannoo kana jiraatu turan. Kanaaf, deddeebiʼanii Woolkiilitti tajaajiluuf carraa ennaa argatan, namoota  itti dhihaatan hundaa fi naannoo isaanii irraa adda baʼuu akka isaan gaafatu hubatanii turan. Wiiliyaam, “Bakka jireenyaa keenya isa mijataa taʼe dhiisnee deemuun baayʼee nutti ulfaatee ture” jedheera. Haa taʼu malee, kadhannaadhaan sirritti erga irratti yaadanii booda, murtoo itti hin gaabbine gochuuf, jechuunis gara iddoo hojii sanaa dhaquuf murteessan. Wiiliyaam, “Gammachuun hojii kana irratti kallattiidhaan hirmaachuudhaan, akkasumas miseensota maatii Betʼel wajjin tajaajiluudhaan argamu hunda irra kan caalu dha. Anii fi Saandiran amma yeroo kamii iyyuu caalaa gammachuu guddaa arganneerra!” jedheera.

Hiriyoota gaaʼelaa Woolkiilitti hojjechaa jiran keessaa muraasa

Riikiin, inni Haawaayi keessatti hogganaa hojii ijaarsaa taʼee hojjetu, hojii ijaarsaa Waarwiikitti hojjetamu irratti hirmaachuu akka dandaʼuuf, deddeebiʼee Betʼel keessa akka tajaajilu afeeramee ture. Haati manaa isaa Keendiran, afeerrii isaaf dhihaate akka fudhatu barbaaddee turte. Haa taʼu malee, mucaa waggaa 11 Jeekob jedhamu waan qabaniif, waaʼeen isaa baayʼee isaan yaaddessee ture. Gara Bulchiinsa Niiwu Yoorkitti deemuuf murteessuun isaanii sirrii taʼuuf dhiisuun isaa, akkasumas mucaan isaanii bakka naannoo isaanii irraa guutummaatti adda taʼe baruu kan dandaʼu taʼuuf dhiisuun isaa isaan yaaddessee ture.

Riikiin, “Wanti barbaannu inni guddaan, gumii ijoollee karaa hafuuraa ciccimoo taʼan qabu argachuu ture. Jeekob hiriyoota gaarii hedduu akka qabaatu barbaannee turre” jedheera. Haa taʼu malee, gumiin isaan dhaqan ijoollee muraasa garuu immoo miseensota maatii Betʼel hedduu qaba ture. Riikiin akkas jedheera: “Yeroo jalqabaatiif walgaʼii irratti erga hirmaannee booda, ijoolleen umurii isaa irratti argaman tokkollee waan hin jirreef waaʼee gumii keenya isa haaraa maaltu akka isatti dhagaʼameen Jeekobiin gaafadhe. Innis, ‘Aabbaa, homaa hin yaaddaʼin. Dargaggoonni Betʼelii dhufan hiriyoota koo ni taʼu’ naan jedhe.”

Jeekobii fi warri isaa Galma Mootummaatti miseensa maatii Betʼel tokkoo wajjin utuu haasaʼanii

Dargaggoonni Betʼel keessa tajaajilan kunis Jeekobiif hiriyoota taʼaniiru. Kunoo buʼaa maalii argamsiise? Riikiin akkas jedheera: “Halkan tokko, kutaa mucaa koo bira utuun darbuu ibsaan kutaa isaa ifee akka jirun arge. Meeshaa elektirooniksiitiin taphachaa waan jiru natti fakkaatee kan ture taʼus, inni garuu Macaafa Qulqulluu dubbisaa ture! Maal gochaa akka jiru yommuun isa gaafadhu, ‘Akkuma dargaggoota Betʼel keessa tajaajilanii Macaafa Qulqulluu waggaa tokkotti dubbisee fixuuf yaalaan jira’ naan jedhe.” Riikiin hojii ijaarsaa Waarwiikitti hojjetamaa jiru irratti hirmaachuu kan dandaʼe taʼuu isaa irra iyyuu, achi dhaquun isaanii guddina hafuuraa mucaa isaaniitiif gumaacha gochaa waan jiruuf Riikii fi Keendiran baayʼee akka gammadan beekamaa dha.—Fak. 22:6.

