Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Kitaabni Qulqulluun Akkas kan Baayʼate Maaliifi?

Kitaabni Qulqulluun Akkas kan Baayʼate Maaliifi?

Yeroo ammaatti hiikkaan Kitaaba Qulqulluu adda addaa heduun kan jiraatan maaliifi? Hiikkaawwan haaraan kun, Kitaaba Qulqulluu hubachuuf akka si gargaaran moo akka gufuu sitti taʼanitti ilaalta? Madda isaanii beekuun kee, hubannaadhaan waaʼee isaanii qoruuf si gargaara.

Jalqaba garuu, Kitaaba Qulqulluu jalqaba kan barreesse eenyu? Kan barreeffame hoo yoomi?

KITAABA QULQULLUU ISA JALQABAA

Kitaabni Qulqulluun kutaa lama qaba. Kutaan inni duraa, kitaabota 39 warra ‘dubbii Waaqayyoo isa qulqulluu’ qabatani dha. (Roomaa 3:2) Waaqayyo namoota amanamoo hafuura qulqulluudhaan geggeessee, kitaabota kana yeroo dheeraa gara waggoota 1,100 keessatti, jechuunis Dh.K.D. bara 1513 kaasee Dh.K.B. hamma bara 443 yeroo muraasa boodaa keessatti akka barreessan godheera. Garri caalaan isaanii Afaan Ibrootaatiin waan barreessaniif, Kitaaba Qulqulluu Afaan Ibrootaa jennee isaan waamna; kitaabonni kun Kakuu Moofaa jedhamaniis ni beekamu.

Kutaan inni lammaffaan immoo kitaabota 27 kan qabate siʼa taʼu, isaanis “dubbii Waaqayyoo” ti. (1 Tasalonqee 2:13) Waaqayyo barattoota Yesuus Kiristoos hafuura isaatiin geggeessee kitaabota kana yeroo gabaabaa gara waggoota 60 keessatti, jechuunis Dh.K.B. bara 41 kaasee hamma Dh.K.B. bara 98⁠tti akka barreessan godheera. Garri caalaan isaanii Afaan Giriikiitiin waan barreessaniif, kutaa kana Kitaaba Qulqulluu Afaan Giriikii jennee isaan waamna; kitaabonni kun Kakuu Haaraa jedhamaniis ni beekamu.

Kitaabonni geggeessaa hafuuraatiin barreeffaman 66n kun Kitaaba Qulqulluu guutuu ergaa Waaqayyo ilmaan namootaatiif kenne taʼaniiru. Hiikkaawwan Kitaaba Qulqulluu dabalataa kan barbaachisan maaliifi? Sababiiwwan buʼuuraa sadii haa ilaallu.

  • Namoonni qooqa afaan ittiin hiikkataniin Kitaaba Qulqulluu akka dubbisan gargaaruuf.

  • Dogoggora namoonni garagalchan raawwatan sirreessuu fi yaada Kitaaba Qulqulluu isa jalqabaa iddootti deebisuuf.

  • Afaan duubatti hafaa haaressuuf.

Haalawwan kun hiikkaawwan jalqabaa lamaan irratti akkamitti akka itti hojjetame haa ilaallu.

SAPTUUJANTII AFAAN GIRIIKII

Yesuus dhalachuu isaa waggoota 300 dura, hayyoonni Yihudootaa Kitaaba Qulqulluu Afaan Ibrootaa gara Afaan Giriikiitti hiikuu jalqaban. Hiikkaan kunis Saptuujantii Afaan Giriikii jedhamee beekama ture. Kan qophaaʼe maaliifi? Yihudoota hedduu yeroo sanatti Afaan Ibrootaa utuu hin taʼin Afaan Giriikii dubbatanii fi “Kitaabota Qulqulluu” isaanii akka hin irraanfanne gargaaruudhaaf ture.—2 Ximotewos 3:15.

Kana malees, Saptuujantiin namoota Yihudii hin taanee fi Afaan Giriikii dubbatan miliyoonaan lakkaaʼaman wanta Kitaabni Qulqulluun barsiisu akka hubatan gargaareera. Akkamitti? Piroofeesarri W. F. Hoowardi akkana jedhaniiru: “Walakkeessa jaarraa jalqabaatii kaasee, Kitaabni Qulqulluun kitaaba Waldaa Kiristiyaanaa taʼuudhaan, misiyoononni isaanii mana sagadaa Yihudii tokkoo gara isa kaaniitti deemuudhaan, ‘Yesuus Masiihicha taʼuu isaa kitaaba qulqulluutti fayyadamanii mirkaneessaa turan.’” (Hojii Ergamootaa 17:3, 4; 20:20) Akka piroofeesarri F. F. Biruus jedhanitti immo, Yihudoonni hedduun sababii isaan utuma baayʼee hin turin “Saptuujantii jibban” keessaa tokko kana ture.

Barattoonni Yesuus Kitaabota Qulqulluu Afaan Giriikii irraa jalaan argachaa yommuu adeeman, hiikkaa Saptuujantii Kitaabota Qulqulluu Afaan Ibrootaa wajjin waan walitti qabaniif, Kitaabni Qulqulluun nuti harʼa itti fayyadamnu argamuu dandaʼeera.

