Dhimma ijoo ta'etti seeni

GAAFFII DARGAGGOOTAA

Kitaabni Qulqulluun Na Gargaaruu kan Dandaʼu Akkamitti?—Kutaa 1: Kitaaba Qulqulluu Qoradhu

Kitaabni Qulqulluun Na Gargaaruu kan Dandaʼu Akkamitti?—Kutaa 1: Kitaaba Qulqulluu Qoradhu

 “Kitaaba Qulqulluu dubbisuuf yaaleen ture, baayʼee taʼuun isaa garuu na sodaachise!”—Biriyaanaa, waggaa 15.

 Atoo akkas sitti dhagaʼamaa? Taanaan mata dureen kun si gargaaruu dandaʼa!

 Kitaaba Qulqulluu dubbisuu kan qabdu maaliifi?

 Kitaaba Qulqulluu dubbisuun si nuffisiisaa? Taanaan kun waanuma jiru dha. Kitaabni Qulqulluun kitaaba xixiqqaatee barreeffamee fi fuula kumaan lakkaaʼaman qabu, akkasumas kitaaba fakkii hin qabnee fi hamma televizyinii fi viidiyoo kan nama hin hawwanne akka taʼe sitti dhagaʼama taʼa!

 Mee garuu haala kanaan yaadi: Saanduqa bara durii guddaa faayaawwan gatii guddaa qabaniin guutame tokko yoo argite wanta achi keessa jiru beekuuf hin hawwituu?

 Kitaabni Qulqulluun saanduqa faayaawwan gatii guddaa qabaniin guutame wajjin wal fakkaata. Ogummaa wantoota armaan gadii gochuuf si gargaaru qabateera

  •   Murtoowwan gaggaarii gochuuf

  •   Warra kee wajjin walii galtee jiraachuuf

  •   Michoota baayʼee gaarii taʼan horachuuf

  •   Dhiphina dandamachuuf

 Kitaabni bara durii kun bara keenyaaf faayidaa hammanaa qabaachuu kan dandaʼe maaliifi? “Kitaabonni Qulqulluun hundi geggeessaa hafuura Waaqayyootiin kan barreeffaman” waan taʼaniifi. (2 Ximotewos 3:16) Kana jechuun gorsi Kitaaba Qulqulluu keessatti argamu qaama uumama cufa keessatti ogeessa taʼe irraa kan dhufe dha jechuu dha.

Kitaabni Qulqulluun saanduqa faayaawwan gatii guddaa qabaniin guutamee wajjin wal fakkaata; keessa isaatti ogummaa gatiidhaan hin shallagamne qabateera

 Kitaaba Qulqulluu dubbisuu kanan qabu akkamitti?

 Karaan inni tokko, Kitaaba Qulqulluu jalqabaa hamma xumuraatti dubbisuu dha. Akkas gochuun kee dhaamsa Kitaaba Qulqulluu hubachuuf si gargaara. Karaa garaa garaatiin Kitaaba Qulqulluu dubbisuu dandeenya. Mee isaan keessaa lamaan isaanii akka fakkeenyaatti haa ilaallu:

  •    Kitaabota Kitaaba Qulqulluu 66n tartiiba isaaniitiin, jechuunis Uumamaa hanga Mulʼataatti dubbisuu dandeessa.

  •    Duraa duuba yeroo taʼeewwan Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsaman itti raawwatamaniin dubbisuu dandeessa.

 Gorsa gaarii: Hiikni Addunyaa Haaraa Kutaan Dabalataa A7 wantoota guguddaa jireenya Yesuus isa lafa irraatti raawwataman duraa duuba yerootiin ibsa.

 Karaan Kitaaba Qulqulluu dubbisuu itti dandeessu inni lammaffaan, seenaa haala rakkisaa si mudachaa jiruu wajjin wal fakkaatu ibsu filachuu dha. Fakkeenyaaf:

 Karaan Kitaaba Qulqulluu dubbisuu itti dandeessu inni sadaffaan, seenaa ykn faarfannaa tokko filachuu dha, achiis akkamitti hojii irra oolchuu akka dandeessu yaadi. Erga dubbistee booda gaaffiiwwan armaan gadii of gaafadhu:

  •    Yihowaan yaanni kun Kitaaba Qulqulluu keessatti akka barreeffamu kan godhe maaliifi?

  •    Yaanni kun waaʼee amala Yihowaa ykn karaa inni itti wantoota tokko tokko raawwatu ilaalchisee maal ibsa?

  •    Barumsa kana jireenya koo keessatti hojii irra oolchuu kanan dandaʼu akkamitti?

 Gorsa gaarii: Galma baafadhu. Guyyaa sagantaa dubbisa Kitaaba Qulqulluu kee jalqabuu itti barbaaddu barreeffadhu.