Dhimma ijoo ta'etti seeni

CAQASOOTA KITAABA QULQULLUU IBSI IRRATTI KENNAME

Yohaannis 14:6—“Karaan, Dhugaanii fi Jireenyi Ana”

Yohaannis 14:6—“Karaan, Dhugaanii fi Jireenyi Ana”

 “Yesuusis akkana isaan jedhe: ‘Karaan, dhugaanii fi jireenyi ana. Karaa koo yoo taʼe malee, eenyu iyyuu gara Abbaa dhufuu hin dandaʼu.’”—Yohaannis 14:6, Hiika Addunyaa Haaraa.

 “Yesus deebisee, “Karichi, dhugaan, jireenyis, ana; anaan yoo ta’e malee, eenyu iyyuu gara abbaa hin dhufu.’”—Yohaannis 14:6, hiika bara 1997.

Hiika Yohaannis 14:6

 Namni tokko Yihowaa a isa Abbaa taʼe waaqeffachuu yoo barbaade gaʼee guddaa Yesuus qabu beekuu qaba.

 “Karaan . . . ana.” Yesuus “karaa” Waaqayyo duratti fudhatama qabuun dhihaachuun itti dandaʼamu qopheesseera. Fakkeenyaaf namoonni Waaqayyotti kadhannaa dhiheessan maqaa Yesuusiin dhiheessuutu isaan irra jira. (Yohaannis 16:23, 24) Duuti Yesuus namoonni Waaqayyotti akka araaraman ykn araara isaa argachuu akka dandaʼan godheera. (Roomaa 5:8-11) Yesuus ulaagaa amalaa namoonni Waaqayyoon gammachiisuu barbaadan hordofuu qabanis kaaʼeera.—Yohaannis 13:15.

 ‘Dhugaan ana.’ Yesuus yeroo hunda dhugaa dubbata; wanta dubbate wajjinis haala wal simuun jiraata. (1 Pheexiros 2:22) Namni tokko Yesuusiin dhagaʼuudhaan waaʼee Waaqayyoo dhugaa isaa barachuu dandaʼa. (Yohaannis 8:31, 32) Raajiin Kitaaba Qulqulluu karaa isaa raawwii waan argateef, Yesuus ‘dhugaa’ jedhamees ni waamama. Kanaanis abdiin Waaqayyo kenne dhugaa taʼuu isaa argisiiseera.—Yohaannis 1:17; 2 Qorontos 1:19, 20; Qolosaayis 2:16, 17.

 “Jireenyi ana.” Yesuus namoonni isatti amanan jireenya bara baraa akka argataniif lubbuu isaa aarsaa godheera. (Yohaannis 3:16, 36) Yesuus namoota duʼan waan kaasuuf “jireenya” jedhamees waamameera.—Yohaannis 5:28, 29; 11:25.

 “Karaa koo yoo taʼe malee, eenyu iyyuu gara Abbaa dhufuu hin dandaʼu.” Namoonni Waaqayyo duratti fudhatama argachuu barbaadan gaʼee addaa Yesuus qabu fudhachuu qabu. Kanas maqaa Yesuusiin Waaqayyotti kadhannaa dhiheessuudhaan argisiisuu dandaʼu. Akkas gochuun isaanii aangoo Yesuus Kiristoos qabu hubachuu isaanii kan argisiisu dha. (Yohaannis 15:16) Fayyinni kan argamus karaa Yesuus qofa akka taʼe amanu.—Hojii Ergamootaa 4:12; Filiphisiyus 2:8-11.

Yaada naannoo 14:6⁠tti argamu

 Yohaannis boqonnaa 13 hanga 17 gorsa Yesuus ergamtoota isaa 11 galgala duʼuu isaa dura turetti isaaniif kenne kan qabate dha. Boqonnaa 14 irratti Yesuus barattoonni isaa isaa fi Abbaa isaatti akka amanan, akka isaan jaallatanii fi isaaniif abboomaman jajjabeesseera. (Yohaannis 14:1, 12, 15-17, 21, 23, 24) Walitti dhufeenya cimaa Abbaa isaa wajjin duras taʼe amma qabu isaaniif ibseera. (Yohaannis 14:10, 20, 28, 31) Yesuus yeroo muraasa booda samiitti kan ol baʼu taʼus, akka isaan hin gatne barattoota isaatiif mirkaneesseera. (Yohaannis 14:18) Akkasumas, ‘Gargaaraa, jechuunis hafuura qulqulluu isa Abbaan maqaa Yesuusiin ergu’ akka argatan waadaa galeera. (Yohaannis 14:25-27) Kanneenii fi karaawwan gara biraatiin Yesuus rakkoowwan gara fuulduraatti duuka buutota isaa mudataniif isaan qopheesseera.