Mulʼata Yohaannis 17:1-18

  • Murtii “Baabilon Guddittii” irratti dabarfame (1-18)

    • Sagaagaltuu guddittii bineensa diimaa irra teesse (1-3)

    • Bineensichi “jira ture, amma hin jiru, booda garuu qilee keessaa ni baʼa” (8)

    • Gaanfonni kurnan Hoolicha ni lolu (12-14)

    • Gaanfonni kurnan sagaagaltuu sana ni jibbu (16, 17)

17  Maleekota torban saaniiwwan torba qaban sana keessaa inni tokko+ dhufee akkana naan jedhe: “Kottu, murtii sagaagaltuu guddittii bishaanota hedduu irra teessu sana irratti dabarfame sitti nan argisiisa;+  mootonni lafaa ishii wajjin halalummaa*+ raawwataniiru; jiraattonni lafa irraas daadhii wayinii halalummaa* ishiitiin machaaʼaniiru.”+  Inni humna hafuuraatiin gara lafa onaatti na geesse. Anis dubartiin tokko bineensa diimaa, maqaawwan Waaqa arrabsaniin guutame, mataa torbaa fi gaanfa kudhan qabu irra teessee nan arge.  Dubartittiin uffata bifa dhiilgee+ fi diimaa uffattee, warqii, dhagaa gatii guddaa qabuu fi calleedhaan*+ miidhagfamtee, akkasumas xoofoo warqii wantoota balfamoo fi wantoota xuraaʼoo halalummaa* ishiitiin guutame harkatti qabattee turte.  Adda ishii irrattis maqaan iccitii, “Baabilon Guddittii, haadha sagaagaltootaa+ fi wantoota balfamoo lafa irraa”+ jedhu barreeffamee ture.  Anis dubartittiin dhiiga qulqullootaa fi dhiiga dhugaa baatota Yesuusiin machooftee nan arge.+ Yommuun ishii argus baayʼeen ajaaʼibsiifadhe.  Kanaafuu, maleekichi akkana naan jedhe: “Ati maaliif ajaaʼibsiifatte? Iccitii dubartittii+ fi iccitii bineensa ishii baate, isa mataa torbaa fi gaanfa kudhan qabu+ sanaa sitti nan hima:  Bineensi ati argite sun jira ture, amma hin jiru, booda garuu qilee+ keessaa ni baʼa, gara badiisaattis ni deema. Namoonni lafa irra jiraatanii fi erga addunyaan hundeeffamee jalqabee maqaan isaanii maraa kitaaba jireenyaa keessatti hin barreeffamne,+ bineensicha isa duraan ture, amma hin jirree fi booda garuu dhufuuf jiru sana yommuu argan ni ajaaʼibsiifatu.  “Egaa sammuun ogummaa qabu kan barbaachisu kana irratti: Mataawwan torban+ gaarota torban dubartittiin irra teessu argisiisu. 10  Isaan mootota torba argisiisu: Shanan isaanii kufaniiru, tokko jira, inni kan biraan garuu amma iyyuu hin dhufne; yommuu dhufus yeroo gabaabaadhaaf turuu qaba. 11  Bineensi inni duraan turee fi amma garuu hin jirre sun,+ mootii saddeettaffaa dha; taʼus, inni warra torban keessaa baʼa, gara badiisaattis ni deema. 12  “Gaanfonni kurnan ati argite mootota kurnan warra amma iyyuu mootummaa hin fudhanne argisiisu; haa taʼu malee, isaan bineensichaa wajjin aangoo fudhatanii saʼaatii tokkoof mootota taʼu. 13  Warri kun yaada tokko waan qabaniif, humnaa fi aangoo isaanii bineensichaaf ni kennu. 14  Isaan Hoolichaa+ wajjin wal lolu; taʼus Hoolichi Gooftaa gooftotaa fi Mootii moototaa+ waan taʼeef isaan injifata.+ Warri isaa wajjin jiran, jechuunis warri waamaman, filatamanii fi amanamoo taʼanis ni injifatu.”+ 15  Innis akkana naan jedhe: “Bishaanonni sagaagaltuun sun irra teessee fi ati argite, namoota, uummata hedduu, sabootaa fi qooqawwan argisiisu.+ 16  Gaanfonni kurnan+ ati argitee fi bineensichi+ sagaagaltuu+ sana ni jibbu, ishii ni saamu, qullaatti ishii hambisu, foon ishii ni nyaatu, akkasumas guutummaatti ibiddaan ishii gubu.+ 17  Sababiin isaas, Waaqayyo hamma dubbiin isaa raawwatamutti yaada isaa akka raawwataniif,+ eeyyee, mootummaa isaanii bineensichaaf+ kennuudhaan yaada tokkicha qaban sana akka raawwataniif, kana garaa isaanii keessa kaaʼeera. 18  Dubartiin+ ati argite magaalaa guddittii ishii mootota lafaa irratti mootummaa qabdu argisiisti.”

Miiljaleewwan

Afaan Giriikiitiin poorniyaa. Ibsa Jechootaa ilaali.
Dhagaa gatii guddaa qabuu fi qaama qurxummii tokko tokko keessaa argamu.
Afaan Giriikiitiin poorniyaa. Ibsa Jechootaa ilaali.