WAAʼEE GARA FUULDURAA HIN YAADDOFNE

Luwiisii fi Daal

Hojiin ijaarsaa Woolkiilii fi Waarwiikitti hojjetamaa jiru yeroo booda kan xumuramu waan taʼeef, obboloonni akka hojicha irratti hirmaatan afeeraman Betʼel keessa kan tajaajilan yeroo murtaaʼeef qofa akka taʼe ni hubatu. Maarree, obboloonni kun sana booda eessa akka dhaqanii fi hojii akkamii akka hojjetan yaaduudhaan garmalee ni dhiphatuu? Matumaa! Baayʼeen isaanii akkuma hiriyoota gaaʼelaa Filooridaadhaa dhufanii fi umurii waggoota 50mmanii keessatti argamanii itti dhagaʼama.  Joon inni hogganaa hojii ijaarsaa taʼee fi haati manaa isaa Kaarman, yeroo murtaaʼeef Waarwiikitti tajaajilaa kan jiran siʼa taʼu, “Yihowaan hanga ammaatti wantoota nu barbaachisan hunda akka nuu guute argineerra. Yihowaan as kan nu fide booda nu gatuuf akka hin taane amanannaa qabna” jedhaniiru. (Far. 119:116) Luwiis inni meeshaalee balaan ibiddaa yeroo kaʼutti ibidda toʼachuuf gargaaran diizaayinii godhuu fi haati manaa isaa Keeniyan Woolkiilitti tajaajilaa jiru. Akkas jedhaniiru: “Yihowaan wanta karaa foonii nu barbaachisu waan nuu guutaa jiruuf arjummaa isaa arguu dandeenyeerra. Akkamitti, yoom ykn eessatti akka taʼe beekuu baannus, kunuunsa nuu gochuu isaa akka itti fufu amanannaa qabna.”—Far. 34:10; 37:25.

 “EEBBA DANUU”

Joonii fi Meelvan

Obboloonni hojii ijaarsaa Niiwu Yoorki keessatti hojjetamaa jiru irratti hirmaachaa jiran hedduun, hojii kana irratti hirmaachuu dhiisuudhaaf sababii dhiheessuu ni dandaʼu turan. Haa taʼu malee akkuma Yihowaan, “Ittisa bantii waaqaa banee, eebba danuu isin irratti yoon dhangalaasuu dhaabaadheef qoraa ana ilaalaa!” jechuudhaan afeerraa dhiheesse qoranii isa ilaalaniiru.—Mil. 3:10.

Atoo Yihowaa qortee ilaaluudhaan eebba isaa isa guddaa argachuu ni barbaaddaa? Hojii ijaarsaa yeroo ammaatti Niiwu Yoorkittis taʼe naannoo biraatti hojjetamaa jiru irratti hirmaachuuf maal gochuu akka dandeessu kadhannaadhaan irratti yaadi; achii Yihowaan hangam akka si eebbisu jireenya kee keessatti ni argita.—Mar. 10:29, 30.

Gaarii

Daal, inni injinara taʼee fi Kaatiin, Alaabaamaadhaa dhufanii Woolkiilitti tajaajilaa kan jiran siʼa taʼu, warri kaanis tajaajila akkasii irratti akka hirmaatan ni jajjabeessu. “Haala mijataa keessa jirtan aarsaa gochuuf fedha qabdu taanaan, hojii hafuurri Yihowaa hojjetu ilaaluuf carraa ni argattu” jedhaniiru. Of dhiheessuuf maal gochuu qabda ree? Daal, ‘Jireenya kee hamma dandeesse salphaa godhi. Kana gochuu keetti matumaa hin gaabbitu!’ jedheera. Gaariin inni Kaarolaaynaa Kaabaatii dhufe hojii ijaarsaa toʼachuu irratti muuxannoo waggaa 30 qaba. Innii fi haati manaa isaa Mooriin, “obboloota umurii isaanii guutuu Betʼel keessatti Yihowaa tajaajiluudhaan dabarsanii wajjin wal baruunii fi isaanii wajjin hojjechuun” eebba Waarwiikitti argatan keessaa tokko akka taʼe dubbataniiru. Gaariin itti dabaluudhaan akkas jedheera: “Betʼel keessa tajaajiluuf jireenya salphaa jiraachuu qabda; kun immoo sirna kana keessatti akkaataa jireenyaa hunda irra wayyu dha.” Jeesan inni kontiraaktara hojii elektiriikaa tokkoof hojjechaa turee fi Jeenifar, Iliinoyiisii kan dhufan siʼa taʼu, ijaarsa Betʼel Woolkiilitti hojjetamaa jiru irratti hirmaachuun, “karaa akkaataa jireenyaa addunyaa haaraa keessatti jiraatu dhandhamuuf dandeessisu keessaa tokko akka taʼe” dubbataniiru. Jeenifar itti dabaluudhaan akkas jetteetti: “Wanti gootu hundi Yihowaa biratti iddoo guddaa akka qabuu fi isa duratti faayidaa bara baraa kan qabu akka taʼetti kan ilaalamu taʼuu isaa beekuun gammachuun guddaan akka sitti dhagaʼamu godha. Yihowaan eebba isa yaaddu irra caalu siif kenna.”

^ KEY. 6 Kitaaba Waggaa Dhugaa Baatota Yihowaa 2014, fuula 12-13 ilaali. (Ingiliffa)

^ KEY. 7 Obboloonni yeroo boqonnaa isaaniitti mana isaaniitii deddeebiʼanii torbanitti guyyaa tokko ykn isaa oliif Betʼelitti tajaajilan, mana isaanii keessa kan jiraatan siʼa taʼu, baasii isaaniis ofuma isaaniitiin guuttatu.