Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Dhiifama gochuun ibidda walitti dhabiinsaan uumame dhaamsa

HIRIYOOTA GAAʼELAATIIF

4: Dhiifama Gochuu

4: Dhiifama Gochuu

MAAL JECHUUDHA?

Dhiifama gochuu jechuun, wanta nu aarsee fi haaloo akka qabannu nu taasisee dhiisuu jechuudha. Dhiifama goona jechuun dogoggora raawwatame xiqqeessinee ykn akka hin raawwatamnetti ilaalla jechuu miti.

QAJEELFAMA KITAABA QULQULLUU: “Namni tokko sababii nama kan biraa itti komatu yoo qabaate illee, wal dandaʼuu fi tola waliif dhiisuu keessan itti fufaa.”—Qolosaayis 3:13.

“Nama tokko yommuu jaallattu hirʼina isaarratti utuu hin taʼin, fooyyaʼiinsa gochuuf carraaqqii inni godhurratti xiyyeeffatta.”—Aaron.

BARBAACHISAA KAN TAʼE MAALIIFI?

Akkuma mufattetti yoo itti fufte, karaa qaamaa fi miiraa of miita; gaaʼela kees miidhuu dandeessa.

“Yeroo tokko abbaan manaa koo wanta baayʼee na miidhe tokkoof dhiifama na gaafate. Dhiifama isaaf gochuun baayʼee natti ulfaatee ture. Booda garuu dhiifama godheera; taʼus dafee akkas gochuu dhiisuu kootti nan gaabbe. Hariiroo keenyarratti dhiibbaa hin barbaachisne geessiseera.”—Juuliyaa.

WANTA GOCHUU DANDEESSU

OF QORI

Yeroo itti aanutti wanta hiriyaan gaaʼelaa kee dubbate ykn raawwateen yommuu miidhamtu akkana jedhii of gaafadhu:

  • ‘Ani nama dafee aarudhaa?’

  • ‘Wanti na mufachiise baayʼee cimaa taʼuu isaatiin kan kaʼe dhiifama gaafatamuun qaba, moo akkasumatti bira darbuu nan dandaʼa?’

HIRIYAA GAAʼELAA KEE WALIIN MARIʼADHU

  • Yeroo baayʼee dhiifama waliif gochuuf yeroo hammamii nutti fudhata?

  • Dafnee dhiifama waliif gochuuf maal gochuu dandeenya?

GORSA GAARII

  • Yommuu mufattu, hiriyaan gaaʼelaa kee taʼe jedhee wanta sana akka raawwate gootee hin yaadin.

  • ‘Hundi keenya yeroo baayʼee akka gufannu’ yaadachuudhaan gocha hiriyaa gaaʼelaa keetii bira darbuuf yaali.—Yaaqoob 3:2.

“Lamaan keenyayyuu yommuu balleessaa qabaannutti dhiifama gochuun salphaadha; balleessaan kan nama tokkoo qofa yeroo fakkaatutti garuu ulfaataa taʼa. Dhiifama yommuu gaafatamtan dhiifama gochuun gad of qabuu gaafata.”—Kiimbarlii.

QAJEELFAMA KITAABA QULQULLUU: “Dafiitii dhimmichaaf furmaata kenni.”—Maatewos 5:25.

Akkuma mufattetti yoo itti fufte, karaa qaamaa fi miiraa of miita; gaaʼela kees miidhuu dandeessa