Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Waadaan akkuma qofoo dooniiti; yeroo rakkinaatti gaaʼelli keessan akka hin sochoone cimsee qaba

HIRIYOOTA GAAʼELAATIIF

1: Waadaa Eeguu

1: Waadaa Eeguu

MAAL JECHUUDHA?

Abbaan manaa fi haati manaa waadaa waliif galan, gaaʼelli isaanii hidhaa dhaabbataa gidduu isaaniitti miira tasgabbii uumu akka taʼetti ilaalu. Yeroo rakkinaattillee gaaʼela isaanii akka hin diigne wal amanu.

Hiriyoonni gaaʼelaa tokko tokko dhiibbaa hawaasaa ykn maatiitiin waliin jiraachuuf akka dirqaman isaanitti dhagaʼama. Haa taʼu malee, waliin jiraachuuf isaan kakaasuu kan qabu waadaa gaaʼelaa isa jaalalaa fi kabajarratti hundaaʼedha.

QAJEELFAMA KITAABA QULQULLUU: ‘Abbaan manaa haadha manaa isaa hin dhiisin.’—1 Qorontos 7:11.

“Waadaa galtan ni eegdu yoo taʼe, daftanii hin mufattan. Daftanii dhiifama gootu, dhiifamas ni gaafattu. Rakkina isin mudatu akka gufuutti malee, wanta wal hiikuutti isin geessu akka taʼetti hin ilaaltan.”—Maayikaa.

BARBAACHISAA KAN TAʼE MAALIIFI?

Hiriyoonni gaaʼelaa waadaa waliif galan hin eegne, yommuu rakkinni isaan mudatu, ‘Nuti namoota waliif hin taanedha’ jedhanii yaaduudhaan gaaʼelicha diiguuf carraa barbaadu.

“Namoonni baayʼeen yoo gaaʼelli isaanii milkaaʼuu baate, salphaatti wal hiikuu akka dandaʼan yaadanii gaaʼelatti seenu. Namoonni wal hiikuuf carraa akka qaban yaadanii yommuu gaaʼela dhaabbatan, waadaan isaan walii galan jalqabumayyuu rakkina qaba jechuudha.”—Jeen.

WANTA GOCHUU DANDEESSU

OF QORI

Yeroo wal dhabdeen uumamu . . .

  • Nama sana wajjin gaaʼela dhaabbachuu keetti ni gaabbitaa?

  • Nama biraa waliin gaaʼela dhaabbatteetta utuu taʼee jireenyi kee maal fakkaachuu akka dandaʼu ni yaaddaa?

  • Yaadawwan kan akka, “Si dhiiseen deema” ykn “Nama naaf taʼu hin dhabu” jedhan ni dubbattaa?

Gaaffilee kana keessaa tokko ykn isaa oliif deebiin kennitu eeyyee yoo taʼe, yeroon waadaa galte itti cimsattu amma.

HIRIYAA GAAʼELAA KEE WALIIN MARIʼADHU

  • Waadaan walii galle laafeeraa? Taanaan, maaliifi?

  • Waadaa keenya cimsuuf ammuma tarkaanfiiwwan akkamii fudhachuu dandeenya?

GORSA GAARII

  • Darbee darbee jaalala hiriyaa gaaʼelaa keetiif qabdu barreessii ergiif

  • Suuraa hiriyaa gaaʼelaa keetii bakka hojii kee kaaʼuudhaan waadaa galte akka eegdu argisiisi

  • Guyyaa guyyaadhaan, bakka hojiittis taʼe yeroo iddoo garaa garaa jirtanitti hiriyaa gaaʼelaa keetiif bilbili

QAJEELFAMA KITAABA QULQULLUU: “Wanta Waaqayyo walitti hidhe namni kam iyyuu gargar hin baasin.”—Maatewos 19:6.