Baʼuu 20:1-26

  • Ajajawwan Kurnan (1-17)

  • Dinqii Israaʼelonni akka sodaatan godhe (18-21)

  • Qajeelfama waaqeffannaa ilaalchisee kenname (22-26)

20  Achiis Waaqayyo dubbii kana hundumaa ni dubbate:+  “Ani Waaqa kee Yihowaa isa biyya Gibxii keessaa, mana garbummaa jalaa si baase dha.+  Ana biratti* waaqolii kan biroo akkamii iyyuu hin qabaatin.+  “Wanta ol gubbaa samii keessa jiru yookiin gad lafa irra jiru yookiin lafa jala bishaan keessa jiru kam iyyuu fakkeessitee ofii keetiif fakkii bocame yookiin fakkii kan biraa hin tolfatin.+  Ati isaaniif hin sagadin yookiin gowwoomfamtee isaan hin tajaajilin;+ sababiin isaas, ani Waaqni kee Yihowaan Waaqa namoonni guutummaatti akka isaaf bulan barbaadu,+ akkasumas warra isa jibban cubbuu abbootiitiif ilmaan irratti, dhaloota sadaffaa irrattii fi dhaloota arfaffaa irratti adaba fidu dha;  warra na jaallatanii fi ajajawwan koo eeganiif garuu, Waaqa hamma dhaloota kumaatti jaalala amanamaa argisiisu dha.+  “Yihowaan isa maqaa isaa akkasumaan dhaʼu utuu hin adabin waan hin dhiisneef,+ ati maqaa Waaqa kee Yihowaa akkasumaan hin dhaʼin.+  “Guyyaa Sanbataa qulqulluu gootee eeguu hin dagatin.+  Guyyaa jaʼaaf hojii kee fi wantoota raawwattu hundumaa raawwadhu;+ 10  guyyaan torbaffaan garuu Waaqa kee Yihowaadhaaf sanbata dha. Ati yookiin ilmi kee yookiin intalli tee yookiin garbichi kee yookiin garbittiin tee yookiin beeladni kee yookiin namni biyya ormaa gandeen* kee keessa jiraatu hojii akkamii iyyuu hin hojjetinaa.+ 11  Sababiin isaas, Yihowaan guyyaa jaʼa keessatti samii, lafa, galaanaa fi wantoota isaan keessa jiran hundumaa erga uumee booda, guyyaa torbaffaatti boqochuu jalqabeera.+ Yihowaan guyyaa Sanbataa kan eebbisee fi qulqulluu kan godhe kanaafi. 12  “Biyya Waaqni kee Yihowaan siif kennu keessatti bara dheeraa akka jiraattuuf,+ abbaa kee fi haadha tee kabaji.+ 13  “Hin ajjeesin.+ 14  “Hin ejjin.+ 15  “Hin hatin.+ 16  “Nama irratti sobaan ragaa hin baʼin.+ 17  “Mana namaa hin hawwin. Haadha manaa namaa+ yookiin garbicha isaa yookiin garbittii isaa yookiin qotiyyoo isaa yookiin harree isaa yookiin wanta kan isaa taʼe kam iyyuu hin hawwin.”+ 18  Guutummaan sabichaa sagalee kakawwee fi sagalee xurumbaa ni dhagaʼe; akkasumas bakakkaa sanaa fi aara gaarichaa ni arge; kunis akka hollatanii fi fagaatanii akka dhaabbatan isaan godhe.+ 19  Kanaafuu isaan Museedhaan, “Ati nuu wajjin dubbadhu; nutis ni dhageenya; garuu akka nuti sodaadhaan hin duuneef, Waaqayyo akka nutti dubbatu hin godhin” jedhan.+ 20  Museenis sabichaan, “Hin sodaatinaa; Waaqni keessan kan dhufe isa sodaachuu keessan itti fufuudhaan akka isin cubbuu hin hojjenne+ isin qoruufi”+ jedhe. 21  Kanaafuu, sabichi akkuma fagaatee dhaabbatetti jira ture; Museen garuu duumessa gurraacha iddoo Waaqni dhugaan jiru sanatti ni dhihaate.+ 22  Achiis Yihowaan Museedhaan akkana jedhe: “Israaʼelotaan akkana jedhi: ‘Ani samii irraa akkan isinitti dubbadhe isinumti iyyuu argitaniittu.+ 23  Isin ana biratti meetii irraa waaqolii hin tolfatinaa; warqii irraas ofii keessaniif waaqolii hin tolfatinaa.+ 24  Ati dhoqqee irraa iddoo aarsaa anaaf ni ijaarta; achi irrattis aarsaawwan kee warra gubaman, aarsaawwan gamtaa* kee, bushaayee kee fi horii kee aarsaa gootee ni dhiheessita. Bakka ani maqaan koo akka yaadatamu godhu hundumaatti,+ gara kee nan dhufa; akkasumas sin eebbisa. 25  Ati dhagaa irraa iddoo aarsaa yoo naaf ijaarte, dhagoota meeshaadhaan soofamaniin* hin ijaarin.+ Sababiin isaas, isa tolchuuf qirixii keetti yoo fayyadamte, dhagicha ni xureessita. 26  Qullaan kee achi irratti akka hin mulʼanneef, kortoodhaan iddoo aarsaa kootti ol hin baʼin.’

Miiljaleewwan

Ykn., “Anaan diduudhaan.” Kal., “Fuula koo duratti.”
Kal., “karrawwan.”
Ykn., “aarsaawwan nagaa.”
Ykn., “bocamaniin.”