Wangeela Maatewos 3:1-17

  • Yohaannis Cuuphaan ni lallabe (1-12)

  • Yesuus ni cuuphame (13-17)

3  Bara sanatti Yohaannis+ Cuuphaan lafa onaa Yihudaa keessatti lallabaa+ dhufe;  lallabni isaas, “Mootummaan samii waan dhihaateef, yaada geddaradhaa”+ kan jedhu ture.  Kunis isa Isaayyaas raajichi+ waaʼee isaa, “Lafa onaa keessaa sagaleen, ‘Daandii Yihowaa* qopheessaa! Karaa isaas wal qixxeessaa’ jedhu tokko ni dhagaʼama”+ jechuudhaan dubbate sana dha.  Yohaannis uffata rifeensa gaalaa irraa tolfame uffata, mudhii isaas qabattoo gogaa irraa tolfameen hidhata ture.+ Nyaanni isaa immoo awwaannisaa fi damma bosonaa ture.+  Yeroo sanatti namoonni Yerusaalem, guutummaa Yihudaa fi biyyoota naannoo Yordaanos jiran hundumaa keessaa gara isaa ni dhufu turan;+  isaanis cubbuu isaanii ifatti himachaa Laga Yordaanos+ keessatti isaan cuuphamu* turan.  Yohaannis, Fariisonnii fi Saduuqonni+ hedduun bakka inni itti cuuphu dhufaa akka jiran yommuu argu akkana isaaniin jedhe: “Isin ijoollee buutii nana,+ dheekkamsa isa dhufaa jiru jalaa akka baqattan eenyutu isin akeekkachiise?+  Kanaafuu, firii yaada geddarachuu keessan argisiisu godhadhaa.  ‘Abbaan keenya Abrahaami’+ jettanii hin yaadinaa. Ani isinitti nan hima, Waaqayyo dhagoota kana keessaa Abrahaamiif ijoollee kaasuu ni dandaʼa. 10  Ammuma iyyuu qottoon mukeetii jala kaaʼameera. Kanaafuu, mukti firii gaarii hin godhanne hundi muramee ibiddatti gatama.+ 11  Ani yaada waan geddarattaniif bishaaniin isin nan cuupha;+ inni ana booda dhufu garuu ana caalaa jabaa dha; ani kophee isaa illee isa irraa baasuuf gaʼumsa hin qabu.+ Inni hafuura qulqulluu+ fi ibiddaan isin cuupha.+ 12  Laayidaa* ittiin qulleessu harkatti qabateera; oobdii isaa guutummaatti ni qulqulleessa; achiis qamadii isaa gootaraatti ni galcha, habaqii isaa garuu ibidda+ dhaamuu hin dandeenyeen guba.” 13  Yeroo sanatti Yesuus Yohaannis akka isa cuuphuuf Galiilaadhaa gara Yordaanos ni dhufe.+ 14  Yohaannis garuu, “Ani siin cuuphamuu utuun qabuu, ati gara koo dhuftaa?” jedhee isa dhowwuuf yaale. 15  Yeroo kanatti Yesuus, “Na hin dhowwin; akka kanaan wanta qajeelaa taʼe hundumaa raawwachuun keenya barbaachisaa dha” jedhee isaaf deebise. Achiis Yohaannis isa dhowwuu dhiise. 16  Yesuus erga cuuphamee booda, yeruma sana bishaanicha keessaa ni baʼe; yeroo kanatti samiiwwan ni banaman;+ inni hafuurri Waaqayyoo akka gugeetti* gad dhufee yommuu isa irra buʼu+ ni arge. 17  Sagaleen tokkos samiiwwan irraa,+ “Kun Ilma koo+ isa jaallatamaa, isa ani itti gammadu dha”+ jedhe.

Miiljaleewwan

Ykn., “gad liccisiifamu.”
Ykn., “Battoo.” Miʼa akka akaafaa muka irraa hojjetamuu fi midhaan ittiin ol darbatanii qulleessuuf gargaaru.
Ykn., “makoodiitti; andariitti.”