Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?

Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?

Armaagedoon maali dha?

Namoonni tokko tokko maal jedhanii amanu?

Armaagedoon badiisa addunyaa meeshaalee niiwkulariitiin ykn faalama naannootiin gaʼu akka taʼe amanu. Atoo maal sitti fakkaata?

Kitaabni Qulqulluun maal jedha?

Armaagedoon bakka fakkeenyaan ibsamee fi “waraana guyyaa guddaa isa kan Waaqayyo Hundumaa Dandaʼuu” itti inni hamoota itti lolu dha.—Mulʼata 16:14, 16.

Wanta dabalataa Kitaaba Qulqulluu irraa barannu

  • Waaqayyo waraana Armaagedoon irratti kan lolu, lafti ilmaan namootaatiin akka hin balleeffamne ishii baraaruuf jedhee ti.—Mulʼata 11:18.

  • Waraanni Armaagedoon waraanota hunda ni dhabamsiisa.—Faarfannaa 46:8, 9.

Waraana Armaagedoon irraa ooluun ni dandaʼamaa?

Maal jettee deebista?

  • Eeyyee

  • Lakki

  • Taʼuu dandaʼa

Kitaabni Qulqulluun maal jedha?

Namoota saba hundumaa keessaa dhufanii fi “tuuta uummataa guddaa” taʼan, “rakkina guddaa” waraana Armaagedooniin xumuramu irraa lubbuudhaan ni oolu.—Mulʼata 7:9, 14.

Wanta dabalataa Kitaaba Qulqulluu irraa barannu?

  • Waaqayyo hamma dandaʼame namoonni hedduun Armaagedoon irraa akka oolan ni barbaada. Namoota hamoo kan balleessu jaallatee utuu hin taʼin filannoo waan dhabeefi dha.—Hisqiʼel 18:32.

  • Kitaabni Qulqulluun Armaagedoon irraa ooluun kan dandaʼamu akkamitti akka taʼe ibsa.—Sefaaniyaa 2:3.