Ibrootaaf 5:1-14
5 Lubni ol aanaan namoota keessaa filatame kam iyyuu, bakka isaanii buʼee cubbuudhaaf kennaa fi aarsaa dhiheessuuf+ wantoota Waaqayyoo wajjin wal qabatan irratti muudama.+
2 Innis dadhabina mataa isaa waan qabuuf, warra wallaalota taʼanii fi warra dogoggoran* gara laafinaan* qabuu dandaʼa;
3 kanaan kan kaʼes, akkuma namoota sanaaf godhu, cubbuu ofii isaatiifis aarsaa dhiheessuu qaba.+
4 Namni tokko akkuma Aaron+ yoo Waaqayyo isa waame malee, ulfina kana fedhii mataa isaatiin fudhachuu hin dandaʼu.
5 Kiristoosis, luba ol aanaa taʼuudhaan ofii isaatiif ulfina hin kennine;+ kanaa mannaa isa, “Ati ilma koo ti; ani harʼa si dhalcheera”+ jedhe sanatu ulfina isa gonfachiise.
6 Iddoo kan biraattis, “Ati akkuma Malkiseedeq bara baraaf luba dha”+ jedheera.
7 Kiristoos yeroo lafa irra jiraachaa turetti,* sagalee guddaa fi imimmaaniin+ gara isa duʼa irraa isa oolchuu dandaʼu sanaatti wawwaannaa fi iyyata dhiheesse; Waaqayyoon waan sodaatuufis isaaf dhagaʼame.
8 Inni ilma Waaqayyoo yoo taʼe iyyuu, rakkoowwan isa irra gaʼan irraa ajajamuu barateera.+
9 Guutummaatti gaʼumsa erga qabaatee boodas,+ warri isaaf ajajaman hundi fayyina bara baraa akka argatan itti gaafatamummaan ni kennameef;+
10 sababiin isaas, Waaqayyo akkuma Malkiseedeq+ luba ol aanaa godhee isa muudameera.
11 Nuti waaʼee isaa waan dubbannu baayʼee qabna; taʼus isin daftanii hubachuu waan hin dandeenyeef ibsuun rakkisaa dha.
12 Isin yeroo kanatti* barsiisota taʼuu kan qabdan taʼus, ammas namni wantoota jalqabaa+ dubbii Waaqayyoo irraa barattan isin barsiisu isin barbaachisa; nyaata jabaa nyaachuu mannaa duubatti deebitanii aannan barbaaduu jalqabdaniittu.
13 Sababiin isaas, namni yeroo hunda aannan dhugu kam iyyuu daaʼima waan taʼeef,+ dubbii qajeelummaa wajjin wal hin beeku.
14 Nyaanni jabaan garuu kan namoota bilchaatoo warra wanta sirrii fi dogoggora taʼe gargar baasuuf dandeettii hubannaa isaanii hojjechiisuudhaan leenjisanii ti.
Miiljaleewwan
^ Ykn., “karaa irraa goran.”
^ Ykn., “garraamummaadhaan.”
^ Kal., “yeroo foon isaatiin turetti.”
^ Kal., “yeroo isaa irraa kan kaʼe.”