Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

FAARFANNAA 13

Kiristoos, Fakkeenya Keenya

Kiristoos, Fakkeenya Keenya

(1 Pheexiros 2:21)

  1. 1. Ilmasaa Angafa,

    Namootaaf kennuudhaan,

    Jaalala addaa ibseera Yihowaan.

    Kiristoos mulʼate

    Namarraa dhalate;

    Fakkeenya taʼee Waaqa jajate.

  2. 2. ‘Dubbiin Abbaa kootii,

    Naaf buddeena’ jedhe.

    Ogeessa, beekaa, hubataa ʼsa godhe.

    Abbaasaaf hojjetaa,

    Nuuf fakkeenya taʼe;

    Waaqa gammachiisuutti gammade.

  3. 3. Nutis yeroo hunda

    Abbaa haa jajannu;

    Fakkeenya Yesuus kaaʼe haa hordofnu.

    Yihowaa biratti

    Akka jaallatamnu,

    Yoomiyyuu isa duukaa haa buunu.

(Dabalataan, Yoh. 8:29; Efe. 5:2; Filp. 2:5-7 ilaali.)