Ibrootaaf 5:1-14

  • Yesuus luboota ol aanoo hunda irra ni caala (1-10)

    • Akka sirna Malkiseedeqitti (6, 10)

    • Rakkina irraa ajajamuu barate (8)

    • Fayyina bara baraatiif itti gaafatamummaan ni kennameef (9)

  • Akeekkachiisa bilchina dhabuu ilaalchisee kenname (11-14)

5  Lubni ol aanaan namoota keessaa filatame kam iyyuu, bakka isaanii buʼee cubbuudhaaf kennaa fi aarsaa dhiheessuuf+ wantoota Waaqayyoo wajjin wal qabatan irratti muudama.+  Innis dadhabina mataa isaa waan qabuuf, warra wallaalota taʼanii fi warra dogoggoran* gara laafinaan* qabuu dandaʼa;  kanaan kan kaʼes, akkuma namoota sanaaf godhu, cubbuu ofii isaatiifis aarsaa dhiheessuu qaba.+  Namni tokko akkuma Aaron+ yoo Waaqayyo isa waame malee, ulfina kana fedhii mataa isaatiin fudhachuu hin dandaʼu.  Kiristoosis, luba ol aanaa taʼuudhaan ofii isaatiif ulfina hin kennine;+ kanaa mannaa isa, “Ati ilma koo ti; ani harʼa si dhalcheera”+ jedhe sanatu ulfina isa gonfachiise.  Iddoo kan biraattis, “Ati akkuma Malkiseedeq bara baraaf luba dha”+ jedheera.  Kiristoos yeroo lafa irra jiraachaa turetti,* sagalee guddaa fi imimmaaniin+ gara isa duʼa irraa isa oolchuu dandaʼu sanaatti wawwaannaa fi iyyata dhiheesse; Waaqayyoon waan sodaatuufis isaaf dhagaʼame.  Inni ilma Waaqayyoo yoo taʼe iyyuu, rakkoowwan isa irra gaʼan irraa ajajamuu barateera.+  Guutummaatti gaʼumsa erga qabaatee boodas,+ warri isaaf ajajaman hundi fayyina bara baraa akka argatan itti gaafatamummaan ni kennameef;+ 10  sababiin isaas, Waaqayyo akkuma Malkiseedeq+ luba ol aanaa godhee isa muudameera. 11  Nuti waaʼee isaa waan dubbannu baayʼee qabna; taʼus isin daftanii hubachuu waan hin dandeenyeef ibsuun rakkisaa dha. 12  Isin yeroo kanatti* barsiisota taʼuu kan qabdan taʼus, ammas namni wantoota jalqabaa+ dubbii Waaqayyoo irraa barattan isin barsiisu isin barbaachisa; nyaata jabaa nyaachuu mannaa duubatti deebitanii aannan barbaaduu jalqabdaniittu. 13  Sababiin isaas, namni yeroo hunda aannan dhugu kam iyyuu daaʼima waan taʼeef,+ dubbii qajeelummaa wajjin wal hin beeku. 14  Nyaanni jabaan garuu kan namoota bilchaatoo warra wanta sirrii fi dogoggora taʼe gargar baasuuf dandeettii hubannaa isaanii hojjechiisuudhaan leenjisanii ti.

Miiljaleewwan

Ykn., “karaa irraa goran.”
Ykn., “garraamummaadhaan.”
Kal., “yeroo foon isaatiin turetti.”
Kal., “yeroo isaa irraa kan kaʼe.”