Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE FUULA JALQABAA | MOOTUMMAA MALAANMALTUMMAAN KEESSA HIN JIRREMOOTUMMAA WAAQAYYOO

Mootummaa Waaqayyoo—Bulchiinsa Malaanmaltummaan Keessa Hin Jirre

Mootummaa Waaqayyoo—Bulchiinsa Malaanmaltummaan Keessa Hin Jirre

Malaanmaltummaa dhaabbilee mootummaa keessatti raawwatamu balleessuun sababa itti hin dandaʼamne ilaalchisee odiitara ol aanaa Mootummaa Nikaaraaguwaa kan taʼan akkas jedhaniiru; “Abbootiin taayitaa lammiilee biyyichaa ti, lammiileen biyyichaa hundi immoo malaanmaltummaa ni raawwatu.”

Ilmaan namootaa hundi malaanmaltummaa ni raawwatu erga taʼee, mootummaan ilmaan namootaatiin hundeeffame kam iyyuu malaanmaltummaa akka raawwatu irratti walii hin galtuu? Kanaaf, mootummaan hawaasa ilmaan namootaatiin ala taʼee fi malaanmaltummaa irraa bilisa taʼe dhufuun isaa barbaachisaa dha. Macaafni Qulqulluun mootummaa kana Mootummaa Waaqayyoo jedhee kan waamu yommuu taʼu, Yesus duuka buutonni isaa waaʼee Mootummaa kanaa akka kadhatan isaan barsiiseera.—Maatewos 6:9, 10.

Mootummaan Waaqayyoo dhugumaan kan jiruu fi samii irraa kan bulchu dha. Mootummaan kun mootummaa ilmaan namootaa hunda balleessuudhaan ofii isaatii bulcha. (Faarfannaa 2:8, 9; Mulʼata 16:14; 19:19-21) Eebbawwan Mootummaan kun ilmaan namootaatiif fidu keessaa tokko mootummaa ilmaan namootaa malaanmaltummaadhaan beekame balleessuu dha. Mee wantoota Mootummaan kun kana akka raawwatu mirkaneessan keessaa jaʼa haa ilaallu.

1. AANGOO

RAKKINA: Mootummaan ilmaan namootaa yeroo baayʼee qarshii gibiraa fi qaraxa lammiilee isaanii irraa funaanamuun uummata isaanii bulchu. Akkaataan qarshiin kun ittiin funaanamu abbootiin taayitaa tokko tokko qarshii kana hatuuf, kaan immoo namoota gibirrii fi kaffaltiin mootummaaf taʼu akka isaaniif hirʼatu barbaadan irraa mattaʼaa fudhachuuf akka qoraman godha. Mootummaan kasaaraa haala kanaan gaʼe suphuuf qaraxa kaffalamu kan dabalu yommuu taʼu, kun immoo malaanmaltummaan caalaatti akka babalʼatu godha. Haala akkasii keessatti caalaatti kan miidhaman namoota amanamoo taʼani dha.

FURMAATA: Mootummaan Waaqayyoo aangoo kan argatu Yihowaa * isa Waaqa hundumaa dandaʼu taʼe irraa ti. (Mulʼata 11:15) Mootummaan kun qarshii hojii ittiin hojjetu argachuuf gibira hin funaanu. Kanaa mannaa Waaqayyo humna isaa isa dinqisiisaa fi arjummaa isaa isa ofittummaa irraa bilisa taʼetti fayyadamuudhaan wantoota lammiilee Mootummichaatiif barbaachisan hunda ni dhiheessa.—Isaayaas 40:26; Faarfannaa 145:16.

2. MOOTII

RAKKINA: Suzaan Rooz Akermaan, malaanmaltummaa balleessuuf “gararraa dhaa jalqabuun barbaachisaa dha” jechuudhaan dubbataniiru. Mootummoonni, abbootiin taayitaa qaraxa sassaaban ykn poolisoonni malaanmaltummaa akka hin raawwanne utuma carraaqqii godhanii abbootii taayitaa ol aanaa malaanmaltoota taʼan garuu callisanii waan ilaalaniif warra kaan biratti kabaja dhabaniiru. Hogganaan biyyaa baayʼee amanamaa taʼe illee cubbuu irraa walaba miti. Akkuma Macaafni Qulqulluun jedhu, “namni qajeelaan yeroo hundumaa wanta gaarii hojjetu .  . . lafa irra hin jiru.”—Lallaba 7:20.

