Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Gaaʼela Cimaa Fi Gammachuu Qabu Ijaaraa

Gaaʼela Cimaa Fi Gammachuu Qabu Ijaaraa

Waaqayyo mana namaa yoo ijaaruu dhaabaate, warri isa ijaaran akkasumaan itti dadhabu.”FAR. 127:1a.

1-3. Hiriyoota gaaʼelaa irra rakkoowwan akkamiitu gaʼa? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.)

OBBOLEESSI waggoota 38tiif jireenya gaaʼelaa gammachiisaa taʼe dabarse, “Carraaqqii dhugaa gochuudhaan, gaaʼelli keessan akka milkaaʼu akka barbaaddan yoo argisiistan, eebba Yihowaa argachuu ni dandeessu” jedheera. Gaaʼelli, abbootiin manaa fi haadhotiin manaa yeroo gammachiisaa waliin akka dabarsanii fi yeroo rakkinaatti akka wal gargaaran isaan dandeessisa.—Fak. 18:22.

2 Haa taʼu malee, namoonni gaaʼela godhatan “jireenya isaaniitti rakkinni” kan isaan mudatu taʼuun isaa baramaa dha. (1 Qor. 7:28) Maaliif? Rakkinni guyyaa guyyaatti isaan mudatu gaaʼela isaanii irratti dhiibbaa geessisuu waan dandaʼuufi. Miira walii miidhuun, karaa sirrii hin taaneen wal hubachuun, akkasumas arraba keenya isa cubbamaatiin kan kaʼe wanta hin taane walitti dubbachuun gaaʼela baayʼee gaarii jedhamu keessatti illee rakkina uumuu dandaʼa. (Yaq. 3:2, 5, 8) Hiriyoonni gaaʼelaa tokko tokko ijoollee utuma guddisanii, hojii dadhabsiisaa taʼe hojjetu. Dhiphinnii fi dadhabbiin, hiriyoonni gaaʼelaa gaaʼela isaanii cimsachuudhaaf yeroo isaan barbaachisu argachuun ulfaataa akka isaanitti taʼu godheera. Rakkina qarshii, rakkina fayyaa fi kan kana fakkaataniin kan kaʼe jaalallii fi kabajni isaan waliif qaban  hirʼachuu dandaʼa. Kana malees, gaaʼelli cimaa fakkaatu tokko, “hojii foonii” kan akka halalummaa, gadhiisiitti jiraachuu, diinummaa, qoccolloo, hinaaffaa, dheekkamsaa fi ofittummaadhaan balaadhaaf saaxilamuu dandaʼa.—Gal. 5:19-21.

3 ‘Guyyoonni dhumaa’ kun ofittummaadhaan, akkasumas amala Waaqayyoon hin gammachiisnee fi gaaʼela faaluu dandaʼaniin kan guutaman taʼuun isaanii immoo rakkina kana caalaatti hammeessa. (2 Xim. 3:1-4) Akkasumas, gaaʼelli dhiibbaa cimaa diinni hamaan tokko irra geessisu dandamachuu qaba. Phexros ergamaan, “Seexanni hamajaajiin keessan akka leenci yeroo beelaʼutti aadaa naannaʼutti, nama liqimsuu barbaadee in naannaʼa” jechuudhaan nu akeekkachiiseera.—1 Phe. 5:8; Mul. 12:12.

4. Gaaʼela cimaa fi gammachiisaa qabaachuun kan dandaʼamu akkamitti?

4 Abbaan manaa Jaappaan keessa jiraatu tokko akkas jedheera: “Qarshii wajjin haala wal qabateen dhiphina hedduu keessa galeen ture. Haadha manaa koo wajjin waanan irratti hin haasofneef, isheenis baayʼee dhiphattee turte. Kana malees, dhiheenya kanatti dhibeen fayyaa cimaa taʼe ishee mudateera. Al tokko tokko haalli kun akka walitti buunu godha ture.” Rakkina gaaʼela keessatti nu mudatu tokko tokko hambisuun kan hin dandaʼamne taʼus, moʼuun hin dandaʼamu jechuu miti. Gargaarsa Yihowaatiin, hiriyoonni gaaʼelaa walitti dhufeenya cimaa fi gammachiisaa qabaachuu ni dandaʼu. (Faarfannaa 127:1 dubbisi.) Mee wantoota akka bilokkeettii taʼanii fi gaaʼela cimaa fi bara baraaf turu ijaaruuf gargaaran shan haa ilaallu. Sana booda, jaalalli bilokkeettiiwwan kana shanan akka simmiintootti kan walitti qabsiisu akkamitti akka taʼe ilaalla.

