Ximotewos Tokkoffaa 6:1-21

  • Garboonni gooftolii isaaniitiif ulfina haa kennan (1, 2)

  • Barsiisota sobaa fi jaalala qarshii (3-10)

  • Qajeelfama nama Waaqaatiif kenname (11-16)

  • Hojii gaariidhaan badhaadhota taʼaa (17-19)

  • Wanta imaanaadhaan sitti kenname eegi (20, 21)

6  Maqaan Waaqayyoo fi barumsichi matumaa akka hin arrabsamneef,+ warri waanjoo garbummaa jala jiran gooftoliin isaanii ulfina guutuu argachuu akka qabanitti haa ilaalan.+  Kana malees, warri gooftolii amanan qaban gooftoliin isaanii obboloota waan taʼaniif qofa isaan hin tuffatin. Kanaa mannaa, warri tajaajila isaanii isa gaarii irraa fayyadaman, amantootaa fi jaallatamoo waan taʼaniif caalaatti fedhiidhaan isaan haa tajaajilan. Wantoota kana barsiisuu fi gorsa kana kennuu kee itti fufi.  Namni tokko barumsa kan biraa kan barsiisu, akkasumas barumsa gaarii*+ isa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos biraa dhufee wajjinis taʼe, barumsa Waaqayyoof buluu+ jajjabeessuu wajjin kan wal hin simne yoo taʼe,  inni boonuudhaan of bokokseera, homaas hin hubatu.+ Inni nama mormii kaasuu fi waaʼee jechootaa falmuu jaallatu dha.+ Wantoonni akkasii hinaaffaa, qoccolloo, maqaa balleessuu* fi shakkii hamaa kakaasu;  akkasumas, wantoonni akkasii warra sammuun isaanii mancaʼee+ fi dhugaan irraa fudhatame gidduutti dhimmoota xixinnoo irratti falmii wal irraa hin cinne kakaasu; namoonni kun Waaqayyoof kan bulan taʼuun karaa buʼaa itti argatan+ akka taʼetti yaadu.  Dhugaa dubbachuuf, Waaqayyoof kan bulan taʼuun,+ waan qabanitti gammadanii jiraachuu* wajjin buʼaa guddaa argamsiisa.  Sababiin isaas, gara addunyaatti homaa fidnee hin dhufne, homaas fudhannee deemuu hin dandeenyu.+  Kanaafuu, nyaataa* fi uffata* yoo qabaanne wantoota kanatti gammannee jiraachuu qabna.+  Warri sooressa taʼuuf kutatanii kaʼan garuu qorumsaa fi kiyyoo+ keessatti kufu; kana malees hawwii hedduu faayidaa hin qabnee fi miidhaa geessisu, akkasumas badiisaa fi mancaʼiinsatti nama galchu keessatti kufu.+ 10  Sababiin isaas, jaalalli maallaqaa hundee wantoota miidhaa geessisan hundumaa ti; namoonni tokko tokko jaalala kana utuu hordofanii daandii amantii irraa goraniiru, dhiphina hedduudhaanis of waraananiiru.+ 11  Yaa nama Waaqayyoo, ati garuu wantoota kana irraa baqadhu. Kanaa mannaa qajeelummaa, Waaqayyoof buluu, amantii, jaalala, jabaatanii dhaabbachuu fi garraamummaa+ hordofi. 12  Lola amantii isa gaarii sana loli; jireenya bara baraa isa itti waamamtee fi ragaa baatota hedduu duratti akka gaariitti labsiteef sana jabeessii qabadhu. 13  Waaqa isa wantoota hundumaa jiraachisuu fi Kiristoos Yesuus isa Phonxiyos Philaaxos+ duratti ifatti ragaa baʼe duratti ajaja kana siif nan kenna: 14  hanga Gooftaan keenya Yesuus Kiristoos mulʼatutti,+ mudaa fi himata tokko malee ajajicha eegi; 15  inni gammadaanii fi kophaa isaa Bulchaa taʼe sun yeroo isaaf murteeffametti of mulʼisa. Inni Mootii moototaa fi Gooftaa gooftotaa ti;+ 16  kan hin duune isa qofa dha;+ ifa itti dhihaachuun hin dandaʼamne keessa jiraata;+ namni tokko illee isa argee hin beeku, isa arguus hin dandaʼu.+ Ulfinnii fi jabinni bara baraa isaaf haa taʼu. Ameen. 17  Warri sirna* ammaa keessatti sooreyyii taʼan, akka of hin tuulle, akkasumas abdii isaanii badhaadhina hin amansiisne+ irra utuu hin taʼin, Waaqa isa wantoota itti gammannu hunda baayʼinaan nuu kennu+ irra akka kaaʼatan ajaji. 18  Wanta gaarii akka hojjetan, hojii gaariidhaan badhaadhota akka taʼan, arjoota akka taʼanii fi warra kaaniif hiruuf qophaaʼoo akka taʼan,+ 19  akkasumas jireenya isa dhugaa jabeessanii qabachuu+ akka dandaʼaniif, ofii isaaniitiif qabeenya Waaqayyo biraa argamu walitti qabachuudhaan gara fuulduraatiif buʼuura gaarii akka kaaʼatan+ itti himi. 20  Yaa Ximotewos, dubbii gatii hin qabne isa wanta qulqulluu mormuu fi yaadawwan wal faallessan warra sobaan “beekumsa” jedhaman irraa fagaachuudhaan+ wanta imaanaadhaan sitti kenname jabeessii eegi.+ 21  Namoonni tokko tokko beekumsa akkasii argisiifachuuf utuu yaalanii amantii irraa jalʼataniiru. Gaarummaa guddaan sii wajjin haa taʼu.

Miiljaleewwan

Ykn., “fayya qabeessa; faayidaa qabu.”
Ykn., “arrabsoo.”
Kal., “na gaʼa jechuu.”
Ykn., “waan ittiin jiraannuu.”
Ykn tarii, “mana.”
Ykn., “bara.” Ibsa Jechootaa ilaali.