Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Sammuu kee Eeggadhu

Sammuu kee Eeggadhu

Garagalfadhu:

  1. 1. An gaarii gochuun barbaada,

    Keessikoommoo faallaa yaada—

    Hin milkooftu naan jedha,

    Yoon kufe maalan godha.

    Yeroon baayʼee dhiphadhutti,

    Maaloo abbaakoo na qajeelch’ ati.

    Furmaannisaa si harka,

    Yihowaa na gargaarikaa

    (BUUSAA)

    Garaaf yaadakoo akkan eeggadhuuf,

    Wanta gaarii ʼkkan hubadhuuf.

    An hin laafu, abdiin kutadhu.

    Ofan eeggadha, nagaan argadha.

  2. 2. Fedha kee raawwachuun hawwa,

    Keessikoo garuu na dhowwa,

    Jireenyi ulfaateera

    Of na jibbisiiseera.

    Taʼus garuu kaʼeen deema

    Abdiin qabun namootatti hima.

    Sodaan na hin liqimsu.

    Jira abbaa ʼnni na tiksu.

    (BUUSAA)

    Garaaf yaadakoo akkan eeggadhuuf,

    Wanta gaarii ʼkkan hubadhuuf.

    An hin laafu, abdiin kutadhu.

    Ofan eeggadha, nagaan argadha.

    (CEESISA)

    Abdiin kutu, nan moʼadha

    Yaad’ hamaas bira nan darba—

    Hin dhiphadhu, an lakk’ hin shakku.

    Yihowaa abbaa, na gargaarteetta ʼti.

    Na gargaarteetta ati.

    (CHORUS)

    Garaaf yaadakoo an nan eeggadha,

    Wanta gaarii nan hubadha.

    An hin laafu, abdiin kutadhu.

    Ofan eeggadha, nagaan argadha.