Wangeela Luqaas 21:1-38

  • Saantima lamaan dubartii hiyyeettii abbaan manaa irraa duʼee (1-4)

  • MALLATTOO WANTA DHUFUU (5-36)

    • Waraana, kirkira lafaa guguddaa, dhaʼicha, hanqina nyaataa (10, 11)

    • Yerusaalem loltootaan marfamti (20)

    • Bara sabootaaf murteeffame (24)

    • Dhufaatii Ilma namaa (27)

    • Fakkeenya muka harbuu (29-33)

    • Dammaqaa eegaa (34-36)

  • Yesuus mana qulqullummaatti barsiise (37, 38)

21  Yesuus ol jedhee yommuu ilaalu, namoonni sooreyyiin kennaa isaanii saanduqawwan buusii keessa utuu buusanii arge.+  Achiis dubartii hiyyeettiin abbaan manaa irraa duʼe tokko saantima xixinnoo gatii gad aanaa qaban* lama yommuu buustu arge;+  yeroo kanatti akkana jedhe: “Dhuguman isiniin jedha, dubartii hiyyeettiin abbaan manaa irraa duʼe tun hunda isaanii caalaa buuste.+  Sababiin isaas, hundi isaanii wanta isaan irraa hafe buusan; ishiin garuu hiyyeettii taatus wanta ittiin jiraattu hundumaa+ buuste.”  Boodas namoonni tokko tokko manni qulqullummaa dhagoota babbareedoo fi wantoota Waaqayyoof murteeffamaniin akkamitti akka miidhagfame yommuu dubbatan,+  Yesuus, “Wanti isin amma ilaaltan kun hundi guyyaan itti diigamu ni dhufa; dhagaan dhagaa irra akka kaaʼametti hin hafu”+ jedhe.  Isaanis, “Barsiisaa, wantoonni kun yoom raawwatamu? Wantoonni kun yoom akka raawwataman mallattoon argisiisu hoo maali dha?”+ jedhanii isa gaafatan.  Innis akkana jedhe: “Akka hin dogoggorfamne of eeggadhaa;+ sababiin isaas, namoonni hedduun, ‘Ani isa dha’ akkasumas, ‘Yerichi dhihaateera’ jedhanii maqaa kootiin ni dhufu. Isin garuu isaan duukaa hin buʼinaa.+  Kana malees waaʼee waraanaa fi waaʼee jeequmsaa yommuu dhageessan hin sodaatinaa. Sababiin isaas, wantoonni kun jalqaba taʼuu qabu, dhumni sirnichaa garuu yeruma sana hin dhufu.”+ 10  Achiis akkana isaaniin jedhe: “Sabni saba irratti,+ mootummaanis mootummaa irratti ni kaʼa.+ 11  Kirkirri lafaa guguddaan ni taʼa; bakka garaa garaattis hanqinni nyaataa fi golfaan ni jiraata;+ wantoonni nama sodaachisan ni mulʼatu, samii irrattis mallattoowwan guguddaan ni taʼu. 12  “Wantoonni kun hundi taʼuu isaanii dura garuu, namoonni isin qabu, isin ariʼatu,+ akkasumas manneen sagadaa fi manneen hidhaatti dabarsanii isin kennu. Maqaa kootiif jettaniis moototaa fi bulchitoota duratti ni dhiheeffamtu.+ 13  Kunis akka dhugaa baatan carraa isiniif bana. 14  Kanaafuu, akkamitti akka falmattan dursitanii qophaaʼuun akka isin hin barbaachisne garaa keessanitti qabadhaa;+ 15  sababiin isaas, ani dubbii fi ogummaa mormitoonni keessan hundi dura dhaabbachuu yookiin falmuu hin dandeenye+ isiniif nan kenna. 16  Kana malees, warri keessan, obboloonni keessan, firoottanii fi michoonni keessan illee dabarsanii isin kennu;* isin keessaa tokko tokko ni ajjeesu;+ 17  Maqaa kootiin kan kaʼe nama hundumaa biratti ni jibbamtu.+ 18  Taʼus, rifeensi mataa keessanii tokko illee hin badu.