Iyyaasuu 24:1-33

  • Iyyaasuun seenaa Israaʼel irra deebiʼee dubbate (1-13)

  • Gorsa Yihowaa akka tajaajilan kenname (14-24)

    • “Anii fi maatiin koo garuu Yihowaa tajaajilla” (15)

  • Kakuu Iyyaasuun Israaʼelii wajjin gale (25-28)

  • Iyyaasuun duʼee awwaalame (29-31)

  • Lafeen Yoseef Sheekemitti awwaalame (32)

  • Eleʼazaar duʼee awwaalame (33)

24  Achiis Iyyaasuun gosoota Israaʼel hundumaa Sheekemitti walitti qabe; jaarsolii Israaʼel, dura buutota isaanii, abbootii murtii isaanii fi geggeessitoota isaaniis+ ni waame; isaanis Waaqa dhugaa dura dhaabbatan.  Iyyaasuunis guutummaa sabichaatiin akkana jedhe: “Yihowaan Waaqni Israaʼel akkana jedha: ‘Abbaa Abrahaamii fi abbaa Naahor kan taʼe Taaraa dabalatee, abbootiin keessan+ warri bara dheeraa dura turan+ Lagicha* gama jiraatu turan; isaanis waaqolii kan biroo tajaajilaa turan.+  “‘Anis yeroo booda abbaa keessan Abrahaamiin+ Lagicha* gamaa fuudhee guutummaa biyya Kanaʼaan keessa akka deemu nan godhe; sanyii isaas nan baayʼise.+ Yisihaaqiin isaaf nan kenne;+  Yisihaaqiif immoo Yaaqoobii fi Esaawuun nan kenne.+ Boodas, Esaawuuf Gaara Seʼiir dhaalaan nan kenne;+ Yaaqoobii fi ilmaan isaa immoo gara Gibxiitti gad ni buʼan.+  Boodas Musee fi Aaroniin ergee+ warra Gibxii wantan isaan gidduutti raawwadheen nan rukute;+ isiniin immoo achi keessaa nan baase.  Yommuun biyya Gibxii keessaa abbootii keessan baasettii+ fi yommuu isin gara galaanichaa dhuftanitti, warri Gibxii gaariiwwan fardaa waraanaa fi abbootii fardeeniitiin hamma Galaana Diimaatti abbootii keessan ariʼaa turan.+  Abbootiin keessanis gara Yihowaatti iyyachuu jalqaban;+ kanaafuu, inni isinii fi warra Gibxii gidduu dukkana ni kaaʼe; achiis galaanicha isaan irratti deebisee isaan uwwise;+ isinis wanta ani Gibxii keessatti raawwadhe ijuma keessaniin argitaniittu.+ Sana booda, waggoota* hedduudhaaf lafa onaa keessa jiraattan.+  “‘Anis gara biyya Amoorotaa warra Yordaanos gama* jiraachaa turanitti isin nan fide; isaanis isin irratti waraana banan.+ Isin biyya isaanii dhaalaan fudhachuu akka dandeessaniif, ani harka keessanitti dabarsee isaan nan kenne; isin duraas haxaaʼee isaan nan balleesse.+  Achiis Baalaaq ilmi Ziphoor inni mootii Moʼaab taʼe kaʼee Israaʼel irratti waraana bane. Kanaafuu, inni akka isin abaaruuf Balaʼaam ilma Beʼoriin ni waame.+ 10  Taʼus ani Balaʼaamiin hin dhageenye.+ Kanaafuu, inni irra deddeebiʼee isin ni eebbise;+ anis harka isaa irraa isin nan oolche.+ 11  “‘Sana booda isin Yordaanosiin ceetanii+ gara Yerikoo dhuftan.+ Geggeessitoonni* Yerikoo, jechuunis Amooronni, Pheriizonni, Kanaʼaanonni, Heetonni, Girgaashonni, Hiiwonnii fi Yebuusonni isin irratti waraana banan; ani garuu harka keessanitti dabarsee isaan nan kenne.+ 12  Kanaafuu, ani naasuu* isaanitti nan erge; naasuun kunis mootota Amoorotaa lamaan isin duraa ni ariʼe.+ Kun kan taʼe goraadee keessanii fi iddaa keessaniin miti.+ 13  Akka kanaan ani lafa isin itti hin dadhabnee fi magaalota isin hin ijaarre isiniif nan kenne;+ isinis isaan keessa ni jiraattan. Ammas mukeetii wayinii fi mukeetii ejersaa* hin dhaabne irraa nyaachaa jirtu.’+ 14  “Kanaafuu, Yihowaa sodaadhaa; garaa qulqulluu* fi amanamummaadhaan* isa tajaajilaa;+ waaqolii ormaa warra abbootiin keessan Lagicha* gamattii fi biyya Gibxii keessatti+ tajaajilan of biraa balleessaatii Yihowaa tajaajilaa. 15  Ammas Yihowaa tajaajiluun hamaa taʼee yoo isinitti mulʼate, waaqolii abbootiin keessan Lagicha* gamatti+ tajaajilan yookiin waaqolii Amoorotaa warra isin biyya isaanii keessa jiraachaa jirtan+ kanaa keessaa isa kam akka tajaajiltan harʼa filadhaa.