Wangeela Yohaannis 14:1-31

  • Gara Abbaatti dhihaachuun kan dandaʼamu karaa Yesuus qofa dha (1-14)

    • “Karaan, dhugaanii fi jireenyi ana” (6)

  • Yesuus hafuura qulqulluu akka ergu waadaa gale (15-31)

    • “Abbaan na caala” (28)

14  Yesuus itti dabalee akkana jedhe: “Garaan keessan hin raafamin.+ Waaqayyotti amanaa,+ anattis amanaa.  Mana Abbaa koo keessa iddoon jireenyaa hedduun jira. Kun utuu taʼuu baatee isinitti nan himan ture; sababiin isaas, ani iddoo isiniif qopheessuun deema.+  Dhaqee ergan iddoo isiniif qopheessee booda, isinis iddoo ani jiru akka jiraattaniif deebiʼee dhufeen iddoo ani jirutti isin fudhadha.+  Karaa iddoo ani dhaqutti geessu beektu.”  Toomaasis,+ “Yaa Gooftaa, ati eessa akka dhaqxu hin beeknu. Karaa isaa akkamitti beekuu dandeenya ree?” isaan jedhe.  Yesuusis akkana isaan jedhe: “Karaan,+ dhugaanii+ fi jireenyi+ ana. Karaa koo yoo taʼe malee, eenyu iyyuu gara Abbaa dhufuu hin dandaʼu.+  Utuu na beektaniittu taʼee, Abbaa koos ni beektu turtan; ammaa jalqabee isa beektu; akkasumas isa argitaniittu.”+  Filiphoosis, “Yaa Gooftaa, Abbaa nutti argisiisi; kunumti nu gaʼa” isaan jedhe.  Yesuusis akkana isaan jedhe: “Yaa Filiphoos, yeroo dheeraa hammanaatiif ergan isinii wajjin jiraadhee booda illee, isin na hin beeknee? Namni ana arge hundi Abbaas argeera.+ Maarree ati akkamitti, ‘Abbaa nutti argisiisi’ jetta? 10  Ani Abbaa wajjin tokkummaa akkan qabuu fi Abbaanis anaa wajjin tokkummaa akka qabu hin amantuu?+ Ani wantootan isinitti dubbadhe ofii kootiin kakaʼee hin dubbanne;+ kanaa mannaa, Abbaa isa naa wajjin tokkummaa qabutu hojii isaa hojjechaa jira. 11  Ani Abbaa wajjin tokkummaa akkan qabuu fi Abbaanis anaa wajjin tokkummaa akka qabu na amanaa; taʼuu baannaan, hojiiwwan ani hojjedheen kan kaʼe amanaa.+ 12  Dhuguma dhuguman isiniin jedha, namni anatti amanu hundi hojii ani hojjedhus ni hojjeta; ani gara Abbaa waanan dhaquuf,+ inni hojii kana irra caalu ni hojjeta.+ 13  Kana malees, Abbaan karaa Ilmaa ulfina akka argatuuf, wanta isin maqaa kootiin kadhattan kam iyyuu ani isiniif nan raawwadha.+ 14  Wanta akkamii iyyuu maqaa kootiin yoo kadhattan ani nan raawwadha. 15  “Isin yoo na jaallattan ajajawwan koo ni eegdu.+ 16  Ani Abbaa nan kadhadha, innis bara baraaf akka isinii wajjin jiraatuuf gargaaraa* kan biraa isiniif ni kenna;+ 17  inni hafuura dhugaa ti;+ addunyaan waan isa hin arginee fi waan isa hin beekneef fudhachuu hin dandaʼu.+ Taʼus inni isinii wajjin waan jiraatuu fi isin keessa waan jiruuf isin isa ni beektu. 18  Ani kophaatti* isin dhiisee hin deemu. Gara keessan nan dhufa.+ 19  Yeroo gabaabaa booda addunyaan na hin argu; isin garuu ani waanan jiraadhuu fi isinis waan jiraattaniif na argitu.+ 20  Guyyaa sanatti ani Abbaa koo wajjin tokkummaa akkan qabu, isin anaa wajjin tokkummaa akka qabdanii fi anis isinii wajjin tokkummaa akkan qabu ni beektu.+ 21  Namni ana jaallatu, isa ajajawwan koo fudhatuu fi eegu dha. Nama na jaallatu hunda Abbaan koo ni jaallata, anis isa nan jaalladha; isattis ifatti of nan mulʼisa.” 22  Yihudaa+ Asqoroticha utuu hin taʼin Yihudaa inni kan biraan, “Yaa Gooftaa, ati addunyaatti utuu hin taʼin nutti ifatti of mulʼisuu kan yaadde maaliifi?” isaan jedhe. 23  Yesuusis akkana jedhee deebise: “Namni na jaallatu hundi dubbii koo ni eega;+ Abbaan koos isa jaallata, nutis gara isaa dhufnee bakka jireenyaa keenya isaa wajjin godhanna.+ 24  Namni na hin jaallanne hundi, dubbii koo hin eegu. Dubbiin isin dhagaʼaa jirtan kan Abbaa isa na erge sanaa ti malee kan koo miti.+ 25  “Ani amma utuman isinii wajjin jiruu, wantoota kana isinitti himeera. 26  Gargaaraan, jechuunis hafuurri qulqulluun inni Abbaan maqaa kootiin ergu sun garuu wanta hunda isin barsiisa; wantoota ani isinitti hime hundas isin yaadachiisa.+ 27  Ani nagaa isin biratti nan dhiisa; nagaa koo isiniif nan kenna.+ Nagaa koo kanan isiniif kennu akka addunyaan kennutti miti. Garaan keessan akka raafamus taʼe sodaadhaan akka guutamu hin godhinaa. 28  ‘Ani nan deema, deebiʼees gara keessan nan dhufa’ akkan isiniin jedhe dhageessaniittu. Utuu na jaallattu taʼee, gara Abbaa dhaquu kootti ni gammaddu turtan; sababiin isaas, Abbaan na caala.+ 29  Kanaafuu, wanti kun yommuu raawwatamu akka amantaniif, ani amma wanti kun raawwatamuu isaa dura isinitti himeera.+ 30  Bulchaan addunyaa kanaa+ dhufaa waan jiruuf, ani kana caalaa isinii wajjin hin dubbadhu; inni dhiibbaa ana irratti gochuu hin dandaʼu.+ 31  Haa taʼu malee, ani Abbaa akkan jaalladhu addunyaan akka beekuuf, akkuma Abbaan na ajajettan hojjedha.+ Kaʼaa, asii haa deemnu.

Miiljaleewwan

Ykn., “kan isin jajjabeessu.”
Ykn., “akka ijoollee warri irraa duʼaniitti.”