Kitaabni Qulqulluun Yaada Waaqayyoo kan Qabate Dhaa?
Deebii Kitaaba Qulqulluu
Barreessitoonni Kitaaba Qulqulluu hedduun wanti isaan barreessan Waaqayyo biraa akka dhufe dubbataniiru. Fakkeenyota armaan gadii ilaali:
Daawit Mooticha: “Hafuurri Waaqayyoo ana keessaan in dubbate, dubbiin isaa afaan koo keessa jira.”—2 Saamuʼel 23:1, 2.
Isaayaas raajicha: “Wanti Waaqayyo gooftaan maccaa dubbate kanatti fufe jira.”—Isaayaas 22:15.
Yohaannis ergamaa: “Mulʼata Waaqayyo Yesuus Kiristoositti kennee fi karaa isaa mulʼise.”—Mulʼata 1:1.