Yesus mattaʼaa hanga harʼaatti namootaaf dhihaate caalu fudhachuu dideera

FURMAATA: Ilmaan namootaa cubbamoota taʼan irraa haala adda taʼeen, Yesus Kiristos inni Waaqayyo Mootii Mootummaa isaa godhee filate wanta dogoggora taʼe raawwachuuf hin qoramu. Yesus mattaʼaa hanga harʼaatti namootaaf dhihaate caalu jechuunis ‘mootummoota biyya lafaa hundumaa fi ulfina isaanii’ fudhachuu diduudhaan kana argisiiseera. Diiyaabilos inni addunyaa kana bulchu Yesus siʼa takko waaqeffannaa sobaa yoo isaaf dhiheesse waadaa kana akka isaaf guutu itti himee ture. (Maatewos 4:8-10; Yohannis 14:30) Yesus yeroo fannifamee turetti illee qoricha dhukkubbii isatti dhagaʼamaa jiru hirʼisuu kan dandaʼu taʼus, akka inni of hin toʼanne godhu fudhachuu diduudhaan amanamummaa isaa eeguuf murteessee ture. (Maatewos 27:34) Waaqayyo duʼaa isa kaasuudhaan jireenya samii irraa waan isaa kenneef, Mootii Mootummaa Waaqayyoo taʼuu akka dandaʼu mirkaneesseera.—Filiphisiiyus 2:8-11.

3. DHEERINA

RAKKINA: Biyyoonni hedduun yeroo yeroodhaan filannoo kan geggeessan yommuu taʼu, kunis abbootii taayitaa malaanmaltummaa raawwatan aangoo irraa buusuuf carraa akka kennu yaadama. Dhugaa isaa dubbachuuf garuu biyyoota guddatan keessatti illee duulli filannoodhaaf godhamus taʼe filannoon geggeeffamu malaanmaltummaadhaan kan guutame dha. Dureeyyiin duula filannoodhaaf godhamuu fi wantoota kaaniif gargaarsa qarshii gochuudhaan abbootii taayitaa irrattis taʼe warra gara fuulduraatti taayitaa argatan irratti dhiibbaa cimaa godhu.

Abbaa Seeraa Mana Murtii Ol Aanaa Yunaayitid Isteetis kan taʼan Joon Pool Isteevansi dhiibbaan akkasii “mootummoonni seeraan akka hin bulchinee fi bulchiinsi gaariin akka hin jiraanne gochuu dabalatee uummanni mootummaa sana irratti amantaa akka hin qabaanne” akka godhu barreessaniiru. Gama kanaan gaafa ilaalamu namoonni addunyaa maratti argaman hedduun, paartileen siyaasaa dhaabbata kam irra iyyuu malaanmaltummaa akka raawwatan yaaduun isaanii kan nama dinqisiisu miti.

FURMAATA: Mootummaan Waaqayyoo bulchiinsa bara baraa waan taʼeef, duula filannoodhaaf godhamus taʼe malaanmaltummaa filannoo wajjin haala wal qabateen jiraatu hunda ni balleessa. (Daaniʼel 7:13, 14) Akkasumas Mootiin mootummaa kanaa Waaqayyoon waan filatameef filannaadhaan sagalee muraasa argatee aangoo utuu hin argatin hin hafu ykn aangoo irraa hin buʼu. Mootummaan Waaqayyoo yeroo dheeraadhaaf kan turu taʼuun isaa, tarkaanfiiwwan inni fudhatu namoota isa jalatti bulaniif faayidaa bara baraa akka argamsiisu mirkaneessuuf gargaara.

4. SEERA

Mootummaan Waaqayyoo dhugumaan kan jiruu fi samii irraa kan bulchu dha

RAKKINA: Seera haaraa baasuun rakkina jiru fooyyessuu akka dandaʼutti yaadda taʼa. Haa taʼu malee yeroo baayʼee seera baayʼisuun malaanmaltummaaf carraa dabalataa kan banu taʼuu isaa hayyoonni bira gaʼaniiru. Kana malees, seera malaanmaltummaa hirʼisuuf baʼe raawwachiisuun yeroo baayʼee baasii guddaa kan gaafatu taʼuu isaa irra iyyuu, buʼaa barbaadame utuu hin argamsiisin hafa.

FURMAATA: Seerri Mootummaa Waaqayyoo, seera mootummoota ilmaan namootaa irra baayʼee kan caalu dha. Fakkeenyaaf, Yesus seera kana godhi kana hin godhin jedhu baayʼisuu mannaa seera hunda irra caalu kenneera. “Waanuma namoonni akka isiniif godhaniif jaallattan, isinis akkasuma isaaniif godhaa” jechuudhaan dubbateera. (Maatewos 7:12) Seerri Mootummaa Waaqayyoo, hunda caalaa gochaa fi kakaʼumsa namootaa irratti xiyyeeffata. Yesus, “Nama akka mataa keetiitti jaallachuutu siif taʼa” jedheera. (Maatewos 22:39) Wantoota akkasii raawwachiisuu kan dandaʼu Waaqa isa garaa namaa dubbisuu dandaʼu qofa akka taʼe beekamaa dha.—1 Saamuʼel 16:7.

5. KAKAʼUMSA

RAKKINA: Namoonni malaanmaltummaa akka raawwatan kan godhu sassataa fi ofittummaa dha. Abbootiin taayitaa fi lammiileen yeroo baayʼee amala barbaachisaa hin taane akkasii ni argisiisu. Gamoon daldalaa Seeʼul jiguu isaatiif sababa kan taʼe, abbootiin taayitaa namoota gamoo sana ijaaran irraa mattaʼaa fudhachuu isaanii ti. Namoonni gamoo sana ijaaran mattaʼaa kan kennan meeshaa qulqullina qabutti fayyadamuun baasii baayʼee akka isaan gaafatu waan isaanitti dhagaʼameefi dha.

