Dhimma ijoo ta'etti seeni

GAAFFII DARGAGGOOTAA

Qalbii Koo Leenjisuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?

Qalbii Koo Leenjisuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?

 Wantoota armaan gadii keessaa qalbiin keessan isa kamitti fakkeeffamuu dandaʼa?

  •   koompaasii

  •   daawitii

  •   michuu

  •   abbaa murtii

 Deebiin isaa inni sirriin arfan isaanii kan jedhu dha. Mata dureen kun akkas kan jennu maaliif akka taʼe ni ibsa.

 Qalbiin maali dha?

 Qalbiin kee dandeettii wanta sirrii fi dogoggora taʼe addaan baasuuf si gargaaru dha. Kitaabni Qulqulluun qalbiin, “akkuma seera garaa namaa keessatti barreeffamee” akka taʼe dubbata. (Roomaa 2:15, Konteemporaarii Ingilish Varshin) Qalbii gaariin daandii irra deemuuf jettu ykn daandii irra deemaa jirtu gamaaggamuuf si gargaara.

  •   Qalbiin kee akkuma koompaasii ti. Rakkina irraa of eeguu akka dandeessuuf kallattii sirrii taʼe irra si qajeelcha.

  •   Qalbiin kee akkuma daawitii ti. Naamusni kee kan akkamii akka taʼe argisiisa, keessi namummaa kee kan akkamii akka taʼe mulʼisa.

  •   Qalbiin kee akkuma michuu gaarii ti. Yoo isa dhaggeeffatte gorsa gaarii sii kennuu fi akka milkooftu si gargaaruu dandaʼa.

  •   Qalbiin kee akkuma abbaa murtii ti. Wanta hamaa yommuu raawwattu si yakka.

Qalbii gaariin murtoo gaarii gochuuf si gargaaruu dandaʼa

 Yaada ijoo: Qalbiin kee meeshaa gaarii (1) murtoo sirrii akka gootuu fi (2) dogoggora kee akka sirreessitu si gargaaru taʼuu dandaʼa.

 Qalbii kee leenjisuu kan qabdu maaliifi?

 Kitaabni Qulqulluun ‘qalbii gaarii akka qabaannu’ nu gorsa. (1 Pheexiros 3:16) Qalbiin kee hin leenjifamne taanaan kana gochuun ulfaataa dha.

 “Eessa akkan jiru yommuu na gaafatan warra koo nan soban ture; iccitii kanas hin baasu. Jalqaba irratti qalbiin koo na ceephaʼa ture, yeroo booda garuu wantan godhe dogoggora akka taʼe natti dhagaʼamuu dhiise.”—Janiifar.

 Oolee bulee Janiifar qalbiin ishii wanta gochaa jirtu warra ishiitti akka himtuu fi gochawwan kana akka dhiistu ishii kakaase.

 Wanta irratti yaadamuu qabu: Qalbiin Janiifar kan ishii dammaqse hammam dursee ti?

 “Jireenya bifa lamaa jiraachuun ulfaataa fi kan nama dhiphisu dha. Qalbiin kee takkaa murtii hamaa akka murteessitu yoo heyyame, ammas murtii dogoggoraa gochuun salphaa siif taʼa.”—Maatiwu.

 Namoonni tokko tokko wanta qalbiin isaanii jedhu matumaa hin fudhatan. Kitaabni Qulqulluun namoonni kun, “miirri naamusaa isaanii guutummaatti” akka hadoode dubbata. (Efesoon 4:19) Hiikni Guud Niiwus jedhamu yaada kana, “Miira qaanii isaanii guutummaatti dhabaniiru” jechuudhaan hiikeera.

 Wanta irratti yaadamuu qabu: Namoonni wantoota hamaa raawwatanii qalbiin isaanii isaan hin ceephaane, jireenyi isaanii dhugumaan gaarii dhaa? Namoonni kun rakkinni akkamii isaan irra gaʼuun isaa hin oolu?

 Yaada ijoo: Qalbii gaarii qabaachuuf, ‘wanta sirrii fi dogoggora taʼe gargar baasuuf dandeettii hubannaa kee hojjechiisuudhaan leenjisuu’ qabda.—Ibroota 5:14.

 Qalbii kee leenjisuu kan dandeessu akkamitti?

