Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Anna Moneymaker/Getty Images

DAMMAQINAAN EEGAA!

Saayintistoonni Saʼaatii Guyyaa Badiisaa Fuulduratti Siqsaniiru—Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?

Saayintistoonni Saʼaatii Guyyaa Badiisaa Fuulduratti Siqsaniiru—Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?

 Amajjii 24, 2023​tti, saayintistoonni Saʼaatii Guyyaa Badiisaa a isa dhuma addunyaa akka argisiisutti yaadamu gara halkan walakkaatti siqsaniiru.

  •   “‘Saʼaatiin Guyyaa Badiisaa’ mallattoo dhalli namaa akka ofiin of balleessu argisiisudha. Kibxata saayintistoonni saʼaatiin kun haala sana dura taʼee hin beekneen gara halkan walakkaatti akka siqu godhaniiru; wantoonni kanaaf sababa taʼanis waraana Yuukreen keessa jiru, sodaa waraana niwukilarii fi haalli qilleensa naannoo lafaa balaadhaaf kan saaxilame taʼuu isaati.”—AFP International Text Wire.

  •   “Saayintistoonni ‘Saʼaatiin Guyyaa Badiisaa’ gara halkan walakkaatti baayʼee akka siqu godhaniiru, halkan walakkaa bira gaʼuuf kan hafu sekoondii 90 dha; kunis dhalli namaa armaagedoonitti baayʼee akka dhihaate argisiisa.”—ABC News.

  •   “Jireenyi dhala namaa yeroo kamiyyuu caalaa amma balaadhaaf akka saaxilame gareen saayintistootaa tokko akeekkachiiseera.”—The Guardian.

 Badiisni dhala namaa fi pilaaneetii keenyaa dhihaateeraa? Yeroon gara fuulduraa nu sodaachisuu qabaa? Kitaabni Qulqulluun maal jedha?

Gara fuulduraatti maaltu taʼa?

 Kitaabni Qulqulluun akka jedhutti, “lafti . . . bara baraaf jiraatti,” namoonni ‘bara baraaf ishii irra jiraatanis’ ni jiraatu. (Lallaba 1:4; Faarfannaa 37:29) Kanaafuu, namoonni lafa balleessuus taʼe bakka jireenyi irratti hin argamne gochuu hin dandaʼan.

 Haa taʼu malee, Kitaabni Qulqulluun badiisni akka dhufus ni dubbata. Fakkeenyaaf, “addunyaanii fi hawwiin isaa darbaa” akka jiran ni dubbata.—1 Yohaannis 2:17.

Ilaalcha gaarii qabaachuu

 Addunyaarra rakkinni kan jiru taʼus Kitaabni Qulqulluun ilaalcha gaarii qabaannee akka itti fufnu nu gargaaruu dandaʼa. Akkamitti?

 Kitaaba Qulqulluurraa faayidaa guutuu argachuu akka dandeessuuf, nu wajjin tolaan Kitaaba Qulqulluu akka qoʼattu miira hoʼaadhaan si affeerra.

a “Saʼaatiin Guyyaa Badiisaa addunyaan keenya teknooloojiiwwan ofuma keenyaan hojjennee fi balaadhaaf nama saaxilaniin balleeffamuuf yeroon hammamii akka isa hafe mallattoo uummata akeekkachiisudha. Pilaaneetii kanarra jiraachuu keenya itti fufuu akka dandeenyuuf mallattoo, jechuunis yaadachiisa badiisni dhufaa akka jiru argisiisu kanaaf xiyyeeffannaa kennuu qabna.”—Bulletin of the Atomic Scientists.