Kanaaf malaanmaltummaa balleessuuf, namoonni amala sassataa fi ofittummaa akkamitti balleessuu akka dandaʼan barachuu qabu. Haa taʼu malee, mootummoonni ilmaan namootaa sirna barnootaa amala kana balleessu hundeessuuf hawwiis taʼe dandeettii hin qaban.

FURMAATA: Mootummaan Waaqayyoo akkaataa namoonni fedhii dogoggoraa malaanmaltummaa raawwachuutti geessu moʼuu itti dandaʼan barsiisuudhaan malaanmaltummaa balleessa. * Barumsi kun ‘yaada garaa isaanii haareffachuuf’ isaan gargaara. (Efesoon 4:23) Sassataa fi ofittummaa dhiisanii wanta argatanitti gammaduu fi namoota kaaniif yaaduu akkamitti akka dandaʼan baratu.—Filiphisiiyus 2:4; 1 Ximotewos 6:6.

6. LAMMIILEE

RAKKINA: Namoonni tokko tokko haala gaarii keessattii fi naannoo amala gaarii ilaalchisee barumsi kennamu keessatti illee amanamoo taʼuu dhiisuu fi malaanmaltummaa raawwachuu filatu. Hayyoonni mootummoonni malaanmaltummaa balleessuu kan dadhaban kanaaf akka taʼe dubbatu. Kanaaf, mootummoonni malaanmaltummaa fi miidhaa inni geessisu hirʼisuuf carraaqqii gochuu irra darbee wanta tokko iyyuu gochuu hin dandaʼan.

FURMAATA: Waliigalteen Farra Malaanmaltummaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii, malaanmaltummaa balleessuuf mootummoonni “ejjennoo cimaa, amanamummaa fi itti gaafatamummaan” akka jiraatu gochuu akka qaban ibseera. Kun karoora gaarii taʼus, Mootummaan Waaqayyoo garuu amalawwan kun jiraachuu akka qaban dubbachuu caalaa, lammiileen isaa amalawwan kana akka argisiisan isaan irraa eega. Macaafni Qulqulluun ‘namoonni sassatoon’ akkasumas warri ‘soban’ Mootummaa Waaqayyoo dhaaluu akka hin dandeenye dubbata.—1 Qorontos 6:9-11; Mulʼata 21:8.

Akkuma Kiristiyaanota jaarraa tokkoffaa namoonni yeroo harʼaa jiranis seera amalaaf baʼe kana hordofuu dandaʼu. Fakkeenyaaf, bartuun Simoon jedhamu qarshiidhaan hafuura qulqulluu argachuuf yommuu gaafatetti, ergamoonni Yesus mattaʼaa fudhachuu diduudhaan, “Hammina kanattii yaada garaa kee geddaradhu” isaan jedhanii turan. Simoon fedhiin dogoggoraa inni qabu balaa akkamii akka geessisu erga hubatee booda, ilaalcha isaa kana sirreessuuf ergamoonni Yesus akka isaaf kadhatan isaan gaafatee ture.—Hojii Ergamootaa 8:18-24.

LAMMII MOOTUMMAA WAAQAYYOO TAʼUU

Lammii mootummaa biyya kamii iyyuu yoo taate, lammii Mootummaa Waaqayyoo taʼuuf carraa qabda. (Hojii Ergamootaa 10:34, 35) Barumsi Mootummichi addunyaa maratti barsiisaa jiru lammii isaa taʼuu kan dandeessu akkamitti akka taʼe hubachuuf si gargaara. Dhugaa Baatonni Yihowaa torbanitti yoo xinnaate daqiiqaa kudhan ramaduudhaan kaffaltii malee Macaafa Qulqulluu si qayyabsiisuu dandaʼu. Wantoota sagantaa kana irratti barattu keessaa waaʼeen “misraachoo mootummaa Waaqayyoo” fi akkaataan Mootummaan kun malaanmaltummaa itti balleessu muraasa isaanii ti. (Luqaas 4:43) Kanaaf Dhugaa Baatota Yihowaa naannoo kee jiran akka haasofsiistu ykn Weeb saayitii keenya jw.org jedhamu akka ilaaltu si afeerra.

Kaffaltii malee Macaafa Qulqulluu qayyabachuu ni barbaaddaa?

^ KEY. 8 Yihowaan maqaa Waaqayyoo Macaafa Qulqulluu keessatti ibsame dha.

^ KEY. 22 Fakkeenyaaf, mata duree, “Addunyaa Malaanmaltummaadhaan Guutame Keessatti Amanamaa Taʼuun Ni Dandaʼamaa?” jedhuu fi Masaraa Eegumsaa Onkoloolessa 1, 2012 irratti baʼe ilaali. (Amaariffa)