Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

FAARFANNAA 11

Uumamni Waaqayyoon Jajata

Uumamni Waaqayyoon Jajata

(Faarfannaa 19)

  1. 1. Hojiiwwan kee ulfina sii fidu,

    Ol samiirraa hundi si faarfatu.

    Uumamni si faarsa dubbii malee;

    Utuu hin dhageessisin sagalee.

    Guutummaa lafaarrattʼ ergaa hima;

    Dubbii malee isaaf dhagaʼama.

  2. 2. Ogummaan si sodaachuun jalqaba

    Ni qajeelcha daandiif dubbii namaa.

    Ijoollee fi maanguddoo barsiisa,

    Warqii caalaa guddaa dha gatiinsaa.

    Ogummaarratt’ hundaaʼa seerri kee,

    Gatiinsaa ni caala gatii warqee.

  3. 3. Waan si beekneef, jireeny’ hiika qaba,

    Dubbii keetu lubbuu nuu utuba.

    Namoonni maqaa kee qulqulleessan

    Ni argatu ulfina olaanaa.

    Namoonni maqaa keetiif dhaabbatan

    Ni argatu ulfina olaanaa.

(Dabalataan, Far. 12:6; 89:7; 144:3; Rom. 1:20 ilaali.)