 Qalbii kee leenjisuuf ulaagaa gocha kee wajjin wal bira qabdee ilaaltu qabaachuun si barbaachisa. Namoonni tokko tokko ulaagaa,

  •   maatii fi aadaan isaanii baase

  •   hiriyoonni isaanii baasan

  •   namoonni beekamoo taʼan baasan hordofu

 Haa taʼu malee, ulaagaa Kitaabni Qulqulluun jireenyaaf baase hunda irra kan caalu dha. Kitaabni Qulqulluun, “geggeessaa hafuura Waaqayyootiin kan barreeffame” waan taʼeef, akkasumas qaama nu uumee fi wanta nuuf wayyu beekuun kan barreeffame waan taʼeef kun taʼuun isaa nama hin dinqisiisu.—2 Ximotewos 3:16.

 Fakkeenyota tokko tokko ilaali.

 DHUGAA BUʼUURAA: ‘Qalbii qulqulluu akka qabnu beekna, waan hundumaan qulqullummaadhaan jiraachuuf hawwina.’—Ibroota 13:18.

  •   Qormaata hatuuf, warra kee sobuuf ykn hatuuf yommuu qoramtutti ulaagaan kun qalbii kee irratti dhiibbaa gochuu kan dandaʼu akkamitti?

  •   Qalbiin kee waan hundumaan qulqullummaadhaan jiraachuuf yommuu si kakaasu ulaagaan kun ammas taʼe gara fuulduraatti akka si fayyadu kan sitti dhagaʼamu akkamitti?

 DHUGAA BUʼUURAA: “Halalummaa irraa baqadhaa.”—1 Qorontos 6:18.

  •    Fakkii saalqunnamtii kakaasu ilaaluuf ykn gaaʼela dura saalqunnamtii raawwachuuf yommuu qoramtu ulaagaan kun qalbii kee irratti dhiibbaa kan fidu akkamitti?

  •   Qalbiin kee ejja irraa akka fagaattu yoo si kakaase, kun ammas taʼe gara fuulduraatti kan si fayyadu akkamitti?

 DHUGAA BUʼUURAA: “Garaa waliif laafuu fi tola dhiifama waliif gochuudhaan gaarummaa walitti argisiisaa.”—Efesoon 4:32.

  •    Obboleessa ykn michuu kee tokkoo wajjin walitti buʼiinsi yommuu uumamu ulaagaan kun dhiibbaa si irratti gochuu kan dandaʼu akkamitti?

  •   Qalbiin kee dhiifama gochuu fi gara laafina argisiisuuf yoo si kakaase kun ammas taʼe gara fuulduraatti kan si fayyadu akkamitti?

 DHUGAA BUʼUURAA: Yihowaan ‘isa humnaan nama irratti kaʼuu jaallatu garaa guutuudhaan ni jibba.’—Faarfannaa 11:5.

  •    Ulaagaan kun filannaa fiilmii, sagantaa televijiinii fi taphawwan geemii filattu irratti dhiibbaa gochuu kan qabu akkamitti?

  •   Qalbiin kee bashannanawwan jalʼina babalʼisan irraa akka fagaattu yoo si kakaase kun ammas taʼe gara fuulduraatti kan si fayyadu akkamitti?

 SEENAA DHUGAA: “Hiriyoota taphawwan viidiyoo hammina babalʼisan taphatan qaban ture; anis nan taphadhan ture. Achiis abbaan koo kana booda viidiyoowwan kana taphachuu akkan hin dandeenye natti hime. Kanaafuu viidiyoowwan kana yommuun michoota koo bira dhaqu qofan taphadha ture. Yommuun gara manaatti deebiʼu, waaʼee dhimma kanaa hin dubbadhun ture. Abbaan koo maal taate jedhee na gaafata, anis homaa hin taane jedheen deebisaaf ture. Guyyaa tokko garuu Faarfannaa 11:5 nan dubbise, wantan gochaa jiruttis nan gadde. Taphawwan viidiyoo sana taphachuu dhiisuu akkan qabu nan hubadhe. Achiis nan dhiise. Michoota koo keessaa tokkos fakkeenya koo ilaalee taphawwan viidiyoo hammina babalʼisan ilaaluu ni dhiise.”—Jeremii.

 Wanta irratti yaadamuu qabu: Qalbiin Jeremii hojjechuu kan jalqabe yoomi? Qalbii isaa dhaggeeffachuu kan jalqabe sadarkaa kam irratti ture? Seenaa Jeremii irraa maal baratta?

 Yaada ijoo: Qalbiin kee eenyummaa kee fi wanta itti amantu argisiisa. Qalbiin kee waaʼee kee maal jedha?