YIHOWAA GAAʼELA KEESSAN KEESSA GALCHAA

5, 6. Hiriyoonni gaaʼelaa Yihowaa gaaʼela isaanii keessa galchuuf maal gochuu dandaʼu?

5 Gaaʼela nageenya qabuuf buʼuurri isaa, Waaqa isa gaaʼela hundeesseef amanamoo taʼuu fi isaaf buluu dha. (Lallaba 4:12 dubbisi.) Haadhotiin manaa fi abbootiin manaa, qajeelfama Yihowaa isa jaalala irratti hundaaʼe hordofuudhaan gaaʼela isaanii keessa isa galchuu ni dandaʼu. Macaafni Qulqulluun saba Waaqayyoo durii ilaalchisee akkas jedheera: “Yommuu isin gara mirgaatti yookiis gara bitaatti adeemuudhaaf jettan, sagaleen tokko isin booddeedhaan isinitti dubbatee ‘Karichi isa kana, isa irra adeemaa!’ utuu isiniin jedhuu gurri keessan in dhagaʼa.” (Isa. 30:20, 21) Yeroo harʼaatti, hiriyoonni gaaʼelaa Dubbii Waaqayyoo waliin taʼanii dubbisuudhaan sagalee isaa ‘dhagaʼuu’ ni dandaʼu. (Far. 1:1-3) Sagantaa Waaqeffannaa Maatii gammachiisaa taʼee fi karaa hafuuraa isaan jabeessutti fayyadamanii gaaʼela isaanii caalaatti cimsuu ni dandaʼu. Waliin taʼanii guyyaa guyyaadhaan kadhachuunis, gaaʼela dhiibbaa addunyaa Seexanaa dandamachuu dandaʼu ijaaruudhaaf baayʼee barbaachisaa dha.

Hiriyoonni gaaʼelaa wantoota hafuuraa waliin raawwachuudhaan, Yihowaa wajjinis taʼe walii isaanii wajjin walitti dhufeenya cimaa fi gammachiisaa qabaachuu ni dandaʼu (Keeyyata 5, 6 ilaali)

6 Gerhaart inni Jarmanii keessa jiraatu akkas jedheera: “Rakkina dhuunfaatti nu mudateen ykn karaa sirrii hin taaneen wal hubachuudhaan gammachuun keenya yeroo hirʼatu, gorsi Dubbii Waaqayyoo irraa argannu obsa akka qabaannuu fi dhiifama akka waliif goonu nu gargaareera. Amaloonni kun gaaʼelli milkaaʼina akka qabaatuuf gumaacha guddaa godhu.” Hiriyoonni gaaʼelaa, sochiiwwan hafuuraa irratti waliin hirmaachuudhaan Yihowaa gaaʼela isaanii keessa galchuuf carraaqqii yeroo godhan, isaa wajjinis taʼe walii isaanii wajjin walitti dhufeenya cimaa fi gammachiisaa qabaatu.

ABBOOTIIN MANAA MATUMMAA KEESSANITTI JAALALAAN FAYYADAMAA

7. Abbootiin manaa aangoo matummaa isaaniitti haala akkamiitiin fayyadamuu qabu?

7 Karaan abbaan manaa aangoo matummaa isaatti itti fayyadamu, gaaʼela cimaa fi gammachuu qabu ijaaruu irratti gahee guddaa qaba. Macaafni Qulqulluun, “Kristos mataa warra dhiiraa, abbaan manaa mataa haadha manaa” akka taʼe dubbata. (1 Qor. 11:3) Yaadni caqasa kanaa, abbootiin  manaa aangoo matummaa isaaniitti karaa Kiristos aangoo dhiirota irratti qabutti fayyadameen fayyadamuu akka qaban argisiisa. Yesus namoota hin hacuucne ykn hamaa hin turre, kanaa mannaa jaalala qabeessa, gaarummaa kan qabu, garraamii, dafee kan hin aarree fi kan gad of deebisu ture.—Mat. 11:28-30.

