Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

GAAFFII 16

Dhiphina Moʼuu kan Dandeessu Akkamitti?

“Baʼaa kee Yihowaa irratti gati, innis si deggera. Namni qajeelaan akka kufu matumaa hin heyyamu.”

Faarfannaa 55:⁠22

“Karoorri nama dhimmee hojjetuu gara milkaaʼinaatti geessa, warri jarjaran hundi garuu gara hiyyummaatti deemu.”

Fakkeenya 21:5

“Ani sii wajjin waanan jiruuf, hin sodaatin. Waaqa kee waanan taʼeef, hin dhiphatin. Ani sin jabeessa, eeyyee, sin gargaara, ani dhugumaan harka qajeelummaa koo isa mirgaatiin cimsee sin qaba.”

Isaayyaas 41:⁠10

“Isin keessaa namni yaaddaʼee umurii isaa irratti dhundhuma tokko dabaluu dandaʼu jiraa?”

Maatewos 6:​27

“Kanaafuu, matumaa waaʼee boruutiif hin yaaddaʼinaa; sababiin isaas, guyyaan boruu yaaddoo mataa isaa qaba. Guyyaan hundi rakkina mataa isaa gaʼaa taʼe qaba.”

Maatewos 6:​34

“Wantoota caalaatti barbaachisoo taʼan adda [baasaa beekaa].”

Filiphisiyus 1:​10

“Waan hundumaa ilaalchisee kadhannaa fi wawwaannaadhaan galataa wajjin iyyannoon keessan Waaqayyo biratti akka beekamu godhaa malee, waaʼee waan tokkoo illee hin yaaddaʼinaa; nagaan Waaqayyoo inni hubannaa hundumaa irra caalu karaa Kiristoos Yesuus garaa keessanii fi yaada keessan ni eega.”

Filiphisiyus 4:​6, 7