Dhimma ijoo ta'etti seeni

GAAFFII DARGAGGOOTAA

Dhiibbaa Saalqunnamtii Akkan Raawwadhu Na Irra Gaʼu Moʼuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?

Dhiibbaa Saalqunnamtii Akkan Raawwadhu Na Irra Gaʼu Moʼuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?

 “Yommuun barataa turetti namni tokko saalqunnamtii akka raawwate yoo dubbate, ijoolleen kaanis akkasuma gochuu akka qaban isaanitti dhagaʼama ture. Eenyu iyyuu hiriyoota isaa irraa adda taʼuu hin barbaadu.”—Illeen, 21.

 Namni hundi akkas akka godhu waan yaaddeef, saalqunnamtii raawwachuu akka qabdu sitti dhagaʼamee beekaa?

 Namni ati jaallattu tokko dhiibbaa waan si irratti godheef saalqunnamtii raawwachuu yaaddee beekaa?

 Taanaan mata dureen kun dhiibbaa warri kaan ykn miirri kee si irraan gaʼu moʼuudhaan filannoo sirrii gochuu akka dandeessu si gargaara.

 Ilaalcha dogoggoraa fi dhugaa jiru

 ILAALCHA DOGOGGORAA: Anaan alatti namni hundi saalqunnamtii raawwata.

 DHUGAA JIRU: Qorannoon ijoollee umurii waggaa 18 irratti geggeeffame tokko, ijoollee sadii keessaa saalqunnamtii raawwatanii akka beekan kan dubbatan lama qofa dha. Haa taʼu malee akka qorannaa kanaatti, ijoollee hedduun jechuunis parsantii 30 ol kan taʼan saalqunnamtii raawwatanii hin beekan. Kanaafuu, yaanni “namni hundi” saalqunnamtii raawwata jedhu sirrii miti.

 ILAALCHA DOGOGGORAA: Saalqunnamtii raawwachuun caalaatti hariiroo keenya cimsa.

 DHUGAA JIRU: Dargaggoonni tokko tokko shamarran isaanii wajjin saalqunnamtii akka raawwatan amansiisuuf jecha kana kan dubbatan taʼus kun dhugaa miti. Yeroo baayʼee dargaggeessi tokko shamarree tokkoo wajjin saalqunnamtii erga raawwatee booda ishii dhiisa; shamarreen sunis sana booda caalaatti na jaallata jettee yaaddee waan turteef kun taʼuu isaatti baayʼee aarti. a

 ILAALCHA DOGOGGORAA: Kitaabni Qulqulluun saalqunnamtii raawwachuu ni morma.

 DHUGAA JIRU: Kitaabni Qulqulluun saalqunnamtii hin balaaleffatu; haa taʼu malee, saalqunnamtiin raawwatamuu kan qabu dhiiraa fi dubartii walfuudhan gidduutti qofa akka taʼe ibsa.—Uumama 1:28; 1 Qorontos 7:3.

 ILAALCHA DOGOGGORAA: Ulaagaalee Kitaaba Qulqulluu eeguun gammachuu nama dhabsiisa.

 DHUGAA JIRU: Gaaʼela godhachuu kee dura saalqunnamtii raawwachuu dhiisuun kee gammachuu siif argamsiisa; sababiin isaas dhiphina, gaabbii fi yaaddoo gaaʼela dura saalqunnamtii raawwachuun fidu irraa si baraara.

 Yaada ijoo: Hanga gaaʼela godhatutti saalqunnamtii raawwachuu dhiisuu isaatiin namni miidhaan irra gaʼe hin jiru. Gaaʼela dura saalqunnamtii raawwachuudhaan miidhaan kan isaan irra gaʼe garuu jira.

 Dhiibbaa saalqunnamtii akka raawwattu si irra gaʼu moʼuu

  •   Wanta sirrii fi dogoggora taʼe ilaalchisee ejjennoo qabdu jabeeffadhu. Kitaabni Qulqulluun namoonni bilchaatoon ‘wanta sirrii fi dogoggora taʼe gargar baasuuf dandeettii hubannaa isaanii hojjechiisuudhaan akka leenjisan’ dubbata. (Ibroota 5:14) Namoonni kun ejjennoo cimaa waan qabaniif salphaatti dhiibbaa isaan irra gaʼuuf hin moʼaman.

     “Wanta sirrii taʼe hojjechuuf carraaqqii guddaan godha. Maqaa gaariis qaba. Wanta maqaa kana na jalaa balleessuu dandaʼu kam iyyuu raawwachuu hin barbaadu.”—Aliishiyaa, 16.

     Qabxiiwwan kana irratti yaadi: Maqaa akkamii qabaachuu barbaadda? Warra kaan biratti fudhatama argachuuf jecha maqaa gaarii argatte balleessuun sirrii sitti fakkaataa?

  •   Miidhaa geessisu irratti yaadi. Kitaabni Qulqulluun, “Namni waanuma facaase sana haammata” jedha. (Galaatiyaa 6:7) Dhiibbaa saalqunnamtii akka raawwattu si irra gaʼuuf moʼamuun kee si irras taʼe nama kaan irratti miidhaa inni geessisu yaadi. b

     “Gaaʼela dura saalqunnamtii raawwachuun ulfa hin barbaachisnee fi dhibee saalqunnamtiidhaan daddarbaniif saaxiluu malees miira balleessaa, gaabbii fi miira akka hin jaallatamne namatti dhagaʼamu fiduu dandaʼa.”—Siyeenaa, 16.

     Qabxiiwwan kana irratti yaadi: Kitaabni Sex Smart jedhu akkas jedhee gaafata: “Michoonni kee wanta si miidhu akka raawwattu dhiibbaa si irratti godhu yoo taʼe, isaan itti michoomuu fi gorsa isaanii hordofuu qabdaa?”

  •   Ilaalcha madaalamaa qabaadhu. Saalqunnamtiin cubbuu miti. Kitaabni qulqulluun namoonni walfuudhan saalqunnamtiitti gammaduu akka qaban dubbata.—Fakkeenya 5:18, 19.

     “Saalqunnamtiin wanta gaarii Waaqayyo uume dha. Waaqayyo akka itti gammannu barbaada, haa taʼu malee qophii gaaʼelaa inni qopheessa keessatti qofa taʼuu qaba.”—Jeermii, 17.

     Qabxiiwwan kana irratti yaadi: Gaaʼela yoo godhatte, saalqunnamtii raawwachuu dandeessa. Miidhaan olitti ibsame na irra gaʼa jettee utuu hin dhiphatiin itti gammaduu dandeessa.

a Dhiibbaa akkasii kan godhan dhiirota qofa miti. Shamarran dhiironni isaanii wajjin saalqunnamtii akka raawwatan isaan amansiisuuf carraaqqii godhan hedduun jiru.

b Miidhaawwan geessisu keessaa ulfa hin barbaachisne fiduu dabaltee umurii namoota sanaa irratti hundaaʼuudhaan ijoollee wajjin saalqunnamtii raawwachuun immoo seeraan nama gaafachiisa.