8. Abbaan manaa haadha manaa isaa irraa jaalalaa fi kabaja argachuuf maal gochuu qaba?

8 Abbootiin manaa Kiristiyaanota taʼan haadhotiin manaa isaanii isaan kabajuu akka qaban irra deddeebiʼanii dubbachuun isaan hin barbaachisu. Kanaa mannaa, ‘dubartoota isaaniitiif beekanii [isaaniif yaaduudhaan ykn haala isaanii hubachuudhaan], isaanii wajjin jiraachuu,’ akkasumas ‘akka gar tokkoo dhagna isaanii isa dadhabaatti ulfina kennuufii’ qabu. (1 Phe. 3:7) Namoota birattis taʼe kophaa isaanii yeroo taʼanitti, abbootiin manaa kabajaan isaanitti dubbachuudhaan, akkasumas gocha isaaniitiin akka isaaniif yaadan argisiisuudhaan haadhotii manaa isaaniitiif bakka guddaa akka kennan argisiisuu qabu. (Fak. 31:28) Aangoo matummaa isaaniitti jaalalaan fayyadamuun isaanii, haadhotiin manaa isaanii akka isaan jaallatanii fi kabajan kan godhu taʼuu isaa irra iyyuu, gaaʼelichi eebba Waaqayyoo akka qabaatu godha.

HAADHOTIIN MANAA GAD OF DEEBISUUDHAAN BITAMAA

9. Haati manaa, gad of deebisuudhaan akka bitamtu akkamitti argisiisuu dandeessi?

9 Yihowaadhaaf jaalala ofittummaa irraa bilisa taʼee fi seera buʼuuraa irratti hundaaʼe qabaachuun keenya, harka isaa isa aangoo qabeessa jalatti gad of deebisuuf nu gargaara. (1 Phe. 5:6) Karaan haati manaa tokko aangoo Yihowaatiif kabaja akka qabdu itti argisiistu inni guddaan, abbaa manaa ishee deggeruu dha. Macaafni Qulqulluun, “Gooftaa duratti fudhatamaa akka taʼutti, haati manaa abbaa manaa isheetiif haa abboomamtu!” jedha. (Qol. 3:18) Murtoon abbaan manaa godhu hundi kan haadha manaa gammachiisu taʼuu dhiisuu dandaʼa. Taʼus, murtoon isaa seera Waaqayyoo wajjin kan walitti hin buune hamma taʼetti, haati manaa abbaa manaa isheetiif bitamtu tokko yaada isaa ni fudhatti.—1 Phe. 3:1.

10. Jaalalaan kakaʼanii bitamuun barbaachisaa dha kan jennu maaliifi?

10 Haati manaa “hidhata” abbaa manaa ishee  waan taateef iddoo ulfina qabu qabdi. (Mil. 2:14) Yaada ishee fi miira ishee karaa kabaja argisiisuun ibsuudhaan murtoowwan maatii ilaallatan keessatti gumaacha guddaa gooti. Abbaan manaa hubataa taʼe tokko yaada haadha manaa isaa sirriitti dhaggeeffata. (Fak. 31:10-31) Jaalalaan kakaʼanii bitamuun immoo, maatii keessa gammachuun, nagaanii fi walii galteen akka jiraatu kan godhu taʼuu isaa irra iyyuu, abbaan manaa fi haati manaa Yihowaa gammachiisaa akka jiran beekuu isaaniitiin gammachuu guddaa argatu.—Efe. 5:22.

DHIIFAMA WALIIF GODHAA

11. Dhiifama walii gochuun barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

11 Bilokkeettiiwwan gaaʼela cimaa ijaaruuf gargaaran keessaa tokko dhiifama waliif gochuu dha. Abbaan manaa fi haati manaa kan ‘waliif dandaʼanii fi kan waliif dhiisan’ yoo taʼe gaaʼelli isaanii tokkummaa cimaa qabaata. (Qol. 3:13) Haa taʼu malee, hiriyoonni gaaʼelaa wanta kanaan dura uumame irratti haaloo qabachuudhaan, rakkinni kan biraan yeroo uumamu isa duraanii kaasanii hiriyaa gaaʼelaa isaanii kan ceephaʼan yoo taʼe walitti dhufeenya isaanii miidhu. Akkuma baqaqaan gamoo gamicha humna dhabsiisu, mufachuunii fi haaloonis garaa keenya keessatti yoo guddate, dhiifama gochuun ulfaataa akka nutti taʼu godha. Faallaa kanaan, haati manaa fi abbaan manaa akkuma Yihowaan isaaniif godhu, dhiifama yoo waliif godhan gaaʼelli isaanii ni cima.—Mik. 7:18, 19.