+ Anii fi maatiin koo garuu Yihowaa tajaajilla.” 16  Yeroo kanatti sabichi akkana jedhee deebise: “Yihowaa dhiisuunii fi waaqolii kan biroo tajaajiluun nuuf wanta hin yaadamne dha. 17  Inni nuu fi abbootii keenya biyya Gibxii keessaa mana garbummaa+ jalaa baase,+ inni ija keenya duratti mallattoowwan guguddaa kana raawwate,+ akkasumas inni daandii irra deemne hundumaa irrattii fi saboota keessa darbine hundumaa gidduutti+ nu eegaa ture Waaqa keenya Yihowaa dha. 18  Yihowaan Amoorota dabalatee saboota warra nu dura biyyattii keessa jiraachaa turan hundumaa ariʼeera. Kanaafuu, nutis Yihowaa tajaajilla; sababiin isaas inni Waaqa keenya dha.” 19  Achiis Iyyaasuun sabichaan akkana jedhe: “Isin Yihowaa tajaajiluu hin dandeessan; sababiin isaas inni Waaqa qulqulluu dha;+ akkasumas Waaqa namoonni guutummaatti akka isaaf bulan barbaadu dha.+ Inni balleessaa* keessanii fi cubbuu keessan isiniif hin dhiisu.+ 20  Isin Yihowaa dhiistanii waaqolii ormaa yoo tajaajiltan, inni sana dura wanta gaarii kan isiniif godhe taʼus, isinitti garagalee haxaaʼee isin balleessa.”+ 21  Sabichi garuu Iyyaasuudhaan, “Lakki, nuti Yihowaa tajaajilla!”+ jedhe. 22  Kanaafuu, Iyyaasuun sabichaan, “Isin fedhii keessaniin of irratti ragoota taataniittu; ofuma keessaniinis Yihowaa tajaajiluu filattaniittu”+ jedhe. Isaanis deebisanii, “Nuti ragoota dha” jedhan. 23  Iyyaasuunis, “Kanaafuu, waaqolii ormaa warra isin gidduu jiran of biraa balleessaa; garaa keessan guutuudhaanis gara Yihowaa Waaqa Israaʼelitti deebiʼaa” isaaniin jedhe. 24  Isaanis Iyyaasuudhaan, “Nuti Waaqa keenya Yihowaa ni tajaajilla; sagalee isaatiifis ni ajajamna!” jedhan. 25  Iyyaasuunis guyyaa sanatti sabichaa wajjin kakuu gale; isaaniifis Sheekem keessatti dambii fi seera hundeesse. 26  Achiis Iyyaasuun dubbii kana kitaaba Seera Waaqayyoo+ irratti ni barreesse; dhagaa guddaa tokkos fuudhee+ muka guddaa iddoo qulqulluu Yihowaa biratti argamu jala ni dhaabe. 27  Iyyaasuunis itti fufuudhaan guutummaa sabichaatiin, “Kunoo, dhagaan kun wanta Yihowaan nuun jedhe hundumaa waan dhagaʼeef, nu irratti ragaa taʼee ni tajaajila;+ Waaqa keessan akka hin gannetti isin irrattis ragaa taʼee ni tajaajila” jedhe. 28  Sana booda Iyyaasuun namoota sana tokkoon tokkoon isaanii gara dhaala dhaala isaaniitti+ ni geggeesse. 29  Wantoota kana booda, Iyyaasuun ilmi Nuun inni tajaajilaa Yihowaa ture umurii isaa waggaa 110tti ni duʼe.+ 30  Kanaafuu, isaan naannoo dhaala isaa keessatti, jechuunis Timnaat Seeraa+ ishii kaaba Gaara Gaʼaashitti naannoo gaarotaa Efreem keessatti argamtu keessatti isa awwaalan. 31  Israaʼelis guutummaa bara Iyyaasuutti, guutummaa bara jaarsolii warra Iyyaasuu boodas lubbuudhaan turanittii fi wanta Yihowaan Israaʼeliif godhe hundumaa beekanitti Yihowaa tajaajiluu isaa itti fufe.+ 32  Lafeen Yoseef+ inni Israaʼelonni biyya Gibxii keessaa fuudhanii baʼan lafa xinnoo Yaaqoob ilmaan Hamoor+ irraa meetii 100n bite keessatti awwaalamee ture;+ Sheekem ilmaan Hamoor keessaa tokko ture; iddoon sunis dhaala ilmaan Yoseef ni taʼe.+ 33  Eleʼazaar ilmi Aaronis ni duʼe.+ Kanaafuu, isaan Tabba ilma isaa Finahaas+ isa naannoo gaarotaa Efreem keessatti isaaf kenname keessatti isa ni awwaalan.

Miiljaleewwan

Jechuunis, Efraaxis.
Jechuunis, Efraaxis.
Kal., “guyyoota.”
Jechuunis, kallattii bahaatiin.
Ykn tarii, “Abbootiin lafaa.”
Ykn tarii, “jeequmsa; sodaa.”
Akaakuun muka ejersaa Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsame firii ejersaa zayitiin irraa argamu kan godhatu dha.
Ykn., “karaa mudaa hin qabnee.”
Ykn., “dhugaadhaan.”
Jechuunis, Efraaxis.
Jechuunis, Efraaxis.
Ykn., “fincila.”