Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Amantiin Mala Kan Biraa Qarshii Ittiin Argatanidhaa?

Amantiin Mala Kan Biraa Qarshii Ittiin Argatanidhaa?

 Dhaabbanni amantii hedduun qajeelfama hafuuraa namaa kennuurra qarshii argachuu irratti akka xiyyeeffatan hubatteettaa? Beeksisa hedduu hojjetatu, tajaajila kennaniif kaffaltii gaafatuu, akkasumas meeshaalee hedduu bitanii gurguru. Geggeessitoonni isaanii hedduun miindaa guddaa kan argatan siʼa taʼu, jireenya qananii jiraatu. Mee fakkeenya muraasa haa ilaallu:

  •   Qorannaan godhame tokko akka argisiisutti, geggeessaan amantii Kaatolikii tokko waggaa 13 gidduutti, qarshii waldaatti fayyadamuudhaan, jeettii ykn xiyyaara dhuunfaa fayyadamee iddoo tokko gara iddoo biraatti siʼa 150 kan adeeme siʼa taʼu, konkolaataa Liimooziinii jedhamuun immoo siʼa 200 deemeera. Kan inni jiraatu mana waldicha keessatti argamu keessa siʼa taʼu, wantoota achi keessatti isa barbaachisan guuttachuufis walumaa galatti doolaara miliyoona afur baaseera.

  •   Lallabaan wangeelaa Afriikaa keessatti argamu tokko, yeroo hundumaa tajaajila amantii kan inni kennu bakka namoonni kuma kudhanii ol taʼan argamanittidha. Waldaa isaa isa baayʼee guddaa taʼe kana keessatti “dibata fayyinaa” irraa eegalee Fooxaawwanii fi Tiishartiiwwan sadarkaa isaanii eegan dabalatee wanti hin gurguramne hin jiru. Namoonni achitti walitti qabaman baayʼeen isaanii harka qalleeyyii siʼa taʼan inni garuu baayʼee sooressadha.

  •   Tulluuwwan qulqulluu amantii Budihaa Chaayinaa keessatti argaman keessaa lamaan isaanii tarree gabaa bilisaa keessatti argamu. Manni qulqullummaa Shaawuliin jedhamuu fi achitti argamu, hojiiwwan daldalaa hedduu irratti kan hirmaatu siʼa taʼu, dura taaʼaan isaa immoo “CEO monk” ykn walitti qabaa molokseewwanii jedhama.

  •   Gorsitoonni hafuuraa dhaabbata daldalaa guddaa Ameerikaatti argamu keessatti mulʼachuu jalqabaniiru. Akka gabaasni tokko ibsetti, Dhaabbata amantii adda addaatiif qophiiwwanii fi tajaajila hafuuraa dhiheessanii qarshii fudhatu.

 Amantii daldala keessa seenu ilaalchisee maaltu sitti dhagaʼama? Namoota tajaajila hafuuraa dhiheessanii kaffaltii qarshii gaafatan ilaalchisee Waaqayyotti maaltu dhagaʼama jettee yaaddee beektaa?

Amantii Daldala Faana Waliin Makuu Ilaalchisee Waaqayyotti Maaltu Dhagaʼama?

 Amantii daldala faana waliin makuun Waaqayyo biratti fudhatama hin qabu. Kitaabni Qulqulluun, bara duriitti, Waaqayyo luboota utuu ‘gatiidhaan barsiisanii’ bakka buʼoota Waaqayyoo akka taʼaniitti yaadanitti baayʼee gaddee akka ture dubbata. (Miikiyaas 3:11) Waaqayyo daldala sassata irratti hundaaʼee fi bakka inni itti waaqeffatamu “holqa saamtotaa” taasise balaaleffatee ture.—Ermiyaas 7:11.

 Yesuusis akkuma Waaqayyoo namoota qarshii argachuuf amantiitti fayyadaman ni jibba. Yeroo inni lafarra turetti, geggeessitoonni amantii daldaltoonni sassatoo taʼan mana qulqullummaa keessatti akka daldalan heyyamuudhaan isaan irraa buʼaa argatu turan. Achitti, namoota garraamii waaqeffannaadhaaf bakka sana dhufan ni saamu turan. Yesuus, daldaltoota amanamoo hin taane sanaan ija jabinaan, “Mana Abbaa koo mana daldalaa gochuu keessan dhiisaa!” isaaniin jechuudhaan bakka Sanaa isaan ariʼeera.—Yohaannis 2:14-16.

 Yesuus akkaataa tajaajila isaa itti raawwatuunis yaaduma Waaqayyoo qabu akka qabu argisiiseera. (Yohaannis 8:28, 29) Yeroo waaʼee Waaqayyoo namoota barsiisu isaan hin dirqisiisne. Namoota beelaʼan sooruu, warra dhukkubsatan fayyisuu fi warra duʼan duʼaa kaasuu dabalatee dinqiiwwan garaagaraa yeroo raawwatutti kaffaltii hin gaafanne. Yesuus tajaajila dhiheessaa turetti fayyadamuudhaan qabeenya walitti qabachuuf hin yaalle, kanaa mannaa mana keessa jiraatullee hin qabu ture.—Luqaas 9:58.