12. Jaalalli “baayʼinni cubbuu akka deebiʼee hin argamne” kan godhu akkamitti?

12 Jaalalli dhugaan, “waan hamaas nama irratti hin lakkaaʼu.” Kanaa mannaa, “baayʼinni cubbuu akka deebiʼee hin argamne” godha. (1 Qor. 13:4, 5; 1 Phexros 4:8 dubbisi.) Kana jechuun, jaalala qabaannaan yeroo hammamiitiif dhiifama gochuu akka qabnu hin daangessinu jechuu dha. Yesus yommuu Phexros ergamaan yeroo hammamiitiif dhiifama gochuu akka qabu isa gaafatetti, “Hamma siʼa torbaatamii torbaatti” isaan jedheera. (Mat. 18:21, 22) Yesus Kiristiyaanni tokko yeroo hammamiitiif dhiifama gochuu akka qabu kan hin daangeffamne taʼuu isaa hubachiisuu isaa ture.—Fak. 10:12. *

13. Amala dhiifama gochuu qabaachuuf maaltu nu gargaara?

13 Aaneet akkas jetteetti: “Hiriyoonni gaaʼelaa dhiifama walii gochuu hin barbaadan taanaan, amanannaa wal irratti dhabuunii fi haaloon guddachaa deema; kunimmoo gaaʼelaaf summii dha. Dhiifama walii gochuun gaaʼela ni cimsa, akkasumas caalaatti walitti nama dhiheessa.” Amala dhiifama gochuu qabaachuu akka dandeessaniif, amala galateeffannaa fi dinqisiifannaa qabaachuuf carraaqqii godhaa. Hiriyaa gaaʼelaa keessan garaadhaa galateeffachuu barsiifata godhadhaa. (Qol. 3:15) Akkas yoo gootan nagaa sammuu fi tokkummaa ni argattu, Waaqayyo durattis fudhatama ni qabaattu.—Rom. 14:19.

SEERA ISA BEEKAMAA HOJII IRRA OOLCHAA

14, 15. Seera Isa Beekamaa kan jedhamu isa kami? Seerri kun gaaʼela keessatti faayidaa akkamii qaba?

14 Namoonni kabajaa fi ulfinaan akka si qaban akka barbaaddu beekamaa dha. Namoonni yaada kee yeroo fudhatanii fi miira kee yeroo hubatan sitti tola. Haa taʼu malee, “Qoricha isaa nan qotaaf” yeroo jedhan dhageessee beektaa? Al tokko tokko namni tokko akkas jechuuf sababa akka qabu kan hubannu taʼus, Macaafni Qulqulluun, “‘Waanuma namni ana hojjeteen isa hojjedha, gatii hojii isaatiis isaaf nan deebisa’ hin jedhin!” jedha. (Fak. 24:29) Yesus haalli rakkisaan yeroo nu mudatu maal gochuu akka qabnu barsiiseera. Seerri inni barsiise Seera Isa Beekamaa jedhamee kan waamamu siʼa taʼu, “Namoonni akka isinii godhaniif kan jaallattan, isinis akkasuma isaaniif  godhaa!” jedha. (Luq. 6:31) Yesus karaa namoonni akka nu qaban barbaadnuun namoota qabuu akka qabnuu fi hamaadhaaf hamaa deebisuu akka hin qabne dubbachuu isaa ti. Gaaʼela keessattis, wanta hiriyaan gaaʼelaa keenya akka nuu godhu barbaadnu isaaf gochuu qabna jechuu dha.

15 Hiriyoonni gaaʼelaa miira hiriyaa gaaʼelaa isaaniitiif kan yaadan yoo taʼe walitti dhufeenyi isaanii ni cima. Abbaan manaa Afriikaa Kibbaa keessa jiraatu tokko akkas jedheera: “Seera Isa Beekamaa hojii irra oolchuuf ni yaalla. Al tokko tokko kan walitti aarru taʼus, karaa nuti qabamuu itti barbaadnuun, jechuunis kabajaa fi ulfinaan wal qabuuf carraaqqii guddaa goona.”

16. Hiriyoonni gaaʼelaa maal gochuu hin qaban?

16 Dadhabina hiriyaa gaaʼelaa keetii hin saaxilin ykn haala qoosaatiin illee kaastee nama duratti isa hin ceephaʼin. Gaaʼelli, eenyu caalaatti humna akka qabu, eenyu caalaatti akka iyyuu dandaʼu ykn eenyu caalaatti yaada miira namaa miidhu akka dubbatu beekuuf dorgommii godhamu akka hin taane yaadadhaa. Hundi keenya iyyuu dadhabina waan qabnuuf al tokko tokko namoota aarsuu dandeenya. Haa taʼu malee, abbaan manaas taʼe haati manaa, hiriyaa gaaʼelaa isaaniitti dubbii nama waraanu ykn tuffii argisiisu dubbachuun ykn hiriyaa gaaʼelaa isaanii darbachuunis taʼe rukutuun haala akkamii keessatti iyyuu sirrii taʼuu hin dandaʼu.—Fakkeenya 17:27; 31:26 dubbisi.

