Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

FAARFANNAA 31

Waaqayyoo Wajjin Deddeebiʼi

Waaqayyoo Wajjin Deddeebiʼi

(Miikiyaas 6:8)

  1. 1. Waaqaa wajjin deddeebiʼi,

    Jaalalaaf gad of qabuun.

    Yihowaatti maxxanii jiraadhu,

    Humnasaatiin jabaadhu.

    Dubbiisaa jabeessii qabadhu,

    Karaarraa hin gortu.

    Dhaggeeffadhu, ajajami;

    Harka Yihowaa qabi.

  2. 2. Waaqaa wajjin deddeebiʼi;

    Waan qulqulluurrattʼ yaadi.

    Qorumsi yoo sitti baayʼatellee,

    Si dandeessisa inni.

    Wanta galateeffamu hunda,

    Kan dhugaa taʼani,

    Yaaduu kee yoo itti fufte,

    Sii wajjin taʼa Waaqni.

  3. 3. Waaqaa wajjin deddeebiʼi;

    Michuu kee ti, gammadi.

    Galateeffadhu kennaasaa hundaaf,

    Eebba dhuma hin qabneef.

    Yihowaa wajjin deddeebiʼi;

    Faarfadhu gammadi.

    Haa mulʼatu gammachuun kee,

    Ati kan Yihowaa ti.