Dhimma ijoo ta'etti seeni

GAAFFII DARGAGGOOTAA

Ulfaatina Qaamaa Koo Hirʼisuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?

Ulfaatina Qaamaa Koo Hirʼisuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?

 Ulfaatina qaamaa koo hirʼisuun qabaa?

 Dargaggoonni tokko tokko ulfaatina qaama isaanii hirʼisuu akka barbaadan dubbatu. Haa taʼu malee . . .

  •   Hedduun isaanii fayyaa irra waaʼee bifa isaanii caalaatti dhiphatu. Mala ulfaatina qaamaa saffisaan hirʼisuu dandaʼa jedhanii amanan hordofu. Fakkeenyaaf ciree, laaqanaa fi irbaata keessaa tokko nyaachuu dhiisu ykn qoricha ulfaatina qaamaa hirʼisuu dandaʼu fudhatu. Malawwan akkanaa yeroo baayʼee buʼaa kan hin argamsiisne taʼuu isaanii irra iyyuu balaa geessisuu dandaʼu.

     “Shamarran tokko tokko saffisaan jijjiirama gochuuf of beelessu. Kun immoo yeroo baayʼee qaama isaanii kan miidhu yommuu taʼu, qaamni isaanii miidhaa isa irra gaʼe dandamachuuf yeroo dheeraa itti fudhata.”—Heelii.

  •   Dargaggoonni ulfaatinni qaama isaanii isaan yaaddessu hedduun akka yaadan baayʼee furdoo miti. Ulfaatinni qaama isaanii gaarii taʼuu dandaʼa. Haa taʼu malee, tarii hiriyoota isaanii wajjin of madaalanii ykn beeksisa sabqunnamtiin qallina ilaalchisee dabarsuun kan kaʼe furdoo akka taʼan isaanitti dhagaʼama.

     “Umuriin koo waggaa 13 yommuu turetti hiriyoota koo wajjinan of madaala ture. Baayʼee qalloo yoon taʼe caalaatti waan na jaallatan godheen yaada ture.”—Paaʼolaa.

 Haa taʼu malee dargaggoonni tokko tokko ulfaatina qaama isaanii hirʼisuun isaan barbaachisa. Akka gabaasa Dhaabbata Fayyaa Addunyaatti . . .

  •   Addunyaa maratti dargaggoonni gara miliyoona 340 taʼanii fi umuriin isaanii 5 hanga 19 gidduutti argamu garmalee furdoo dha.

  •   Bara 1975⁠tti dargaggoota umurii 5 hanga 19 gidduutti argaman keessaa parsantii 4 qofatu garmalee furdoo dha. Lakkoofsi kun bara 2016⁠tti gara parsantii 18⁠tti ol guddateera.

  •   Biyyoota addunyaa irratti argaman hedduu keessatti namoota baayʼee qalloo taʼan caalaa namoota garmalee furdoo taʼantu caala.

  •   Garmalee furdachuun biyyoota hiyyeeyyii taʼan keessattis baramaa dha, miseensonni maatii nyaata madaalamaa taʼe hin arganne illee garmalee furdachuu dandaʼu.

 Malli gaariin ulfaatina qaamaa hirʼisuuf fayyadu maali dha?

 Mala isa kam filatta?

  1.   Ciree, laaqanaa fi irbaata keessaa tokko dhiisuu.

  2.   Sochii qaamaa gochuu fi nyaata madaalamaa nyaachuu.

  3.   Qoricha ulfaatina hirʼisuu dandaʼu fudhachuu.

 Deebii sirrii: Mala 2⁠ffaa: Sochii qaamaa gochuu fi nyaata madaalamaa nyaachuu.

 Ciree, laaqanaa fi irbaata keessaa ykn gosa nyaataa keessaa tokko dhiisuun saffisaan buʼaa argamsiisuu dandaʼa. Malli kun garuu fayyaadhaaf gaarii miti; kana malees barsiifata nyaataa kee isa kanaan duraa hordofuu yommuu jalqabdu qaamni kee deebiʼee dabaluu dandaʼa.