17. Abbootiin manaa Seera Isa Beekamaa hojii irra oolchuu kan dandaʼan akkamitti?

17 Naannoo tokko tokkotti haadha manaa ofii reebuun dhiirummaa akka taʼetti kan ilaalamu taʼus, Macaafni Qulqulluun, “Nama aango-qabeessa irra, nama obsa-qabeessa wayya; nama biyya bulchu irra, nama of abboomu wayya” jedha. (Fak. 16:32) Fakkeenya Yesus isa namoota lafa irra jiraatan hunda irra caaluu hordofuun, jabinaa fi miira ofii toʼachuu gaafata. Namni tokko jechaanis taʼe reebichaan haadha manaa isaa miidhuun isaa dhiirummaa miti; kanaa mannaa walitti dhufeenya Yihowaa wajjin qabu jalaa balleessa. Daawit faarfatichi inni nama cimaa fi ija jabeessa ture, “Yoo aartan iyyuu, cubbuu hin hojjetinaa! Yeroo gab jettanii siree keessan irra jirtanitti, kana garaa keessanitti itti yaadaa!” jedheera.—Far. 4:4.

‘JAALALA QABAADHAA!’

18. Jaalala qabaachuun barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

18 Qorontos Isa Duraa 13:4-7 dubbisi. Jaalalli amala gaaʼela keessatti baayʼee barbaachisu dha. “Araara garaa keessaa dhufu, gaarummaa, gad of deebisuu, garraamummaa obsas akka uffataatti uffadhaatii keessa jiraadhaa! Isaan kana hundumaa irrattis jaalala isa wanta hundumaa raawwatamaa godhee walitti hidhu qabaadhaa!” (Qol. 3:12, 14) Jaalalli akka Kiristos inni faayidaa ofii aarsaa gochuu gaafatu, akkuma simmiintoo, bilokkeettiiwwan jabina gaaʼelaatiif barbaachisan shanan walitti qabsiisa. Gaaʼelli akkasii dadhabina dhuunfaatiin, rakkina fayyaa cimaatiin, rakkina qarshii fi soddaawwanii wajjin wal qabatee uumamuun hin diigamu.

19, 20. (a) Hiriyoonni gaaʼelaa gaaʼela cimaa fi gammachuu qabu qabaachuu kan dandaʼan akkamitti? (b) Mata duree itti aanu irratti waaʼee maalii ilaalla?

19 Gaaʼelli milkaaʼina akka qabaatu gochuun, jaalala, amanamummaa fi carraaqqii cimaa gaafata. Gaaʼela keessatti yeroo rakkinni uumamu, hiriyoonni gaaʼelaa gargar baʼuu mannaa, gaaʼelichi akka hin diigamnee fi darbees gammachiisaa akka taʼu gochuuf carraaquu qabu. ‘Jaalalli yoom iyyuu waan hin badneef’ jaalalli hiriyoonni gaaʼelaa Yihowaa fi walii isaaniitiif qaban rakkina isaanii hiikuuf isaan kakaasa.—1 Qor. 13:8; Mat. 19:5, 6; Ibr. 13:4.

20 Keessumaa yeroo “sodaachisaa” keessa jiraachaa jirru kanatti, gaaʼela cimaa fi gammachiisaa ijaaruun ulfaataa dha. (2 Xim. 3:1) Haa taʼu malee, gargaarsa Yihowaatiin ni dandaʼama. Taʼus, hiriyoonni gaaʼelaa jireenya gadhiisii addunyaa kana irratti babalʼatee wajjin walʼaansoo gochuu qabu. Mata dureen itti aanu, abbootiin manaa fi haadhotiin manaa gaaʼela isaanii balaa kana irraa eeguuf maal gochuu akka qaban ibsa.

^ KEY. 12 Hiriyoonni gaaʼelaa dhiifama walii gochuuf, akkasumas rakkina isaanii hiikuuf kan yaalan taʼus, Macaafni Qulqulluun namni badiin irratti raawwatame hiriyaa gaaʼelaa ejja raawwateef dhiifama gochuudhaaf ykn hiikuuf murteessuuf mirga akka qabu dubbata. (Mat. 19:9) Kitaaba Jaalala Waaqayyoo fuula 219-221 irraa mata duree, “Wal Hiikuufi Gargar Baʼuu Ilaalchisee Macaafni Qulqulluun Maal Jedha?” jedhu ilaali.