Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

B1

Dhaamsa Kitaaba Qulqulluu

Yihowaan bulchuuf mirga qaba. Akkaataan inni itti bulchus hunda irra kan wayyu dha. Kaayyoon inni lafaafis taʼe ilmaan namootaatiif qabu ni raawwatama.

Dh.K.D. 4026 booda

“Bofichi” mirga Yihowaan bulchuuf qabuu fi akkaataa inni itti bulchu irratti gaaffii kaase. Yihowaan “sanyii” yeroo booda boficha, jechuunis Seexana buruqsu akka kaasu waadaa gale. (Uumama 3:​1-5, 15) Haa taʼu malee, Yihowaan namoonni yeroodhaaf dhiibbaa bofichaa jalatti akka of bulchan ni heyyame.

Dh.K.D. 1943

Yihowaan ‘sanyiin’ abdachiifame karaa isaa akka dhufu Abrahaamitti hime.​—Uumama 22:18.

Dh.K.D. 1070 booda

Yihowaan ‘sanyiin’ abdachiifame karaa hidda dhalootaa isaanii akka dhufu Daawit Mootichaaf, booda immoo ilma isaa Solomoon Mootichaaf mirkaneesse.​—2 Saamuʼel 7:​12, 16; 1 Mootota 9:⁠3-5; Isaayyaas 9:⁠6, 7.

Dh.K.B. 29

Yihowaan ‘sanyiin’ abdachiifamee fi teessoo Daawit dhaalu Yesuus taʼuu isaa beeksise.​—Galaatiyaa 3:​16; Luqaas 1:​31-​33; 3:21⁠, 22.

Dh.K.B. 33

Bofichi, jechuunis Seexanni Yesuus akka ajjeefamu gochuudhaan yeroo gabaabaadhaaf ‘sanyicha’ miidheera. Yihowaan Yesusiin duʼaa kaasee samii irra akka jiraatu kan godhe siʼa taʼu, gatii jireenya Yesus isa mudaa hin qabnee fudhateera; kunis, dhiifama cubbuutiif, akkasumas sanyiin Addaam jireenya bara baraa akka argatan buʼuura kaaʼeera.​—Uumama 3:​15; Hojii Ergamootaa 2:​32-​36; 1 Qorontos 15:21, 22.

Dh.K.B. naannoo 1914

Yesus boficha, jechuunis Seexana gara lafaatti darbachuudhaan sochiin isaa akka daangeffamu godheera.​—Mulʼata 12:​7-9, 12.

Gara fuulduraatti

Yesus Seexana waggaa 1,000f erga hidhee booda kan isa balleessu siʼa taʼu, kun immoo akka mataa isaa buruqsuutti ilaalama. Achiis, kaayyoon jalqabaa Yihowaan lafaafis taʼe ilmaan namootaatiif qabu ni raawwatama, maqaan isaa arrabsoo irraa ni qulqulleeffama, akkasumas karaan inni itti bulchu sirrii taʼuun isaa ni mirkanaaʼa.​—Mulʼata 20:⁠1-3, 10; 21:⁠3, 4.