Dhimma ijoo ta'etti seeni

CAQASOOTA KITAABA QULQULLUU IBSI IRRATTI KENNAME

Isaayyaas 42:8—“Ani Waaqayyoo Dha”

Isaayyaas 42:8—“Ani Waaqayyoo Dha”

 “Ani Yihowaa dha. Maqaan koos isa kana;ulfina koo eenyuuf iyyuu hin kennu, galata koos fakkiiwwan bocamaniif hin kennu.”—Isaayyaas 42:8, Hiika Addunyaa Haaraa.

 “Ani Waaqayyoo dha, maqaan koo isa kana; ani ulfina koo kan biraatiif hin kennu, maqaa koo isan ittiin galateeffamus waaqayyolii tolfamaniif hin dhiisu.”—Isaayyaas 42:8, hiika bara 1997.

Hiika Isaayyaas 42:8

 Waaqayyo maqaa dhuunfaa isaa kan nutti hime yeroo taʼu, galata isaas taʼe ulfina isaa waaqolii tolfamoodhaaf akka hin kennine dubbateera.

  Waaqayyo maqaa isa Afaan Oromootiin yeroo baayʼee “Yihowaa” ykn “Yaahwee” jedhamee hiikamu ofii isaatiif baaseera. a (Baʼuu 3:14, 15) Maqaan Waaqayyoo Kakuu Moofaa (Kitaabota Qulqulluu Afaan Ibrootaa fi Afaan Aaraam) keessatti gara siʼa 7,000 kan argamu taʼus, hiikkaawwan hedduun maqaa ulfinaa “Waaqayyo” ykn “Gooftaa” jedhuun bakka buusaniiru. Yaanni raajii Hojii Ergamootaa 2:34-36 irratti Yihowaa fi Yesuusiin ilaalchisee caqasame kanaaf fakkeenya taʼa. (Faarfannaa 110:1 wajjin wal bira qabii ilaali.) Hiika bara 1997 irratti yaada, “Gooftichi [Yihowaan] gooftaa [Yesuusiin] kootiin . . . jedhe dubbateera” jedhu dubbisna. Hiikni Addunyaa Haaraa maqaa Waaqayyoo iddoo isaa isa sirriitti galchuudhaan eenyummaa “gooftolii” lamaanii ifa godheera. Akkana jedha: “Yihowaan Gooftaa kootiin akkana jedheera: ‘Diinota kee ejjeta miila keetii hamman siif godhutti mirga koo taaʼi.’”

 Hayyoonni hedduun maqaan Waaqayyoo hiika, “Akka Taʼu Godha” jedhu akka qabu amanu. Maqaa kana qabaachuu kan dandaʼu Waaqa isa dhugaa qofa dha; sababiin isaas, ofii isaas taʼe uumamni isaa wanta kaayyoo isaa raawwachuuf taʼuun isa barbaachisu akkamii iyyuu akka taʼu gochuu kan dandaʼu isa qofa dha.

  Yihowaan Uumaa keenyaa fi Waaqa dhugaa isa tokkicha waan taʼeef, guutummaatti isaaf buluun keenya kan isaaf malu dha. Waaqolii tolfamoo fi fakkiiwwan dabalatee qaamni kam iyyuus taʼe wanti akkamii iyyuu waaqeffannaa keenya argachuuf mirga hin qabu.—Baʼuu 20:2-6; 34:14; 1 Yohaannis 5:21.

Yaada Naannoo Isaayyaas 42:8⁠tti Argamu

 Jalqaba lakkoofsota boqonnaa 42 irratti Yihowaan hojii ‘isa filate’ sanaa ilaalchisee raajii dubbateera. Waaqayyo waaʼee tajaajilaa fudhatama argate kanaa yeroo dubbatu, “Sabootaaf haqa ni fida” jedheera. (Isaayyaas 42:1) Waadaa kana ilaalchisee Waaqayyo, “Amma wantoota haaraa nan labsa. Isaan dhufuu isaanii dura, waaʼee isaanii nan dubbadha” jedheera. (Isaayyaas 42:9) Raajiin ‘inni filatame’ akka dhufu dubbatame, jaarraawwan hedduu booda yeroo Masiihichi ykn Kiristoos gara lafaa dhufee tajaajila isaa raawwatetti raawwii isaa argateera.—Maatewos 3:16, 17; 12:15-21.

a Maqaan Waaqayyoo Afaan Ibrootaatiin dubbifamaa afur kan qabate yeroo taʼu, Afaan Oromootiin yeroo baayʼee YHWH jedhamee barreeffama. Hiikkaawwan tokko tokko maqaa Waaqayyoo Yaahwee jedhanii kaaʼu.” Ibsa dabalataa argachuuf Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa irraa Kutaa Dabalataa A4 isa, “Maqaa Waaqayyoo Kitaabota Qulqulluu Afaan Ibrootaa Keessatti” jedhu ilaali.