Dhimma ijoo ta'etti seeni

GAAFFII DARGAGGOOTAA

Jijjiirama Saala Lammeessoo Akkamittan Dandamadha?

Jijjiirama Saala Lammeessoo Akkamittan Dandamadha?

 “Saala lammeessoon ijoollee durbaaf salphaa miti. Dhiphisaa, burjaajessaa fi bitaa kan namatti taʼu dha. Wanta nama gammachiisu tokko illee waan qabu hin fakkaatu.”Oksaanaa.

 “Takka nan gammada yeruma sana immoo nan gadda. Dhiroonni akkas akka isaanitti dhagaʼamu hin beeku ani garuu akkas natti dhagaʼama.”—Biraayan.

 Saala lammeessoon furguggee roolar koostar jedhamu yaabbatanii ol baʼanii gad buʼuu wajjin wal fakkaata. Maaliif? Umuriin kun gammachiisaa akkasumas kan nama sodaachisu taʼuu waan dandaʼuufi dha. Maarree sadarkaa umurii kana karaa milkaaʼina qabuun dabarsuu kan dandeessu akkamitti?

 Saala lammeessoon maali dha?

 Salphaadhumatti saala lammeessoon, yeroo qaamnii fi miirri saffisaan jijjiiramuudhaan gara gaʼeessummaatti itti guddatuu dha. Umurii kanatti qaamaa fi hoormoonota irratti jijjiirama saffisaatu taʼa. Kun qaamni wal horuu fi mucaa godhachuuf akka qophaaʼu isa taasisa.

 Kana jechuun garuu umurii kanatti mucaa godhachuu qabda jechuu miti. Kanaa mannaa saala lammeessoon mallattoo umurii ijoollummaa keessa darbuu kee argisiisu dha. Kun immoo gama tokkoon gammachuu gama biraatiin immoo gaddi akka sitti dhagaʼamu gochuu dandaʼa.

 Gaaffii: Umurii armaan gadii keessaa yeroon saala lammeessoon itti jalqabuu isa kami?

  • 8

  • 9

  • 10

  • 11

  • 12

  • 13

  • 14

  • 15

  • 16

 Deebii: Umuriin caqasaman kun hundi yeroo baramaa saala lammeessoon itti jalqabu dha.

 Kanaafuu walakkeessa umurii kurnaniitti kan dhihaatte taʼus, mallattoo saala lammeessoo argisiisuu jalqabuu dhiisuu dandeessa. Gama biraatiin immoo waggaa kudhanii gad taatee mallattoon saala lammeessoo sirratti mulʼachuu dandaʼa. Wanti kun si dhiphisuu hin qabu. Saala lammeessoon uumamaan yeroo mataasaatti waan jalqabuuf toʼannaa kee ala dha.

Umuriin saala lammeessoo akkuma furguggee roolar koostar jedhamu yaabbatanii taphachuu gammachiisaas sodaachisaas taʼuu dandaʼa. Taʼus sodaa fi gammachuu si mudatu damdamachuu baradhu

 Jijjiirama qaamaa

 Jijjiirama saala lammeessoo wajjin wal qabatanii dhufan keessaa ifatti kan mulʼatu saffisaan guddachuu taʼuu dandaʼa. Rakkinni jiru garuu kutaaleen qaama kee hundi al takkaatti saffisa wal fakkaatuun hin guddatan. Kanaafuu yeroo kanatti siʼaayina qabaachuun yoo si rakkise hin dhiphatin. Yeroo booda sirreeffamaa akka deemu mirkanaaʼaa taʼi.

 Saala lammeessoo wajjin haala wal qabateen jijjiiramawwan qaamaa hedduun jiru.

 Jijjiirama ijoollee dhiiraa mudatu:

  •   Qaamni wal hormaataa guddachuu

  •   Bobaa, naannoo qaama wal hormaataa fi fuula irratti rifeensi biqiluu

  •   Sagaleen furdachuu

  •   Utuu itti hin yaadin qaamni wal hormaataa dhaabbachuu fi rafanii utuu jiranii sanyii dhangalaasuu

 Jijjiirama ijoollee durbaa mudatu:

  •   Harma baasuu

  •   Bobaa fi naannoo qaama wal hormaataatti rifeensa biqilchuu

  •   Laguu jiʼaa arguu

 Jijjiirama ijoollee dhiiraas taʼe ijoollee durbaa mudatu:

  •   Foolii qaamaa baakteeriyaa fi dafqaa wajjin yeroo walitti makamu uumamu.

     Gorsa: Yeroo hunda dhiqachuu fi shittoo ykn wantoota dafqa qaamaa hirʼisuu dandaʼanitti fayyadamuudhaan foolii qaamaa toʼachuun ni dandaʼama.

  •   Buguriin kan uumamu, gilaandii qibaatii gogaa qaama keenya keessatti baakteeriyaan yommuu hafuu dha.

     Gorsa: Bugurii balleessuun salphaa taʼuu baatus, ammaa amma fuula dhiqachuu fi wantoota gogaa qulqulleessanitti fayyadamuun gargaaruu dandaʼa.