+ 19  Jabaattanii dhaabbachuudhaan lubbuu keessan ni oolfattu.+ 20  “Haa taʼu malee, Yerusaalem loltootaan marfamtee yommuu argitan,+ yeroo sana badiisni ishii akka dhihaate beekaa.+ 21  Yeroo sanatti warri Yihudaa keessa jiran gara gaarotaatti haa baqatan;+ warri ishii gidduu jiran ishii keessaa haa baʼan; warri baadiyyaa jiranis ishiitti hin seenin; 22  sababiin isaas, wantoonni barreeffaman hundi akka raawwatamaniif, guyyoonni sun yeroo Waaqayyo murtii haqaa itti dabarsu dha.* 23  Guyyoota sanatti dubartoota ulfaa fi dubartoota hoosisaniif wayyoo!+ Sababiin isaas, biyyattii irratti dhiphinni guddaan, saba kana irrattis dheekkamsi ni dhufa. 24  Isaan qara goraadeetiin ni ajjeefamu; boojiʼamaniis gara saboota hundumaatti ni geeffamu;+ hanga barri sabootaaf* murteeffame raawwatamutti Yerusaalem sabootaan* ni dhidhiitamti.+ 25  “Kana malees, aduu, addeessaa fi urjiilee irratti mallattoowwan ni taʼu;+ lafa irrattis huursaa fi jeequmsa galaanaatiin kan kaʼe, saboonni karaa itti keessaa baʼan wallaalanii baayʼee dhiphatu. 26  Humnoonni samii waan raafamaniif, namoonni wantoota addunyaatti dhufan sodaachuu fi eeguudhaan kan kaʼe ni gaggabu. 27  Yeroo sanatti Ilmi namaa+ humnaa fi ulfina guddaadhaan duumessa samiitiin yommuu dhufu ni argu.+ 28  Haa taʼu malee, wantoonni kun taʼuu yommuu jalqaban, fayyinni keessan waan dhihaateef, kaʼaa dhaabbadhaa, mataa keessanis ol qabadhaa.” 29  Sana booda fakkeenya tokko isaanitti hime: “Muka harbuu fi mukeetii kaan hundumaa ilaalaa.+ 30  Yeroo isaan latanitti ofuma keessanii ilaaltanii bonni akka dhihaate ni beektu. 31  Haaluma wal fakkaatuun isinis wantoonni kun raawwatamuu isaanii yommuu argitan, Mootummaan Waaqayyoo akka dhihaate beekaa. 32  Dhuguman isiniin jedha, wantoonni hundi hamma raawwatamanitti, dhaloonni kun matumaa hin darbu.+ 33  Samii fi lafti ni darbu; dubbiin koo garuu matumaa hin darbu.+ 34  “Haa taʼu malee, garmalee nyaachuu, garmalee dhuguu+ fi yaaddoo jireenyaatiin matumaa garaa keessanitti baʼaan akka hin ulfaanne of eeggadhaa;+ taʼuu baannaan garuu, utuu isin hin yaadin guyyaan sun akkuma tasaa, 35  akkuma kiyyootti isinitti dhufa.+ Sababiin isaas, guyyaan sun namoota guutummaa lafaa irra jiraatan hundumaa irratti ni dhufa. 36  Kanaafuu, wantoota taʼuu qaban kana hunda jalaa baʼuu fi Ilma namaa dura dhaabbachuu akka dandeessaniif,+ dammaqaa eegaa,+ yeroo hundumaas wawwaannaa dhiheessaa.”+ 37  Yesuus guyyaa guyyaa mana qulqullummaatti barsiisa, halkan halkan immoo baʼee Gaara Ejersaa irra bula ture. 38  Namoonni hundi isa dhaggeeffachuuf ganama bariidhaan gara mana qulqullummaa dhufu turan.

Miiljaleewwan

Kal., “leptaa.” Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Ykn., “isin ganu.”
Ykn., “guyyoota Waaqayyo haaloo itti baʼu dha.”
Ykn., “warra Yihudoota hin taane.”
Ykn., “warra Yihudoota hin taaneen.”