Dhimma ijoo ta'etti seeni

Kitaaba Qulqulluu Keessatti Lakkoofsonni Hiika Maalii Qabu? Numeroloojiin Deggersa Kitaaba Qulqulluu Qabaa?

Kitaaba Qulqulluu Keessatti Lakkoofsonni Hiika Maalii Qabu? Numeroloojiin Deggersa Kitaaba Qulqulluu Qabaa?

Deebii Kitaaba Qulqulluu

 Kitaaba Qulqulluu keessatti lakkoofsonni yeroo baayʼee hiika adda taʼe hin qaban; yeroo tokko tokko garuu akka fakkeenyaatti tajaajilu. Lakkoofsi tokko fakkeenyaan kan ibsame taʼuu fi dhiisuu isaa yeroo baayʼee yaada naannoo isaa jiru irraa hubachuun ni dandaʼama. Lakkoofsota Kitaaba Qulqulluu keessatti akka fakkeenyaatti itti hojjetame kana ilaali:

  •   1 Tokkummaa. Fakkeenyaaf, Yesuus waaʼee barattoota isaa yeroo Waaqa kadhatu, “Kan ani si kadhadhus hundi isaanii tokko akka taʼaniifi; yaa Abbaa akkuma ati anaa wajjin tokkummaa qabduu fi anis sii wajjin tokkummaa qabu” jedheera.—Yohaannis 17:21; Maatewos 19:6.

  •   2 Seera wajjin haala wal qabateen, dhugaa baatonni lama dhimmi tokko dhugaa taʼuu isaa mirkaneessu. (Keessa Deebii 17:6) Haaluma wal fakkaatuun, mulʼanni tokko irra deddeebiʼamuun isaas dhimmichi dhugaa taʼuu isaa mirkaneessa. Fakkeenyaaf, Yoseef abjuu Faraʼoon inni mootii Gibxii ture arge yommuu hiiku akkana jedhee ture: “Abjuun kee lama taʼuun isaa dubbichi Waaqayyo biraa akka cite . . . argisiisa” jedheenii ture. (Uumama 41:32) Akkuma Mootummaa Meedoo-Faares ilaalchisee Daaniʼel raajichatti himame, raajii keessatti, ‘gaanfi lama’ bulchiinsa cimdii taʼe lama bakka buʼuu dandaʼa.—Daaniʼel 8:20, 21; Mulʼata 13:11.

  •   3 Akkuma dhugaa baatonni sadi wanti tokko dhugaa taʼuu isaa sirriitti mirkaneessan, waan tokko siʼa sadi irra deddeebiʼuunis wanta sana cimsuu ykn addeessuu kan argisiisu fakkaata.—Hisqiʼel 21:27; Hojii Ergamootaa 10:9-16; Mulʼata 4:8; 8:13.

  •   4 Akkuma yaadni “golee lafaa afur” jedhu argisiisu lakkoofsi kun guutuu taʼuu argisiisa.—Mulʼata 7:1; 21:16; Isaayaas 11:12.

  •   6 Lakkoofsi jaʼa lakkoofsa torba isa guutuu taʼuu argisiisu taʼuuf tokko waan isa hirʼatuuf, wanta hin xumuramne ykn mudaa qabaachuu ykn immoo wanta diinota Waaqaa wajjin walitti firoome bakka buʼuu dandaʼa.—1 Seenaa 20:6; Daaniʼel 3:1; Mulʼata 13:18.

  •   7 Lakkoofsi kun yeroo baayʼee wanta guutuu taʼe ibsuuf hojiirra ni oola. Fakkeenyaaf, Israaʼeloonni guyyaa torbaaf walitti aansanii Yerikoo akka naannaʼan, guyyaa torbaffaatti immoo siʼa torba akka naannaʼan Waaqayyo isaan ajajee ture. (Iyaasuu 6:15) Kitaabni Qulqulluun lakkoofsa torbatti haala kanaan fayyadamuu isaa fakkeenyonni argisiisan baayʼeen jiru. (Lewwoota 4:6; 25:8; 26:18; Faarfannaa 119:164; Mulʼata 1:20; 13:1; 17:10) Yesuus Pheexiros obboleessa isaatiif dhiifama gochuu kan qabu ‘siʼa 77 malee, siʼa torba qofa taʼuu akka hin qabne’ yeroo itti himetti, “torba” irra deddeebiʼamuun isaa “daangaa malee” dhiifama gochuu argisiisa.—Maatewos 18:21, 22.

  •   10 Lakkoofsi kun guutummaa wanta tokkoo argisiisuu dandaʼa.—Baʼuu 34:28; Luqaas 19:13; Mulʼata 2:10.

  •   12 Lakkoofsi kun, guutummaa qophii Waaqaa waan bakka buʼu fakkaata. Fakkeenyaaf, Yohaannis ergamaan mulʼataan samii yeroo ilaaletti, magaalaa ‘dhagaa buʼuuraa 12 qabuu fi isaan irrattis maqaawwan 12n ergamoota Hoolichaa 12anii barreeffaman’ argeera. (Mulʼata 21:14; Uumama 49:28) Lakkoofsonni 12an baayʼifamanis hiikuma wal fakkaatu qabaachuu dandaʼu.—Mulʼata 4:4; 7:4-8.

  •   40 Yeroowwan murtii ykn adabaa tokko tokko lakkoofsa 40 wajjin wal qabsiifamaniiru.—Uumama 7:4; Hisqiʼel 29:11, 12.

Numeroloojiin

 Lakkoofsonni Kitaaba Qulqulluu keessatti akka mallattootti tajaajilan kun, Numeroloojii isa lakkoofsonni wal bira taʼun isaanii fi idaʼamni isaanii hiika iccitii taʼe qabu jedhu irraa adda dha. Fakkeenyaaf, Yihudoonni dabtaraa taʼan mala lakkoofsa dhokataa qubeewwan qaban beekuuf gargaaru fayyadamanii Kitaabota Qulqulluu Afaan Ibrootaa qorachuuf yaalaniiru. Numeroloojiin, raaguu ykn hooda dubbachuu wajjin tokko dha; kana immoo Waaqayyo ni balaaleffata.—Keessa Deebii 18:10-12.