LAATIIN VULGEET

Kitaabni Qulqulluun erga xumuramee gara waggoota 300 booda immoo, hayyuun amantii Jeroom jedhamu tokko, hiikkaa Kitaaba Qulqulluu Afaan Laatiiniitiin kan qopheesse siʼa taʼu, hiikkaan kunis yeroo booda Laatiin Vulgeet jedhameera. Hiikkaan Afaan Laatiinii adda addaa duraan waan jiraniif, hiikkaa haaraan kan barbaachise maaliifi? Kitaabni The International Standard Bible Encyclopedia jedhamu, Jeroom “hiikkaawwan dogoggoraa, dogoggora ifatti mulʼatanii fi yaada utuu hin barbaachisin itti dabalamanii fi hirʼifaman” irratti sirreeffama gochuu waan barbaadeef akka turee dubbateera.

Jeroom dogoggorawwan kana hedduu isaanii sirreesseera. Yeroo booda garuu, geggeessitoonni waldaa badii guddaa raawwatan! Hiikkaan Kitaaba Qulqulluu fudhatama qabu Laatiin Vulgeet qofa akka taʼe kan labsan siʼa taʼu, kunis jaarraawwan hedduudhaaf itti fufeera! Hiikkaan Kitaaba Qulqulluu Vulgeet, namoonni baayʼeen Kitaaba Qulqulluu akka hubatan gargaaruu mannaa, garri caalaan namootaa Afaan Laatiinii waan hin beekneef kitaaba hubatamuu hin dandeenye taʼeera.

HIIKAWWAN HAARAAN NI BAAYʼATAN

Yeroo kana gidduutti, Dh.K.B. jaarraa shanaffaa keessa namoonni hiikkaawwan Kitaaba Qulqulluu kan biroo, kan akka Siriiyaak Pashiittaa jedhamu qopheessuu isaanii itti fufanii turan. Haa taʼu malee, namoonni hedduun Kitaaba Qulqulluu afaan isaaniitiin akka argatan hamma jaarraa 14⁠ffaatti carraaqqiin hin godhamne.

Biyya Ingiliziitti, dhuma jaarraa 14⁠tti, Joon Wikiliif hiikkaa Kitaaba Qulqulluu Afaan Ingiliffaan qopheessee, namoonni biyya isaa Kitaaba Qulqulluu akka hubatan gochuudhaan afaan yeroon itti darbetti hidhamanii taaʼuu irraa bilisa akka baʼan karaa baneera. Sana booda utuma baayʼee hin turin, mala maxxansaa Yohaannis Guutanbargi kalaqeen fayyadamanii hayyoonni Kitaaba Qulqulluu hiikan afaan adda addaa hedduu guutummaa Awurooppaa keessatti dubbatamaniin qopheessuu fi waliin gaʼuu dandaʼaniiru.

Hiikkaawwan Kitaaba Qulqulluu Afaan Ingiliffaa yommuu baayʼatan, qeeqxonni Kitaabni Qulqulluun qooquma tokkoon hiikkaawwan adda addaa jiraachuun barbaachisaa taʼuu isaa irratti gaaffii kaasan. Jaarraa 18⁠ffaatti qeesiin Ingilizii Joon Leewiis jedhamu akkana jedhee barreesseera: “Qooqni dulloomee hubatamuu dhiisuu waan dandaʼuuf, hiikkaawwan turan qooqa yeroo sanatti dubbatamutti haaressuu fi dhaloonni lubbuudhaan jiru hubachuu akka dandaʼu gochuun barbaachisaa dha.”

Yeroo harʼaatti, hayyoonni Kitaaba Qulqulluu yeroo kam iyyuu caalaa hiikkaawwan durii qorachuuf haala gaarii irratti argamu. Qooqawwan Kitaaba Qulqulluu durii caalaatti hubachuu kan dandaʼan taʼuu isaanii irra iyyuu, Kitaabota Qulqulluu bara durii harkaan barreeffamanii fi dhiheenyatti argaman argachuu dandaʼu. Kunis barreeffamoota Kitaaba Qulqulluu jalqabaa caalaatti hubachuudhaaf isaan gargaara.

Kanaaf, hiikkaawwan Kitaabota Qulqulluu haaraa qabaachuun barbaachisaa dha. Muraasa isaanii ilaalchisee garuu, of eeggannoo gochuun barbaachisaa akka taʼe beekamaa dha. * Haa taʼu malee, namoonni Kitaaba Qulqulluu haaressanii hiikan jaalala dhugaa Waaqayyoof qabaniin geggeeffamanii yoo taʼe, hojiin isaanii faayidaa guddaa nuuf argamsiisa.

 

^ key. 24 Mata duree “Hiikkaa Kitaaba Qulqulluu Gaarii Filachuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?” jedhuu fi Masaraa Eegumsaa Caamsaa 1, 2008 ilaali. (Amaariffa)