 Karaa gara biraa immoo fayya buleessa taʼuuf galma yoo baafatte, galma kee irra gaʼuu fi bifa gaarii qabaachuu dandeessa. Doktar Maayikil Braadliin a akkana jechuudhaan barreessaniiru: “Akkaataa jireenyaa kee karaa jireenya kee guutuu hordofuu dandeessuun jijjiiruun . . . mala hunda caalaa gaarii taʼee fi buʼaa itti fufiinsa qabu argamsiisu dha.” Kun maal jechuu dha? Ulfaatina qaamaa kee hirʼisuu yoo barbaadde nyaata taʼe tokko dhiisuu mannaa akkaataa jireenyaa kee irratti jijjiirama taʼe tokko gochuuf yaali.

 Wantan gochuuf yaade

 Kitaabni Qulqulluun “barsiifata madaalamaa” akka qabaannu kan dubbatu yommuu taʼu, kun barsiifata nyaataa hordofnus ni dabalata. (1 Ximotewos 3:11) Kana malees garmalee nyaachuu irraa akka fagaannu dubbata. (Fakkeenya 23:20; Luqaas 21:34) Qajeelfamoota kana yaadatti qabachuudhaan, akkaataa jireenyaa kee fooyyessuuf qabxiiwwan armaan gadii hojii irra oolchuuf yaali:

  •   Nyaata fayyaa argamsiisu nyaachuun maalfaa akka dabalatu bari.

     Waaʼee nyaataa garmalee yaaddaʼuun barbaachisaa taʼuu baatus, akkaataa nyaataa ilaalchisee hamma tokko beekumsa muraasa qabaachuun nyaata madaalamaa argachuuf baayʼee si gargaaruu dandaʼa. Nyaata madaalamaa argachuun ulfaatina qaama keetii eeguuf mala hunda caalaa gaarii taʼe dha.

  •   Yeroo hunda sochii qaamaa godhi.

     Waaʼee wantoota guyyaa guyyaatti sochii akka gootu si taasisanii yaadi. Fakkeenyaaf, liiftiidhaan deemuu mannaa yaabbannoo fayyadami. Yeroo geemii taphattu irraa saʼaatii walakkaa isaa ala baatee miilaan deemuuf itti fayyadamuu dandeessa.

  •   Nyaata nama furdisu nyaachuu dhiisiitii nyaata gaarii nyaadhu.

     Shamarreen maqaan ishii Soofiyaa jedhamtu akkana jechuudhaan dubbatteetti: “Nyaanni gaariin kan akka muduraa fi kuduraa na biraa akka hin dhabamne gochuufan yaala. Kunis nyaata madaalamaa hin taane nyaachuuf akkan hin qoramne na gargaara.”

  •   Suuta jedhii nyaadhu.

     Namoonni tokko tokko akka quufan waan hin hubanneef calluma jedhanii nyaatu. Kanaafuu suuta jedhii nyaadhu. Nyaata nyaachaa jirtu dabalachuu kee dura xinnoo ishii takka turi. Tarii nyaanni dabalataa akka si hin barbaachisne hubachuu dandeessa taʼa.

  •   Nyaanni kee kaalorii hangamii akka qabu mirkaneeffadhu.

     Odeeffannoo nyaatawwan bitaman tokko tokko irratti barreeffaman irraa nyaanni sun kaalorii hangamii akka qabate dubbisi. Yaada: Dhugaatiiwwan lallaafaan sukkaara qaban, nyaatawwan dafanii qophaaʼanii fi baayʼee miʼaawan kaalorii hedduu waan qabaniif ulfaatina qaamaa akka dabaltu gochuu dandaʼu.

  •   Madaallii kee eegi.

     Saaraa ishiin umuriin ishii waggaa 16 taʼe akkana jechuudhaan dubbatteetti: “Yeroo tokko waaʼee kaalorii garmalee yaadaa waanan tureef nyaata saanii irratti yommuun argu yeroo hunda kaalorii hangamii akka qabaten yaada ture.” Kaalorii hedduu qabaatanis, yeroo tokko tokko nyaata akka gaariitti miʼaawan nyaachuu dandeessa.

 Fala: Ulfaatina qaama keetii ilaalchisee yaaddoo sitti dhagaʼamu ogeessa fayyaatti himuu dandeessa. Odeeffannoo galmee yaalii fayyaa kee irraa argatu xiyyeeffannaa keessa galchuudhaan akkaataa jireenyaa si fayyaduu dandaʼu akka hordoftu si gargaaruu dandaʼa.

a Kitaaba When Things Get Crazy With Your Teen jedhamu irraa kan fudhatame.