Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Wal Faana Taʼuudhaan Humna Arganneerra

Wal Faana Taʼuudhaan Humna Arganneerra

Garagalfadhu:

  • (SEENSA)

    Obbolaa keenya hundumaaf!

    Hundi keessan dhagaʼa!

  1. 1. Amantiin Keenya tokko.

    Kan waaqeffannus Waaqa tokko.

    Qooqa qulqulluu qabnaa,

    Tokkummaadhaan wal faana gammanna.

    (BUUSAA DURAA)

    Rakkoon yoo dhufes,

    Kophaa hin taanu.

    Tokkummaa qabnaʼn sodaannu.

    (BUUSAA)

    Wal faana taʼuudhaan tokkummaa uumneerra.

    Wal faana taʼuudhaan humna arganneerra.

    Wal faana taʼuudhaan jabaannee dhaabbanna.

    Wal cina dhaabbachuudhaan harka wal qabannee ni cimna.

  2. 2. Biyya adda addaa jirra.

    Bifti keenyas garaagaradha.

    Fedhii adda addaa qabna,

    Waaqaaf jennee nagaadhaan jiraanna.

    (BUUSAA DURAA)

    Iddoo hundaatii,

    Obbolaa qabna

    Jaalalaaf amantiis qabna.

    (BUUSAA)

    Wal faana taʼuudhaan tokkummaa uumneerra.

    Wal faana taʼuudhaan humna arganneerra.

    Wal faana taʼuudhaan jabaannee dhaabbanna.

    Wal cina dhaabbachuudhaan harka wal qabannee ni cimna.

    Tokkummaa uumneerra wal faana.

    (BUUSAA)

    Wal faana taʼuudhaan tokkummaa uumneerra.

    Wal faana taʼuudhaan humna arganneerra.

    Wal faana taʼuudhaan jabaannee dhaabbanna.

    Wal cina dhaabbachuudhaan harka wal qabannee ni cimna.

    Wal faana ni cimna.

    Wal faana ni cimna.