Kiristiyaanonni Jaarraa Jalqabaa Daldalli Waaqeffannaa Keessa Akka Hin Seenne Eegaa Kan Turan Akkamitti?

 Yesuus duuka buutonni isaa hojii amantii yeroo hojjetan qarshii argachuuf yaalii akka hin goone isaanitti himeera. “Tola waan fudhattaniif, tola kennaa” isaaniin jedhe (Maatewos 10:8) Duuka buutonni isaa jalqabaa warri Kiristiyaanota jedhamuudhaan beekaman kun qajeelfama inni isaaniif kenne hordofaniiru. Fakkeenya muraasa haa ilaallu:

  •   Yeroo tokko, namichi Simiʼoon jedhamu, humnaa fi aangoo argachuuf jecha, Pheexiros ergamaa isa yeroo Yesuus lafarra turetti isa faana tajaajilaa tureef qarshii kennuuf yaalee ture. Yeroo kanatti Pheexiros affeerraa inni isaaf dhiheesse kan dide taʼuu isaa irrayyuu “Kennaa Waaqayyo tola kennu maallaqaan argachuu akka dandeessu waan yaaddeef, meetiin kee sii wajjin haa badu!” jechuudhaan isa sirreesseera.—Hojii Ergamootaa 8:18-20.

  •   Phaawulos Ergamaan bakkaa bakkatti deemee tajaajiluudhaan beekama ture. Gumiiwwan kiristiyaanaa hedduu keessatti waggoota baayʼeedhaaf kan tajaajile taʼus, tajaajile kenne kamiifiyyuu kaffaltii gaafatee hin beeku. Innii fi Kiristiyaanonni akka isaatii kaan ‘akka namoota hedduu dubbii Waaqayyoo hin qanxaban’ turan. (2 Qorontos 2:17) Faallaa kanaatiin Phaawulos akkas jechuudhaan barreesseera: “Misiraachoo Waaqayyoo yeroo isiniif labsinetti, isin keessaa nama tokko illee baasii hedduu baasisuudhaan baʼaa akka isinitti hin taanetti halkanii fi guyyaa hojjenna turre.”—1 Tasalonqee 2:9.

 Dhugaa dubbachuuf, kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa duula lallabaa fi hojii isaanii isa bakki guddaan kennamuuf kaan babalʼifachuuf deggersa qarshii isaan barbaachisa ture. Haataʼu malee, hojii amantii irratti yeroo hirmaatan isaaniif hin kaffalamu ture. Qajeelfama armaan gadii irratti hundaaʼuudhaan namoonni yoo barbaadan kennuu dandaʼu turan:

  •   2 Qorontos 8:12: “jalqaba fedhiin yoo jiraate, kennaan nama tokkoo keessumaa fudhatama kan argatu, hamma qabuun yoo kenne malee, hamma hin qabneen yoo kenne miti.”

     Kun Maal Jechuudha? Namni tokko kennuuf kakaʼumsa qabaachuun isaa wanta inni kennu caalaa barbaachisaadha.

  •   2 Qorontos 9:7: “Waaqayyo nama gammachuudhaan kennu waan jaallatuuf, namni hundi garaa duuba yookiin dirqamaan utuu hin taʼin, akkuma garaa isaatti yaadetti haa kennu.”

     Kun Maal Jechuudha? Waaqayyo namni tokkoyyuu kenni jedhamee akka dirqisiifame akka itti dhagaʼamu hin barbaadu. Namni tokko fedhii isaatiin kakaʼee yeroo kennu baayʼee gammada.

Dhiheenyatti Amantii Sassataa Taʼerra Maaltu Gaʼa?

 Waaqayyo amantii ykn akaakuu waaqeffannaa hunda hin fudhatu. (Maatewos 7:21-23) Raajii bifa fakkeenyaatiin ibsame tokko irratti, Kitaabni Qulqulluun, dhaabbata amantii sobaa hunda ejjituutti fakkeesseera. Sababni isaas hundi isaanii deggersa qarshii fi tajaajila tokko tokko argachuuf mootummootaa wajjin kan hojjetan siʼa taʼu, saba gosa hundumaa saamaa jiru. (Mulʼata 17:1-3; 18:3) Raajichi itti fufuudhaan Waaqayyo dhiheenyatti amantii sobaa hunda irratti murtii akka dabarsu ibsa.—Mulʼata 17:15-17; 18:7.

 Hamma yeroon inni itti isaan balleessu gaʼutti garuu, Waaqayyo amantiin sobaa gocha isaaniitiin namoota gowwoomsuu fi isa irraa akka fagaatan gochuu isaanii akka itti fufan hin barbaadu. (Maatewos 24:11, 12) Namoonni garaa qajeelaa qaban, karaa fudhatama qabuun akkamitti isa tajaajiluu akka dandaʼan akka baratanii fi amantii sobaa irraa akka fagaatan isaan akeekkachiiseera.—2 Qorontos 6:16, 17.