Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Hiriyoonni gaaʼelaa wal deggeranii hojjetan akkuma paayileetii fi gargaaraa isaatti waliin hojjetu

HIRIYOOTA GAAʼELAATIIF

2: Wal Deggeranii Hojjechuu

2: Wal Deggeranii Hojjechuu

MAAL JECHUUDHA?

Abbaan manaa fi haati manaa gaaʼela isaanii keessatti wal deggeran akkuma paayileetii fi gargaaraa isaatti waliin hojjetu. Yommuu rakkinni uumamuttillee “ani” utuu hin taʼin “nuyi” jedhanii yaadu.

QAJEELFAMA KITAABA QULQULLUU: “Isaan sana booda foon tokko dha malee lama miti.”—Maatewos 19:6.

“Abbaan manaa fi haati manaa gaaʼelichi akka milkaaʼuuf wal deggeranii hojjechuu qabu.”—Kiristoofar.

BARBAACHISAA KAN TAʼE MAALIIFI?

Hiriyoonni gaaʼelaa wal deggeranii hin hojjetan taanaan yommuu walitti buʼiinsi uumamu rakkinicha furuuf yaaluu mannaa, balleessaan kan eenyuuti isa jedhurratti xiyyeeffatu. Kunimmoo rakkinni xinnoon gara rakkina guddaatti akka guddatu godha.

“Wal deggeranii hojjechuun gaaʼela keessatti baayʼee barbaachisaadha. Anii fi abbaan manaa koo wal deggerree hin hojjennu taanaan, hiriyoota gaaʼelaa utuu hin taʼin, namoota waliin jiraatan taana. Kunimmoo murtoo barbaachisaa yommuu goonu rakkina uuma.”—Aleeksaandiraa.

WANTA GOCHUU DANDEESSU

OF QORI

  • Maallaqnin argadhe “kan koo qofa” akka taʼettan ilaalaa?

  • Bashannanuuf hiriyaa gaaʼelaa koorraa fagaadhee deemuun na barbaachisaa?

  • Hiriyaan gaaʼelaa koo firoottan ishiitti kan dhihaattu taʼus, ani isaanirraa nan fagaadhaa?

HIRIYAA GAAʼELAA KEE WALIIN MARIʼADHU

  • Gaaʼela keenya keessatti gama kamiin akka gaariitti wal deggerree hojjechaa jirra?

  • Fooyyaʼiinsa gochuu kan dandeenyu hoo gama kamiini?

  • Wal deggerree hojjechuurratti fooyyaʼiinsa gochuuf tarkaanfiiwwan akkamii fudhachuu dandeenya?

GORSA GAARII

  • Mee lamaan keessan garee faallaa taʼe keessatti teenisii taphachaa akka jirtan godhii yaadi. Faallaa walii taatanii taphachuu mannaa, hiriyaa gaaʼelaa kee wajjin garee tokko taatanii taphachuuf tarkaanfiiwwan akkamii fudhachuu dandeessa?

  • ‘Akkamittan moʼa?’ jettee yaaduu mannaa ‘Akkamitti moona?’ jedhii yaadi.

“Eenyutu sirrii dha, eenyummoo dogoggoreera isa jedhu dhiisaa. Wanti baayʼee barbaachisaa taʼe gaaʼela keessatti nagaa fi tokkummaa qabaachuudha.”—Etaan.

QAJEELFAMA KITAABA QULQULLUU: “Faayidaa warra kaaniis yaadaa malee, faayidaa ofii keessanii qofa hin yaadinaa.”—Filiphisiyus 2:3, 4.