Dhimma ijoo ta'etti seeni

GAAFFII DARGAGGOOTAA

Gargar Baʼuu Qabnaa? (Kutaa 1)

Gargar Baʼuu Qabnaa? (Kutaa 1)

 Gargar baʼuun yeroo tokko tokko faayidaa qaba. Mee muuxannoo Jiil haa ilaallu. Akkas jetteetti: “Jalqaba irratti, jaalalleen koo, eessa akkan ture, maal hojjechaa akkan turee fi eenyuu wajjin akkan ture ilaalchisee yaaddaʼuun isaa na gammachiisa ture. Taʼus, haalli kun isa irraa kan hafe eenyuu wajjin iyyuu yeroo dabarsuu hamma ani hin dandeenyetti gaʼe. Maatii koo wajjin keessumaa immoo abbaa koo wajjin yommuun taʼu illee ni hinaafa ture. Hariiroon jaalallee koo waliin qabu yommuun addaan kute, akka waan baʼaa guddaan gateettii koo irraa buʼetti natti dhagaʼame!”

 Saaraanis muuxannoo kana fakkaatu qabdi. Joon dargaggeessi inni hiriyaa dhiiraa ishii taʼe, cigoo akka jaallatu, gammachiisuun ulfaataa akka taʼee fi addaggee taʼuu isaa hubachuu jalqabde. Saaraan wanta yaadattu akkas jechuudhaan dubbatteetti: “Yeroo tokko saʼaatii sadii dabarsee dhufe! Yommuu haati koo balbala isaaf bantu callisee bira darbee, ‘haa deemnu. Saʼaatii dabarsineerra’ jedhe. ‘Saʼaatii dabarseera’ utuu hin taʼin, ‘saʼaatii dabarsineerra’ jedhe. Dhiifama gaafachuu ykn sababii itti ture ibsuu qaba ture. Hunda caalaa immoo haadha koo kabajuu qaba ture!”

 Dhugaa dha, gochi ykn amalli dogoggoraa tokko qofti hariiroo addaan kutuu hin qabu. (Faarfannaa 130:3) Taʼus, addaggummaan Joon tasa kan mudate utuu hin taʼin, amala isaa yeroo hundaa akka taʼe yommuu hubattu Saaraan hariiroo isaanii addaan kutuuf murteessite.

 Akkuma Jiilii fi Saaraa jaalalleen kee hiriyaa gaaʼelaa gaarii siif taʼuu akka hin dandeenye yoo hubatte maal goota? Haalli isaa akkas yoo taʼe, miira sitti dhagaʼamu callistee hin dhiisin! Kana fudhachuun baayʼee ulfaataa taʼus, hariiroo keessan addaan kutuun caalaatti gaarii taʼuu dandaʼa. Fakkeenyi 22:3, “Namni hubataan wanta hamaa in arga, jalaas in dhokata” jedha.

 Dhugaa dha, gargar baʼuun salphaa taʼuu dhiisuu dandaʼa. Taʼus gaaʼelli walitti dhufeenya dhaabbataa taʼe dha. Jireenya ofii guutuu gaabbuu mannaa, ammuma yeroo gabaabaadhaaf dhiphachuu wayya!