Dhimma ijoo ta'etti seeni

GAAFFII DARGAGGOOTAA

Yaada Koo Sassaabbachuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?

Yaada Koo Sassaabbachuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?

 Yaada Koo Sassaabbachuun Kan Na Rakkisu Maaliifi?

 “Akka duraanii kitaabota hin dubbisu. Keeyyatawwan dheeraa taʼan dubbisuu illee hin jaalladhu.”Ileen.

 “Viidiyoon tokko yaada dheeraa akka qabu yoo natti dhagaʼame irran daddabarsa.”Miraandaa.

 “Wanta barbaachisaa taʼe tokko raawwachaa utuun jiruu bilbilli koo yoo iyye wantin yaadu, ‘Eenyutu naaf barreesse laata?’ isa jedhu qofa dha.”Jeen.

 Teknooloojiin yaada keenya sassaabbachuun rakkisaa akka taʼu gochuu dandaʼaa? Namoonni tokko tokko akkas isaanitti dhagaʼama. Barreessaa fi gorsaa maaneejimantii kan taʼan Niikolaas Kaar a akkas jechuudhaan barreessaniiru: “Intarneetii caalaatti fayyadamaa yommuu deemnu sammuun keenya akka hihhiramu leenjisna. Odeeffannoo saffisaan akka fudhatu garuu immoo akka irratti hin yaanne goona.”

 Haalawwan teknooloojiin yaada kee sassaabbachuun akka sitti ulfaatu taasisu sadii haa ilaallu.

  •   Namootaa wajjin yeroo haasoftu. Shamarreen Maariyaa jedhamtu akkas jetteetti: “Namoonni hedduun namootuma qaamaan isaan bira jiranii wajjin utuma haasaʼanii illee ergaa barreeffamaa ergu, geemii taphatu ykn weebsaayitii hawaasaa fayyadamu. Kanaafuu, nama haasofsiisaniif xiyyeeffannaa guutuu hin kennan.”

  •   Daree keessatti. Kitaabni Digital Kids jedhamu akkas jedheera: “Barattoonni hedduun kutaa keessatti meeshaa eleektiroonikii isaaniitti fayyadamanii akka waliif barreessan, intarneetii akka fayyadaman ykn viidiyoo akka ilaalan dubbataniiru. Akkas kan godhan garuu dhimmoota barnootaa wajjin wal qabataniif miti.”

  •   Yeroo qayyabannaatti. Eeriik inni umuriin isaa waggaa 22 taʼe, “Bilbilli koo sagalee yeroo argisiisu hundatti ilaaluufan qorama” jedheera. Barataa yoo taate sababa meeshaalee eleektiroonikiitiin kan kaʼe hojiin manaa saʼaatii tokko qofa si fudhatu saʼaatii sadii ykn sanaa ol sitti fudhachuu dandaʼa.

 Wanta irratti yaadamuu qabu: Teknooloojiin xiyyeeffannaa kee akka hihhiruu fi akka si toʼatu heyyamnaan yaada kee sassaabbachuun si rakkisa.

Sammuun yaanni isaa hihhiramu akkuma farda hin leenjifamnee ti. Isatu si toʼata malee ati isa hin toʼattu.

 Yaada Koo Sassaabbachuuf Maaltu Na Gargaara?

  •   Namoota kaanii wajjin yeroo haasoftu. Kitaabni Qulqulluun, “Faayidaa warra kaaniis yaadaa malee, faayidaa ofii keessanii qofa hin yaadinaa” jedha. (Filiphisiyus 2:4) Xiyyeeffannaa kennitee dhaggeeffachuudhaan akka namaaf yaaddu argisiisi. Akka gaariitti dhaggeeffadhu; meeshaan elektiroonikii yaada kee akka hihhiru hin godhin.

     “Namootaa wajjin yeroo haasoftu giddu gidduutti bilbila kee ilaaluu irraa of toʼadhu. Nama haasofsiiftuuf xiyyeeffannaa guutuu kennuudhaan akka isa kabajju argisiisi.”Toomaas.

     Gorsa gaarii: Namootaa wajjin yeroo haasoftutti bilbila kee of biraa fageessi. Qorattoonni akka ibsanitti bilbilli kee si bira jiraachuun isaa qofti xiyyeeffannaa kee hatuu dandaʼa; sababni isaas saʼaatii taʼe tokkotti akka addaan kuttu si gochuu dandaʼa.

  •   Daree keessatti. Kitaabni Qulqulluun, “Akkaataa itti dhaggeeffattaniif xiyyeeffannaa kennaa” jedha. (Luqaas 8:18) Manni barumsaa kee daree keessatti intarneetii fayyadamuu kan heyyamu yoo taʼe yeroo itti barumsa kee irratti xiyyeeffachuu qabdutti ergaawwan ilaaluu dhiisuu, geemii taphachuu dhiisuu ykn ergaa waliif erguu dhiisuudhaan gorsa kana hojii irra oolchuu dandeessa.

     “Daree keessatti xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffachuuf carraaqqii godhi. Yaadannoo qabaadhu. Wanti xiyyeeffannaa kee harkisu akka si hin jeeqnetti fuuldura taaʼi.”Kaaran.

     Gorsa gaarii: Kompiitaratti fayyadamuu mannaa waraqaa irratti yaadannoo qabachuuf yaali. Qorannaawwan tokko tokko akka ibsanitti akkas gochuun yaada kee sassaabbachuu fi wanta baratte yaadachuuf si gargaara.

  •   Yeroo qoʼannaatti. Kitaabni Qulqulluun, “Ogummaa argadhu, hubannaas argadhu” jedha. (Fakkeenya 4:5) Akkas gochuun immoo barumsicha irra fiiguu utuu hin taʼin gad fageenyaan yaaduu kan dabalatu dha.

     “Yeroon qoʼadhutti taabileetii koo moodii xiyyaaraa irra kaaʼuudhaan qoʼannaa irratti qofan xiyyeeffadha. Ergaawwan naaf dhufan hin ilaalu. Wantin yaadachuu qabu yoo jiraate yaadannoon qabadha.”Kiriis.

     Gorsa gaarii: Bakki itti qoʼattu yaada kee sassaabbachuuf kan mijatu akka taʼu godhi. Bakki isaa qulqulluu fi kan qindaaʼe akka taʼu godhi.

a Kitaaba The Shallows—What the Internet Is Doing to Our Brains jedhamu irraa fudhatame.