 Jijjiirama miiraa

 Yeroo saala lammeessootti jijjiiramni hormoonii guddaan jijjiirama qaamaa fidu miira irrattis jijjiirama guddaa fidu dandaʼa. Jijjiiramni miiraa ulfaataa taʼe illee si mudachuu dandaʼa.

 “Gaaf tokko booʼaa erga ooltee booda guyyaa itti aanutti garuu gammadaa taata. Siʼa tokko ni aarta achii immoo waan si dawweessuuf kutaa kee keessaa baʼuun si jibbisiisa.”Oksaanaa.

 Umurii Saala lammeessootti dargaggoonni hedduun namni hundi waan isaan hordofanii fi isaan qeeqan waan itti fakkaatuuf salphaatti qaanaʼu akkasumas garmalee sodaatu. Qaamni kee saffisaan jijijjiiramuun isaa immoo haalichi caalaatti akka hammaatu godha!

 “Qaamni koo guddachuu yeroo jalqabetti taʼe jedheen gugguufee deemuu fi shamiizii babalʼaa uffachuu jalqabe. Qaamni koo jijjiiramaa kan jiru maaliif akka taʼe beeka; taʼus natti hin tolu nan qaanaʼan tures. Jijjiiramichatti baruun na rakkisee ture.”Jaaniis.

 Jijjiiramoota gama miiraatiin si mudatan keessaa inni guddaan saala faallaatiif ilaalcha kanaan dura qabdu irraa ilaalcha guutummaatti adda taʼe qabaachuu kee taʼuu hin oolu.

 “Dhiiroonni hundi kan nama aarsan akka taʼan yaaduu nan dhiise. Tokko tokko xiyyeefannaa koo harkisuu jalqaban; jaalalaan qabamuun gammachiisaa akka taʼetti yaaduun jalqabee. Hiriyoota koo wajjin ‘abalu abaluun jaallata ykn jaallatti’ yaada jedhu irratti haasofna turre.”Aleksiis.

 Dargaggoonni umurii saala lammeessoo keessatti argaman tokko tokko nama saala akka isaanii qabuuf miira jaalalaa qabaachuu dandaʼu. Haalli wal fakkaatu yoo si mudate ‘geeyii’ akka taate hin murteessin. Yeroo baayʼee miirri akkasii yeroo booda ni bada.

 “Yeroo baayʼee ijoollee kaanii wajjin waanan wal bira of qabuuf isaaniif miira jaalalaa qabaachuun jalqabe. Hamma shamarran yeroo booda na hawwachuu jalqabanitti miirri kun jira ture. Amma nama saala akka koo qabuuf miira jaalalaa hin qabu.”Alaan.

 Maal gochuu dandeessa?

  •   Ilaalcha gaarii qabaachuuf yaali. Umurii saala lammeessootti jijjiiramni karaa qaamaa fi miiraa mulʼatu wanta barbaachisaa taʼe dha. Yaada Daawit faarfatichi, ‘Karaa dinqisiisaa taʼeenan tolfameʼ jechuudhaan dubbate irraa ofitti amanannaa qabaachuu dandeessa.—Faarfannaa 139:14.

  •   Warra kaanii wajjin wal bira of hin qabiin; qaama kee irratti akka xiyyeeffattu miira sitti dhagaʼamu damdamadhu. Kitaabni Qulqulluun, “Namni wanta alaan mulʼatu ilaala; Yihowaan garuu garaa namaa ilaala” jedha.—1 Saamuʼel 16:7.

  •   Sochii qaamaa gaʼaa taʼee godhi akkasumas hirriba gaarii rafi. Hirriba gaarii rafuun aarii fi dhiphina hirʼisuuf gargaara.

  •   Yaada dogoggoraa sitti dhufan hunda hin keessumeessiin. Dhugumaan namni hundi si hordofaa jiraa? Namoonni waaʼee guddina kee yaada yoo kennan illee wantootaaf ilaalcha madaalamaa qabaadhu. Kitaabni Qulqulluun, “Wanta namoonni dubbatan hundumaatiif xiyyeeffannaa hin kennin” jedha.—Lallaba 7:21.

  •   Fedhii saalaa sitti dhagaʼamu toʼachuu baradhu; taʼuu baannaan gocha kana gara raawwachuutti si geessuu dandaʼa. Kitaabni Qulqulluun, ‘Halalummaa irraa baqadhaa! Namni halalummaa raawwachuu amaleeffate qaama ofii isaa irratti cubbuu hojjeta’ jedha.—1 Qorontos 6:18.

  •   Warra kee ykn nama amantu tokko mariisisi. Akkas gochuun jalqaba irratti si qaanessuu dandaʼa. Taʼus gargaarsa guddaa waan argattuuf akkas gochuu keetti hin gaabbitu.—Fakkeenya 17:17.

 Qabxii ijoo: Uumuriin saala lammeessoo wantoota nama qoran mataa isaa qaba. Haa taʼu malee qaamaan qofa utuu hin taʼin, karaa sammuu, miiraa fi hafuuraa guddina akka gootu carraa siif bana.—1 Saamuʼel 2:26.