Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Maatii Yihowaa

Maatii Yihowaa

Garagalfadhu:

  1. 1. Nan dhabe michuu akka garaa—

    Silaa yeroo hunda inni na gargaara.

    Michoota akkasii barbaaddachaan ture

    Kan maatii taʼan naaf ni argamuuree.

  2. 2. Amma argadheera. Bare kunoo

    Nan argadhe saba Waaqaa; na jaallatu sanuu.

    Baayʼeen gammade, abjuun koo milkaaʼe.

    Michuu kan caalan. Maatii Yihowaan argadhe.

    (CEESISA)

    Obbolaa dhiiraa, warra durbaa, haadhaa fi abbaa,

    Obbolaa xixiqqoofaa, kan na caalanis

    Gosa sanyii fi lammii hunda keessaa dhufan.

    Hunduu miseensota maatii Yihowaati.

  3. 3. Tokkummaa qabna; wal jaallanna.

    Kun kabaja guddaadha, baayʼee gammadeera

    Miseensa obbolaa addunyaa maraa.

    Maatii Yihowaa keessaa tokko taʼeera.

    (CEESISA)

    Eeyyee, sanyii fi lammii hunda keessaa dhufne.

    Nu gammanneerra, maatii Yihowaa taane.

  4. 4. Yihowaan michuu nu caalchifateera.

    Maatiisaa akka taanu nu affeeree jira.

    Hundi keenya maatii Yihowaa taana,

    Baruma baraan walii wajjin jiraanna—

    Eeyyee, maatii Yihowaa taana,

    Ni taana,

    Maatiisaa.